1Kun jalqaba wongeela Yesus Kristos Ilma Waaqaa
2Nabiyyicha Isaayyaasiin,
«Kunoo, karaa kee ka haru,
ergamaa kiyya si'iin duranatti durssee ni erga.
3Kun'llee,
‹karaa Goofta'aa qopheessaa,
xurree'llee sirreessaa!› jedha'aa,
bakka gammoojji'ii titti qoonqqa ol fudhatee nama dubbatu»
jedhamee, akkuma barreeffame.
4Kanaaf Yohaannisiin Cuuphaan, «Dhiifama cubbu'uu akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aa cuuphamaa!» jechu'uun, gammoojjii keessa lallaba'aa ni dhufe.
5Arddii Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalemiitii'llee namoonni baayi'een gara isaa ni dhufan ture, cubbuu isaanii'llee himata'aa Laga Yoordaanosii titti, harka isaatiin ni cuuphaman ture.
6Uffanni Yohaannisii rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi dammaa daamu'uu ni ture.
7Akkana'llee ni jedha ture, «Hidhaanuma kophee isaatuu gadi jedhee hiiku'uuf gonkumaa ka hin dandeenne, ka ana haalaan caalu ana duubaan ni dhufa.
8Ani bishaaniin isin ni cuupha, inni garuu Hafuura Qulqullu'uun isin ni cuupha.»
Cuuphamu'uu Yesusiitii fi Qormaatamuu Isaa(Mat 3:13-17; 4:1-11; Luq 13:21-22; 4:1-13)9Yeroo saniin duubatti Yesus magaalaa Naazireetiitii ta kutaa biyya Galiila'aa titti argamttu bayee, laga Yoordaanosii titti harka Yohaannisii titti ni cuuphame.
10Bakkumatti Yesus bishaan keessaa akkuma bayeen, samiin yoo banamuu fi Hafuurri Qulqulluun fakkeenna bifa handari'iitiin, isa irratti yoo bu'u ni arge.
11 tokko gara Yesusii dhufeeti miila isaa jalatti jilbbiiffatee, «Yoo eeyyamtte ana fayyisu'uu ni danddeetta» jechu'uun, ni kadhateen.
41Yesus'llee garaa laafeefiiti harka isaa hiixatee qaqaba'aanii, «Eeyyamee jiraa fayyi!» jedheen.
42Namichi'llee bakkumatti waashayinna irraa ni fayye.
43Yesus'llee namicha ciminnaan ufi eeggachiiseenii ni geegesseen.
44«Waan kana eennutti'llee akka hin himnneef ufi eeggadhu, garuu deemiitii mataa kee qeesichatti muldhis, isaaniif'llee ragaa akka ta'u waayee fayyinna keetiitiif, kitimaa dhiyeessi» jedheen.
45«Haa ta'u malee namichi achii bayee, waan kana maraa nama marattuu odeessuu jala ni qabe. Waayee kanaan'llee Yesus gara magaalaa kamiituu, ifatti aseenu'uuf hin dandeenne. Garuu magaala'aan alatti bakka naminni hin jirre ni jiraata ture. Ta'u'llee namoonni bakka maraa gara isaa ni dhufan ture.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.