1Kanaan duubatti furittuu boolla gadi fogo'ootii fi birbiraata guddaa maleyikkaan harka isaa titti qabatee jiru, sami'ii yoo bu'u ni arge,
2Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti,
3Woggaan kumaa haga raawwatamutti ummatoota akka hin dogoggorssineef, maleyikkichi xaricha gara boolla gadi fago'oo titti ni gateen, itti cufee'llee caapha'aan ni chaaphesseen, kanaan duubatti yeroo muraasaaf hiikkamuun ni malaan.
4Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.
5Du'oonni hafan garuu haga woggaan kumaa raawwatamutti du'aa hin muldhanne, kun'llee du'aa ka'iinssa jalaqabaati,
6Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman.
Injifatamuu Sheexanaa7Woggaan kumaa eega raawwateen duubatti Sheexanni hidhaanaa isaatii gadi ni dhiifama,
8ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti,
9isaan'llee gara arddi'ii mara bittinnaayanii ganda Qulqullootaatii fi magaalaa jalatamttuu ni marssan, garuu ibiddi sami'ii bu'ee gubu'uun isaan ni balleesse.
10Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran.
Murtii Muumme'ee11Kanaan duubatti teessoo adii ol aana'aa fi teessoo irra ka taa'ee jiru'llee ni arge, arddi'ii fi samiin durana isaatii ni dheessan, bakkeen'llee isaaniif hin argaminne.
12Maandhotaa fi du'oota hangaffan'llee teessoo isaa durana dhaabatanii isaan ni arge, kitaabban'llee ni banaman, kitaaba jireennaa ka ta'e kitaabnni biraa'llee ni baname, du'oon'llee akkaataa hujii isaanii ka kitaabban keessatti barreeffamee argameetiin murtii ni fudhatan,
13garbi ciisaan'llee worra du'an ka isa keessatti argaman ni kenne, du'aa fi siooli'llee worra du'an ka isaan keessa turan ni kennan, tokko tokkoon namaa'llee akkaatama hujii isaatiin murtii ni fudhate.
14Du'aa fi siooli'llee gara garba ibiddaa titti ni gataman, garbi Ibiddaa kun'llee, du'a lammaffa'aat,
15Ka maqaan isaa kitaaba jireennaa irratti barreeffamee hin argamin marrinuu, gara garba ibiddaa titti ni gatame.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.