Wongeela Maatewos 23 - Waadaa Haarawa

Waayee Barsiisota Seera Muse'eetii fi Waayee Hammeenna Farisootaa(Mar 12:38-39; Luq 11:43, 46; 20:45-46)

1Kanaan duubatti Yesus ummataa fi barattoota isaa titti'llee akkana jechu'uun ni dubbate,

2«Barsiisonni seeraatii fi Farisonni barsiisu'uuf, barcumaa Muse'ee irra ta'anii ni jiran.

3Kanaaf waan isaan isiniin jedhan maraa raawwadhaa, eega'lle'e, waan isaan hojjatan garuu hin hojjatinaa, isaa waan dubbatan hujii irra hin oolichan,

4Ulffaata'aa fi ba'aa dhibaa hidhanii gurmmuu namaa irratti ni fe'an, mataa isaaniitii garuu quba isaaniitiinuu tuqu'uuf hin barbaadan.

5 barsiisonni seeraatii fi worra Farisootaa, isinii uunsha'a! Kanaaf isin murtiin caalu isin irra ni gaya.]

15«Isin fakkeessitoota, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Nama tokko horddofaa amantii keessan taasisu'uuf garba ciisa'aa fi lafa irraa'llee ni naannofttan, yeroo isa aseensifttaniintti'llee, isin irra harka lamaan dachaa ka caaluun, ibidda asaabaatiif ka qophaaye ni taasfttaniin!»

16«Isin durssitoota jaamota nana! Isinii uunsha'a! ‹naminni Mana Waaqeffanna'aatiin yoo kakate, womaa miti jettan, worqqii Mana Waaqeffanna'aatiin yoo kakate garuu, kaku'uun ni qabamaa› jettan,

17Isin goowootaa fi jaamota nana! Worqqi'ii fi Mana Waaqeffanna'aa ka worqqii qulqullaayomssu kamittu caala?

18Akkuma kana, ‹naminni furdaan yoo kakate womaayyuu miti› ‹kennaa furdda irra jiruun yoo kakate garuu, kaku'uun ni qabama› jettan.

19Isin jaamota nana! Kenna'aa fi furdda kennaa qulqullaayomssu irra, kamittu caala?

20Kanaaf furddaan ka kakatu, furddaa fi waan furdda irra jiru maraan ni kakata.

21Mana Waaqeffanna'aatiin'llee ka kakatu, Mana Waaqeffanna'aatii fi waan Mana Waaqeffanna'aa keessa jiraatu maraan kakata.

22Mat 5:34.Sami'iin ka kakatu'llee teessoo Waaqaatii fi teessoo irra ka taa'uun'llee ni kakata.»

23Isin fakkeessitoota barsiisonni seeraatii fi Farisoota! Isinii uunsha'a! Amissuudaa, cuuphine'ee fi qarafaa irraa'llee kennaa Mana Waaqaatiif ni kennitan, garuu seera keessatti wonittoota argaman ijoo ijoo ni dhiifittan, isaan'llee murtii sirri'ii, dhiifamaa fi amanamuumma'a, isa uduu hin dhiisin, kana'llee raawwachu'utu isin irraa mala ture.

24Isin dursitoota jaamota nana! Waan dhugiddan mara irraayyuu waan akka booke'ee shiikkoo ta'e dhinbiibiddanii ni gattan, waan akka gaalaa gudda'aa ta'e, garuu ni liqimsitan.

25«Isin fakkeesitoota barsiisonni seeratii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Kubbaaya'aa fi qorii gara duubaatiin ni qulqulleessitan, keessi isaa garuu, saamichaa fi dondhummaan ka itti guuttame,

26ati Farsicha jaamaa nana! Durssiitii qubbaayyaa fi qorii gara keessaatiin qulqulleessi! Yeroo sanitti gara duubaatiin'llee qulqulluu ni ta'a.»

27 HuE 23:3. «Isin fakkeessitoota nana, barsiisonni seeratii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Keessa isaanii titti lafee namoota du'aniitii fi waan battii maraan ka guuttaman, duuba isaaniitiin garuu noora'aan laanbubaman awwaalota ni bareedan fakkaattan.

28Akkuma kana isin duubanaan namaaf qulqullaayota fakkaatanii ni muldhattan, keessa keessantti garuu, fakkeessitumma'aa fi hammeenni isinitti guutee jira.

29«Isin fakkeessitoota barsiisonni seeratii fi Fariisoonni! Isinii uunsha'a! Awwaala nabiyyootaa ni ijaarttan, siidaa dhaga'aa ka qulqullaayotaa'llee ni bareechifttan.

30‹Bara abbootii keenna ka duraanii titti argaminnee uduu jiraanneetii dhiiga nabiyyootaa jissu'uun, isaaniin woliin ni hirmmaanna ture› jettan.

31Eegaa, nabiyyoota namoota ajjeessaniif ijoollee ta'uu keessan mataan keessanuu ragaa ni baatan.

32Eegasuu abbootiin keessan waan jala qaban isin'llee raawwadhaa.

33Mat 3:7; 12:34; Luq 3:7.Isin bofoota, ijoollee bofaa, attamiin adabbii ibidda asaabaa jalaa bayu'uuf dandeettan ree?

34Kanaaf kunoo, ani nabiyyoota, ogeessota, barsiisota gara keessan ni erga, isaan keessa tokko tokko'llee ni ajjeefttan, tokko tokko ni fannifittan, tokko tokko'llee bakka wolgayii isaanii titti ni dhaanttan, magaala'aa gara magaala'aa'llee isaan ni ariitan,

35sababa kanaan'llee Qulqullaawotaatii fi dhiiga Abbeelii irraa jala qabee, Mana Waaqeffanna'aatii fi furdda jiddu'utti haga ka ajjeefttan, haga ilma Baraakiya'aa haga dhiiga Zakaariyaasii waayee dhiiga arddii irratti jige, waayee dhiiga qulqullaayotaa, adabbiin isin irra ni gaya.

36Dhugamaan isiniin jedha, adabbiin kun marrinuu dhaloota kana irra ni gaya.»

Yesus Yerusaalemiif Akka Booye(Luq 13:34-35)

37Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yerusaalem, yaa Yerusaalem! Ati ta nabiyyootaa ajjeefttu! Worra gara kee ergaman'llee dhaga'aan ka woqarttu! Akkuma lukkuun cuuciiwwan isi'ii koola isi'ii jalatti wolitti qabddu, ani'llee ijoollee kee tokkumma'aan wolitti qabu'uuf, yeroo meeqa eeyyame! Isin garuu hin barbaanne.

38Eegaa kunoo, manni keessan ona ta'ee ni hafa.

39Kanaaf, ‹maqaa Goofta'aatiin ka dhufu ka eebbifame› haga jettantti, ammaa achitti ana hin argitan» isiniin jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help