Hujii Ergamittootaa 18 - Waadaa Haarawa

Phaawulos Qorontoositti

1Kanaan duubatti Phaawulos Ateenaa ka'ee, gara Qorontoosii ni deeme,

2Achitti'llee dhalataa biyya Phonxosii ka ta'e, Aqiilaa ka jedhamu nama Yihudicha tokko ni argate, nugufnni Roomaa Klaawudiiyos, Yihudonni marrinuu Roomaa akka bayan ajajee waan tureef, Aqiilaan hadha worraa isaa Phrisqiilaa woliin, yoma san Ixaaliyaa dhufuu isaati ture, kanaaf Phaawulos gara isaa dhaqee isaanii wol ni barate,

3hujiin isaa'llee akkuma isaanii dukkaana hodhuu waan ta'eef, isaan woliin taa'ee ni hojjata ture.

4Sanbbataan'llee bakka wolgayii isaanii titti argama'aa, haasaya taasisu'uun Yihudotaa fi Giriikota ni hubachiisa ture.

5Siilaasii fi Ximotewos Maqedooniyaa yeroo dhufanitti Phaawulos, «Yesus Masihicha» jechuun, Yihudotaaf ciminnaan ragaa baya'aa barsiisu'uun, yeroo isaa mara ni dabarssa ture.

6Garuu Yihudonni yeroo isa mormmanii fi isa arabisanitti awwaara uffata isaa hargufatee, «Eegaa isinitti yoo murtteeffame balleessaa mataa isaaniitiin! ani itti gaafatama hin qabu, ammaa achitti gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deema!» isaaniin ni jedhe.

7Kanaaf isaan biraa fooyamee gara mana nama Tiitoos Iyosxoos jedhamu ni deeme, naminni kun'llee Waaqa ka Waaqeffatu ture, manni isaa'llee bakka woligayii bira ni ture.

8Kriisphos ka jedhamu itti gaafatamaa bakka wolgayii maatii isaa mara woliin Goofta'atti ni amane, namoonni Qorontoosii baay'een'llee Phaawulos yoo dubbatu dhagayanii amananii, ni cuuphaman.

9Gooftaan'llee halkan muldhataan Phaawulosiin akkana ni jedheen, «Hin sodaatinii, dubbadhu, hin caldhisin,

10ani si woliin ni jira, magaalaa kana keessaa namoota baay'ee ni qabaatii, miidhaa sirraan gayuu ka danidda'u eennu'llee hin jiru.»

11Kanaaf Phaawulos dubbii Waaqaa ummata barsiisaa, woggaa tokkoo fi wolakkaa achi ni ture.

12Gaalii'on bulichaa biyya Akaayiyaa ta'ee yeroo muudametti, Yihudonni tokkummaan hirmmaatanii Phaawulosiin irratti ni ka'an, gara mana murti'ii isa fidaniiti,

13«Naminni kun karaa seera mormmuun namoonni Waaqa akka Waaqeffatan ni taasisaa!» jedhan.

14Phaawulos deebii kennu'uuf qophaayee uduu jiru, Gaalii'on Yihudotaan akkana ni jedhe, «Isin worri Yihudotaa! Miidhaan yookiin yakki ulffaataan isin irratti raawwatamee uduu jiraatee, himannaa keessan obissaan ni dhagayya ture,

15Garuu waayee jechootaa fi waayee maqaawwanii, waayee seera keessaniitiif'llee ka mormmtan yoo taate, dhimma keessan, ani waan kanniin irratti murtteessu'uuf hin barbaadu.»

16Akkana'llee jedhee mana murtii hawaasumma'aa keessaa isaan ni baase.

17Yeroo kanatti marrinuu itti gaafatamaa bakka woligayi'ii Sosteneesiin qabanii, mana murtii hawaasumma'aa duranatti ni dhaananiin, kun marrinuu yoo ta'u, Gaalii'on dhimma woyiituu hin qabu ture.

Phaawulos Gara Anxokiya'aa Deebi'uu Isaa

18Phaawulos obboleeyyan woliin guyyoota baayi'eef Qorontoostti eega tureen duubatti, nagaya isaanitti dhaamee gara Sooriya'aa ni deeme, Phrisqiila'aa fi Aqiilaan'llee isaan woliin jiran turan, garuu guduuffaa qaba waan tureef uduu hin deeminiin duranatti, bakka Kinkiriyaa jedhamutti mataa isaa ni haadate.

19Gara Efesoon yeroo gayanitti, Phrisqiilaa fi Aqiilaa achitti isaan ni dhiisan, inni garuu gara bakka wolgayii aseenee, worra Yihudotaa Kristosiitiif haasaya ni taasisa ture.

20Yeroo dheeraaf'llee isaan woliin akka turuuf isa kadhatan'llee, tole isaanii hin jenne.

21Garuu, «Fedhii Waaqaa yoo ta'e, yeroo biraa gara keessan deebi'ee, ni dhufa» isaaniin jedhee, Efesoonii doonii yaabbatee ni deeme.

22Gara Qiisaariyaa'llee yeroo gayetti, achiin gara Yerusaalemii deemee namoota woldayaa Kristosiitiif nagaya eega dhiyeesseen duubatti, deebi'ee gara Anxokiyaa ni bu'e.

23Achitti'llee yeroo muraasaaf ni ture, kanaan duubatti Galaatiyaa fi gara biyya Firigiyaatiin, bakka tokko gara bakka biraa dedeebi'aa amanttoota ni jajabeesse.

Aphiloos Efesoonii Fi Qorontoositti

24Yihudichi Ahpolos jedhame ka nama biyya Iskindriyaa ta'e tokko, gara Efesoonii ni dhufe. Inni'llee kitaabban Qulqulluu xumuree ka baratee fi nama danddeettii haasaya mishaa qabu ture.

25Waayee karaa Goofta'aa ka baraatee fi hafuuraan'llee ka gubate ta'ee, waayee Yesusii qajeelatti ni lallabaa fi ni barsiisa ture, haa ta'u malee inni ka beeku cuuphaa Yohaannisii qofa ture.

26Inni'llee bakka woligayii titti uggiinssaan, dubbachuu jala ni qabe, garuu Phrisqiilaa fi Aqiilaan yeroo isa dhagayanitti, gara mana isaanii fudhataniiniiti, waayee karaa Waaqaa waan duraanii caalaa, qajeelatti tareessanii ni ibissaniif.

27Apholos'llee gara biyya Akaayiyaa deemu'uuf yeroo yaadetti obboleeyyan yaada isaa ni fudhatan, obboleeyyan Akaayiyaa jiran'llee haala misha'aan akka isa simataniif, xalayaa ni barreesseef. Achi'llee yeroo gayetti, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin amanttoota ta'uuf worra gayan, haalaan isaan ni gargaare.

28Yesus Masihicha ta'uu isaa dubbii kitaaba Qulqullu'uutiin isaan hubachiisa'aa, mormmii cima'aan Yihudota ni injifata ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help