1Amma ammoo yaa obboleeyyan! Dubbiin wongeela ka isin barsiise isin yaadachiisu'uuf ni barbaada, kun'llee dubbii wongeelaa ka isin fudhattanii fi jabaattanii ka ittiin dhaabattan.
2Ka isin barsiise dubbii wongeela jabeesitanii yoo qabattan isaan ni fayyitan, yoo kana ta'uu dhabaate garuu, ka amanttan tasaan.
3Ani ka fudhadhee sadarkkaa jalqabaa waan jiru isiniif dabarssee jira, wonitti isiniif dabarsse'llee kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, Kristos waayee cubbuu keennaatiif ni du'e,
4 akka hanqinna dhalatee jiruu titti'llee ammoo, ni muldhate.
9HuE 8:3.Ani woldaya Waaqaa ka ari'e waan ta'eef ergamittoota maraayyuu gad ka hanqadhee fi ergatamcha'llee jedhamee waamamuun ka naan hin malle.
10Garuu ani amma waan ta'u ta'ee ka argamu kennaa bilisaa ka Waaqaatiin, kennaan bilisaa ka naaf kenname'llee firii malee hin hafinne, gonkumaa kaanniin caala'atti huji'iin dadhabee jira, garuu kana ka taasise kennaa bilisaa ka Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa miti.
11Eegaa ana ta'ee isaan'llee ka barsiifnnu isuma kana, isin'llee ka amanttan kanuma.
Du'aa Ka'iinssa Namootaa12Garuu Kristos du'aa akka ka'e ka barsiifnnu yoo ta'e, isin jiddu'uu tokko tokkoo du'aa ka'iinssi hin jiru attamitti jedhan?
13Du'aa ka'uun yoo ka hin jiree Kristos du'aa hin muldhanne jechu'u,
14Kristos du'aa yoo hin ka'in barsifinni keenna ta'ee amantiin keessan'llee, tasa ta'uu isaati.
15Deebi'ee'llee Waaqinni Kristosiin du'aa kaaseenii jira jennee barsiisuu keennaan, ragoota Waaqaa dharttoota taanee jirra akka jechu'uutti, eegaa namoonni du'an du'aa hin ka'in Waaqinni Kristosiin du'aa hin kaafnneen jechu'u.
16Namoonni du'an du'aa yoo hin ka'in, Kristos'llee hin kaafnne jechu'u.
17Kristos du'aa hin muldhanne yoo ta'e amantiin keessan tasa, amma'llee cubbuu keessa ni jiraattan jechu'u,
18Kristostti'llee amananii worri du'an badanii jiran jechu'u.
19Kristosiin abddii ka taasfannu jireenna biyya lafaa kana qofaaf yoo ta'e, namoota mara irra caala'atti ka nuuf gaddamu ta'uu keenna.
20Garuu Kristos worra du'aaniif du'aa ka'uun hangafa ta'ee, dhugamaanuu du'aa ka'ee jira.
21Duuti ka dhufe nama tokko waayee Addaamiitiin akkuma ta'e, du'aa ka'iitiin'llee ka dhufuun karaa nama tokko Kristositiin.
22Waayee Addaamiin naminni marrinuu akkuma du'u, akkuma kana waayee Kristositiin naminni marrinuu jireenna ni argata.
23Kun'llee ka ta'u tokkoo tokkoofuu tartiibaan, Kristos du'aa ka'uun fakkeenna jalqabaati, maa'ii yeroo Kristos dhufutti ka isaa worri ta'an du'aa ni ka'an.
24Itti aanssee'llee Inni kuta'aa bulichu, aangoo fi humnna mara'llee balleessee mootummaa Waaqa Abba'aatiif yeroo kennutti, muummeen biyya lafaa ni ta'a.
25Waaqinni diinota isaa maraa aangoo isaa jala haga isaaf taasisuufitti, Kristos mootomuun ni malaan.
26Injifatamee muummee irratti diinni dhabamisiifamu du'a.
27«Waaqinni waan maraa aangoo isaa jala taasiseefii jira» ka jedhu, barreeffamee jira, garuu, «Wonitti marrinuu aangoo isaa jala ta'ee jira» yoo jedhamu, waan maraa aangoo isaa jala ka isaa taasiseef Waaqa Abbaa hin dabalatu.
28Wonitti marrinuu aangoo Kristosii jala eega ta'een duubatti, Waaqinni Abbaan mara waan maraan akka ta'uuf, Ilmi mataan isaa waan maraa aangoo isaatiin jala ka isaa taasiseef, aangoo Waaqa Abba'aa jala ni ta'a.
29Eegaa, namoonni du'an ka hin muldhanne yoo ta'e waayee namoota du'aniitii fi ka cuuphaman marrinuu, bu'aan isaanii maali'i? Namoonni du'an gonkumaa ka hin muldhanne yoo ta'an, namoonni bakka isaanii maali'iif cuuphaman?
30Nu'llee taanaan saa'aatimaan galtte'eef saaxilama'aa ka jiraannu maaliif?
31Yaa obboleeyyan! Ana guyyama guyyaan du'atu ana qunnama, kana'llee ka isinitti himu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddiin isin irratti qabu, dhugaa waan ta'eef.
