Gara Worra Galaatiyaa 2 - Waadaa Haarawa

Ergamittummaan Phaawulosii Ergamittoota Kaanniin Biratti Beekamuu Isaa

1 HuE 11:30; 15:2. Woggaa kudha afuriin duubatti Baarnaabaasiin woliin gara Yerusaalemii deebi'ee ni deeme, Tiitoosiin'llee ana woliin qabadheenii deemee ture.

2Ka deeme'llee akka Waaqinni anaaf ibiseen. Kanaan ka ittiin hojjadhee fi ammma'llee ka hojjadu tasa ta'ee akka hin hafinne jechu'uun, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef wongeelli lallabu namoota hangafoota durssitoota ta'aniif, dhuunffa'aan isaaniif ni beekisise.

3Tiitoosiin anaan woliin ni jira ture yoma Giriikicha ta'e'llee akka gadoomuuf, hin dirqamsiifamnne.

4Garuu jidduu keennaan huluuqanii dhossa'aan worri aseenan obboleeyyan dharttoonni tokko tokko akka gadooman barbaadanii turan, namoonni kunniin basaasaaf jidduu keenna huluuqanii ka aseenan, Yesus Kristosiin bilisummaa qabnnu fudhanii, gara garbumma'aa titti nu deebisu'uuf yaadaniiti.

5Nu'u garuu dhugaan wongeelaa isin biratti jabaattee akka jiraattuuf jechu'uun, yeroma muraasaafuu harka hin kennanne.

6Kunniin durssitoota fakkaatanii ka muldhatan garuu, Waaqinni fuula namaa laalee waan hin dalleef, waayee eennummaa isaanii ka duraaniitiif yaada hin qabu, kunniin durssitoota ka jedhaman wongeela ani lallabu ka gammachu'uu irratti, waan haarawa woyiituu itti hin daballe.

7Gonkumaa Waaqinni Phexirosiin dubbii gammachu'uu Yihuudotatti akka dubbatuuf bifa ergameen, ani'llee dubbii gammachu'uu Ummata Waaqa duga'aa titti hin amannetti akka dubbadhu akka ana taasise ni hubadhe.

8Kanaaf Phexiros barataa worra Yihudotaa ta'ee akka tajaajiluuf Waaqinni isa taasise, ana'llee barataa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ta'ee akka isaan tajaajilu ana taasisee jira.

9Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan.

10Garuu hiyyeesota jidduu isaanii jiran akka yaadanuuf yaboo nuun ni jedhan, kun'llee waan ani hisataan raawwadhe.

Phaawulos Anxokiya'atti Phexirosiin Akka Mormmeen

11Phexiros gara Anxokiya'aa yeroo dhufetti ifatti dogoggoree waan tureef, isuma duranatti ni mormmeen.

12Yaaqoob ka isaan erge namoonni tokko tokko gara Anixokiya'aa dhufuu isaaniitiin duranatti, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee jiddu'utti worra amanan woliin ni nyaatan ture, eega isaan dhufaniin duubatti garuu, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii worri amanan gadoomuu ni qaban» gareewwan jedhan sodaachu'uun, ufi duuba deebi'anii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa ni fooyaman.

13Kristaanonni gara worra Yihudotaatii ta'an tokko tokko'llee, sareeganummaa Phexirosii ni horddofan, Baarnaabaas'llee uduu hin hafin sareeganummaa isaaniitiin hawatamee ture.

14Gochi isaanii dhuga'aa woliin woliigaluu dhabuu isaa yeroo argetti Phexiros, «Ati Yihudicha taatee uduu jirttu naamusa Yihudotaatiin uduu hin ta'in, akka naamusa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee titti ni jiraatta ture. Eegaa, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne naamusa Yihudotaatiin akka jiraatu maali'iif isaan driqamsiiftta ree?» jechu'uun, mara isaanii duranatti isaan ni mormmeen.

Yihuudota Ta'anii Ummanni Waaqa Dhuga'aa Titti Hin Amanne'llee Ka Fayyan Amanti'iin

15Dhugamaanuu nu'u dhalootaa kennaan Yihudi'i, akka Ummata Waaqa duga'aa titti hin amannee titti, cubbamootaa miti.

16Rom 3:20, 22.Garuu naminni ka qulqullaawomu Yesus Kristostti amanu'uun malee seera raawwachu'uun akka hin ta'in ni beekinna, nu'llee seera raawwachu'uun uduu hin ta'in Kristostti amannu'uun akka qulqullaawomnnuuf Yesus Kristostti amannee jirra, naminni kum'llee seera waadaa duraanii raawwachu'uun hin qulqullaawomu hin argitan.

17Kristostti amanu'uun qulqullaayomu'uu yoo barbaannu nu mataan keennaa cubbamoota taanee yoo argaminne eegaa, cubbuu akka hojjannu ka nu taasisu Kristos jechu'u moo? Gonkumaa miti!

18Ani mataan kiyya ka diige naamusa Seeraa deebisee ka hojjadhu yoo ta'e, ani mataan kiyya Seera diigaa ta'uu kiyya ni mirkaneessa jechu'u.

19Waaqaaf akka jiraadhu karaa Seeraatiin haga waan du'aan fooyamuu titti Seera irraa fooyamee jira.

20Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun.

21Kennaa Waaqaa ka bilisaa tasaan hin hanbisu, naminni ka qulqullaayomu seera raawwachu'uun yoo ta'e, Kristos ka du'e tasaan jechu'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help