1 Ergaa Phexiros Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaJalqaba Ergatamaan Phexiros ergaa kana ka barreesse, ergaa keessatti, «Ummata Waaqaa filatamaa» jedhamu'uun ka waamamanii fi Isiyaa maandhittii keessa kutaa kaabaatiin kristaannota bittinnaayaniif, kaayyoon ijoon erga'aa'llee sababa amantii isaaniitiin ari'atamaa fi rakkinna isaan irra gayee dubbifattoota turan jajabeessu'uuf, barreessan'llee kana ka raawwateef du'a isaa, du'aa ka'iinssa isaa, waayee abddii deebi'ee dhufiinssa isaa ka labissu dubbii gammachuu Kristosii dubbifattoota beekisisu'uuf, jireenna Yesus Kristosii fakkeennumma'aan laalu'uun rakkinna obissaan fudhachuun akka isaan irra malu isaan ni hubachiisa, kanaan wolitti qabsiisu'uun'llee rakkinni qulqullummaa amantii isaanii akka qormmaatuu fi «Yesus Kristos guyyaa itti mulidhatutti» gatii isaanii ka malu akka fudhatan, isaan ni hubachiisa.Barreessaan rakkinnaan akka obissaniif jajabeessu'uun alatti'llee dubbifattoonni horddofttoonni akka bifa Kristosii titti, jiraachuu akka qabanitti, akka jiraataniif isaan ni hubachiisa.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-2Yaadannoo Fayyisummaa Waaqaa 1:3-12Jireenna qulqullaawomee jiraachu'uuf gorssa kenname 1:13—2:10Yeroo rakkinnaa titti itti gaafatamumma kristaanaa 2:11—4:19Tajaajilaa fi mataa gad qabata kristaanaa 5:1-11Woliigala 5:12-14
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help