1Waayee foon Waaqa harkaan hojjatameef qalamee yoo ta'e, sirri'i, «Nu marri keennaa beekkomissa ni qabnna» Haa ta'u malee beekkomissi ufi nama tuulchisa, jaalalli garuu nama ijaara.
2«Beekkomissa ni qaba» jedhee naminni yaadu yoo jiraate, haga beekkamuu qabu amma'llee hin beekinne.
3Waaqa naminni jaalatu garuu, Waaqa biratti ka beekkame ni ta'a.
4Kanaaf foon Waaqa harkaan hojjatameef qalame waayee nyaachu'uu yoo taate, Waaqinni harkaan hojjatame lubbuu ka hin qabnne akka ta'ee fi Waaqa tokko malee Waaqinni bira'aa akka hin jirre ni beekinna.
5Yoma Waaqa uduma hin ta'in waaqolee harkaan hojjataman jedhamanii ka waamaman waaqoleen baayi'een harkaan hojjataman fi goofttoleen sami'ii fi arddii irra ni jiran jedhame'llee,
6Waaqinni keenna garuu uumaa waan maraatii fi nu'llee ka isaa worri taane Waaqa Abbaa tokko qofa, akkuma kana wonitti marrinuu ka isaan uumamee fi nu'llee ka isaan jiraannu, Gooftaan tokkochi Yesus Kristosiin qofa.
7Garuu kana ka beekan maraa miti, tokko tokko haga ammaa titti Waaqa sobaan hojjataman waaqeffachuu waan barataniif, foon ka nyaatan akka waan Waaqa harkaan hojjatamaniif qalamee taasisaaniiti, kanaaf sammuun isaanii dadhabaa ta'uu isaatiin ni battaayan.
8Ta'u'llee garuu gara Waaqaa ka nu dhiyeessuu nyaataa miti, yoo nyaachuu dhabaanne'llee wonitti nurraa dhidhatu woyiituu hin jiru, yoo nyaanne'llee bu'aan nu buufannu woyiituu hin jiru.
9Haa ta'u malee bilisummaan keessan kun amanti'iin namoota hin jabaatniif gufannaa akka isaanitti hin taaneef, ufi eeggadhaa.
10«Beekkomissa qaba» jettee, Waaqa harkaan hojjatameef mana waaqeffanna'aa titti ka qalame yoo nyaattu, naminni namaniti'iin hin jabaatin yoo si arge, gochi kee kun namichi Waaqa harkaan hojjatameef ka qalame akka nyaatuuf ni jajabeessanii mitii ree?
11Kanaaf «Ani beeka'a» jechu'uu keetiin ka Kristos isaa du'eef, ka amanitii isaatiin hin jabaatin kristaanni ni bada jechu'u.
12Haala kanaan obboleeyyan keessan ka kristaanaa miidhu'uu fi sammuu isaanii dadhabaa'llee madeessu'uun, Kristosiin ni miitan.
13Kanaaf nyaanni obboleessa kiyya ka kristaanaa ka gufachiisuun yoo ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifnneef gonkumaa foon hin nyaadhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.