Gara Worra Galaatiyaa Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaWaayee Fayyisummaa Yesusii dubbiin wongeelaa ka dubbatu bakka maratti lallabama'aa, namoonni Yihudota hin ta'in'llee fudhata'aa haguma deemaniin, «Kristaana ta'uuf seera waadaa duraanii raawwachuu ni barbaachisa yookiin hin barbaachisu?» gaafiin jedhu'llee woliin ni ka'e, Isiyaa maandhittii bulchiinsa biyya Rooma'aa taate, woldayoota amanti'ii Galaatiyaa jiran jiddu'utti'llee, «Naminni Waaqa duranatti akka qulqullaayomuuf Yesusitti amanuu qofa uduu hin ta'in, seera karaa Muse'eetiin kenname'llee raawwachuu ni qaba» jechu'uun, Phaawulosiin namoonni mormman ni turan.Phaawulos ergaa worra Galaatiya'aa kana ka barreesse barsiisa kanaan namoota dubbiin bitaa isaanitti taate gara amantii sirrii ta'eetii fi gara jireenna kristaanumma'aa isaan qajeelchu'uuf, Phaawulos barataa Yesus Kristosii ta'uu isaa mirkaneessu'uun jala ni qaba, ergamittumma'aaf ka isa waame Waaqa malee nama akka hin ta'inii fi ergamummaan isaa'llee gara namoota Yihudota hin ta'inii akka ta'e tarreesu'uun ni hubachiisa, boqonnoota muumme'ee keessatti jireenni kristaanumma'aa, Yesusitti amanu'uun jaalala argamu irraa ka burqqu ta'uu isaa, ni hubachiisa.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-10Aangoo Ergamittummaaa Phaawulosii 1:11—2:21Wongeela kennaa Waaqaa Ka Bilisaa 3:1—4:31Bilisummaa Kristaanumma'aatii Fi amantii 5:1—6:10Woliigala 6:11-18
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help