1Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa,
2nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»
3 Mul 13:1. Kanaan duubatti maleyikkichi Hafuuraan gara lafa gammoojji'ii ana ni fudhate, gara inni qabu marattuu maqaa arrabaa ka itti barreeffaman, mataawwan torbaa fi gaaffiin kudhanii ka qabu, bineenssa diimaa irra ka teette, dubarttii takka ni arge.
4Namittiin hamaraa fi uffata diimaa uffatee ture, worqqi'ii fi dhagaa gatiin isaa gudda'aa, dooqotaan'llee bareeddee turtte, harka isi'ii titti'llee waan jibbisiisuu fi battummaan sagaagalummaa isi'ii ka itti guute, duloo worqqi'ii qabattee ni turtte.
5Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.
6Dubarttin sun dhiiga Qulqullootaatii fi dhiiga wereegamttoota Yesusiitiin machoofttee ni argeen, yeroo isii argetti'llee haalaan ni maalalffadhe.
7Maleyikkichi garuu akkana naan ni jedhe, «Waayee maali'iitiif dinqisiifatta? Dhossaa dubartti'iitii fi ka isiin irra teette, mataawwan torbaa gaaffan kudhanii ka qabu, dhossaa bineenssichaa siif ni ibisa,
8Mul 11:7.bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»
9«Ogummaa ka qabu sammuun ka barbaadamu asi irratti, mataawwan torbban dubarttiin ka isaan irra teettee jirttu gaarota torbban.
10Akkuma kana nugusota torbban, shanan kufanii jiran, tokkochi amma ni jira, kuun amma'llee hin dhufinne, inni yoo dhufe yeroo muraasa qofaaf, turuu qaba.
11Nugufnni saddeetaffaa ka duraan turee fi bineenssa amma hin jirre, inni'llee torbban keessaa tokko, gara badi'ii'llee ni deema.»
12«Gaafaan argite kurnnan amma'llee nugusota hin moo'in, garuu sa'aatima tokkoofuu bineensichcaan woliin akka moo'aniif, aangoo moo'u'uu ni argatan.
13Nugusonni kurnnan kunniin'llee yaada tokko ni qaban, isaan huminna isaaniitii fi aangoo isaanii'llee bineenssichaaf ni kennaan,
14Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.»
15Maleyikkichi'llee akkana naan jedhe, «Bishaanonni sagaagalittuun irra teettee argite, ummatootaa fi namoota, gosootaa, worra afaanota adda addaa dubbatan,
16Bineenssichaa fi gaafonni kurnnan argite sagaagaltittii ni jibban, gara badi'iitiin'llee ni gayaniin, qullaa isi'ii'llee ni hanbisaniin, foon isi'ii ni nyaatan, ibiddaan'llee ni gubaniin,
17Karoora isaa akka raawwataniif yaada kana onnee isaanii keessa ka kaaye Waaqa, kanaaf dubbiin Waaqaa haga raawwatamutti isaan yaada tokkotti wolii ni galan, aangoo nugusa ta'uu isaanii'llee bineenssichaaf ni kennan.»
18«Dubarttiin argite'llee nugusota arddi'ii irratti ta mootomttu, magaalattii ol aanttu'u.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.