32Akka yaada namaa ani Efesoonitti, bineenssa bosonaatiin woldhaanu'uf faayiddaan kiyya maali'i? Worri du'an du'aa ka hin muldhanne yoo ta'e ammoo, «Boru waan duunuuf kootaa haa nyaannuu, haa dhuginnuu» akka jedhame ta'uu isaati.
33Hin sobaminaa, «Waahelli hamaan amala mishaa ni balleessa.»
34Gara qalbbii teessanii deebi'aa, cubbuu'llee hin hojjatinaa, isin jiddu'uu tokko tokko ka Waaqa hin beekinne ni jiran. Kana'llee ka jedhuuf akka saalfattaniif jedheeti.
Haala Qaama Du'aa Ka'ee35Naminni tokko, «Namoonni du'an ka ka'an attamittii? Du'aa yoo ka'an'llee qaaminni isaan qabaatan hoo bifa kami?» jedhee, ni gaafata ta'a.
36Ati gowwaa! Midhaan facaafttuu yoo hin du'in, lubbuu hin qabaatu,
37Ati yoo facaafttu'llee sanyii qamadi'ii yookiin midhaan bira'aa qofa ni facaaftta malee, biqilttuu maa'ii irra bayuu miti.
38Waaqinni garuu sanyi'iif akka barbaadetti qaama ni kennaaf, tokko tokkoo sanyii isaaniitiifuu qaama adda addaa ni kennaaf.
39Foon marrinuu bifa tokkoo miti, foon namaa'llee bifa tokko, foon beeyiladaa bifa bira'aati, foon sinbirrootaa bifa bira'aati, foon qurxummi'ii bifa bira'aati.
40Akkuma kana qaaminni sami'ii ni jira, qaaminni ka lafaa'llee ni jira, garuu qaaminni sami'ii ulfinni isaa bifa tokko, qaaminni ka lafaa'llee ulfinni isaa bifa bira'aati.
41Ulfinni adu'uu bifa tokko, ulfinni ji'aa bifa bira'aati, ulfinni urjjiiwwan'llee bifa bira'aati, urjjiin tokko urjjii bira'aa irraa ulfinna addaa ta'e ni qaba.
42Haalli namoota du'aa ka'anii'llee kanuma fakkaata, qaama du'u ka badu ta'ee ka facaafame, qaama hin badinne jiraataa ta'ee ni ka'a.
43Salphinnaan ka facaafame ulfinnaan ni ka'a, dadhabaa ta'ee ka facaafame jabaataa ta'ee ni ka'a,
44qaama foonayeessa ta'ee ka facaafame qaama hafuuraayaa ta'ee ni ka'a. Qaaminni foonayaan yoo jiraate, qaaminni hafuurayaan'llee ni jira.
45Kanaaf, «Naminni jalqabaa Addaam uumama jiraataa ni ta'e» jedhamee barreeffamee jira, Addaamiin maai'ii Kristos garuu, hafuura jireenna kennu ni ta'e.
46Garuu jalqaba ka dhufe foonaya'a malee ka hafuuraatii miti, ka hafuuraa ka dhufe ka fooniitiin duuba irratti.
47Naminni jalqabaa Addaam ka uumame lafa irraa waan ta'eef ka lafaat, Naminni lammaffaa ka dhufe samii irraayyi.
48Lafaa irraa ka ta'an akkuma ka lafa irraa uumamaniiti, sami'ii ka ta'an akkuma isa ka sami'ii dhufeeti.
49Akkuma bifa nama biyya lafaa fakkaannutti, bifa nama sami'ii'llee ni fakkaanna.
50Yaa obboleeyyan! wonitti isinitti himu kana, foonii fi dhiiginni Mootummaa Waaqaa hin dhaalan, akkuma kana qaaminni du'uu ka badu ka hin badinne, qaama hin banne jiraataan ka hin badinne hin dhaalu.
51 1Tas 4:15-17. Kunoo, dhossaa tokko isinitti ni hima. Nu'u marri keennaa hin duunu, garuu marri keennaa ni jijjiiraminna.
52Ka jijjiiraminnu'llee xurunbbaan laali'ii ka muumme'ee yeroo afuufamutti akka limsata ijaa yeroo tokkotti. Xurunbbaan laali'ii ni afuufama, namoonni du'an'llee ka hin badinne jiraattota ta'anii ni ka'an, nu'llee ni jijjiiraminna,
53Kun ka badu ka hin badinne, kun ka du'u'llee ka hin duune uffachuu ni qaba.
54Kun ka badu ka hin badinne, kun ka du'u'llee ka hin duune yeroo itti uffatutti, «Duuti injifanno'oon moo'atamaan ni liqimfame!» jedhamee, ka barreeffame ni raawwatama.
55Akkuma kana,
«Yaa du'a, injifattee moo'uun kee eessa jira?
Yaa du'a! Humnniti kee ka nama ittiin miitu eessa jira!» jedhamee jira.
56Huminni duuti ittiin iddamu cubbu'u, huminni cubbu'uun'llee seera.
57Garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin injifannoo ka nuuf kennu, Waaqaaf galanni haa ta'u!
58Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.