Wongeela Maatewos 13 - Waadaa Haarawa

Fakkeenna Nama Sanyii Facaasuu(Mar 4:1-9; Luq 8:4-8)

1Guyyama sanitti Yesus manaa bayee garba ciisaa bira ni taa'e,

2 hidhamee gubatu mara, muummee biyya lafaa titti'llee akkuma kana ni ta'a.

41Yeroo sanitti Ilmi Namaa maleyikkoota isaa ni erga, isaan'llee sababa cubbu'uu worra ta'anii fi hamaa raawwattoota mara, Mootummaa isaa keessaa wolitti qabanii ni baasan,

42gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.

43Worri qulqullaayotaa garuu Mootummaa Abbaa isaanii keessatti, akka adu'uu titti ni ifan, ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!»

Fakkeenna Qabeenna Dhoffamee

44Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Sami'ii qabeenna lafa qonnaa keessatti dhoffamee jiruu ni fakkaatti. Naminni tokko'llee qabeenna kana yeroo argatetti deebisee ni dhosse, baay'inna gammachu'uu irraa kan ka'een'llee deemeeti, waan qabu maraa gurguree qonna san ni bite.»

Fakkeenna Dooqaa

45Deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Deebi'ee'llee Mootummaan Sami'ii daldalaa dooqa michuu bitu'uuf barbaadu fakkaatti,

46daldalaan'llee dooqa haalaan gatiin isi'ii guddaa ta'e yeroo argatetti, deemee waan qabu maraa gurgureeti, dooqa san ni bite.»

Fakkeenna Tabbaarri'ii

47Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Akkuma kanaan Mootummaan Sami'ii tabbaarrii gara garba ciisa'aa titti darbamtte ni fakkaatti, isiin'llee bifa maraan qurxummii ta wolitti qabddu,

48yeroo guutamttetti'llee qurxummii qabddoonni gara maddii garba ciisa'aa titti harkisanii ni baasaniin, taa'anii'llee qurxummii mishaa mishaa keessaa filanii meeshaa keessa ni kaayan, badaa garuu achi ni gatan.

49Muummee biyya lafaa titti'llee akkana ni ta'a, maleeyikkoonni dhufanii cubbamoota worra qulqullaayotaan adda ni fooyaniin.

50Hamaaleyyii garuu gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, acitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»

51Dabalee'llee Yesus, «Waan kana mara hubattanii jirttanii ree?» isaaniin jedhe.

Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jedhan.

52Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise.

Mormmii Naazireet Titti Yesusiin Irra Gayee(Mar 6:1-6; Luq 4:16-30)

53Yesus'llee fakkeennota kanniiniin dubbatee eega xumureen duubatti, bakka sanii ni lixe.

54Gara biyya isaa gara magaalaa Naazireetii dhufee bakkeewwan wolgayii isaanii titti, ummata ni barsiisa ture, worri isa dhageeffatan marri'llee maalalffachu'uun akkana ni jedhan turan, «Naminni kun ogummaa kanaa fi hujii maalale'ee kana garamii fide?

55Kun ilmi muka boca'aatii mitii? Haati hoo Mariyaam ta jedhamtuu mitii ree? Obboleeyyan isaa hoo Yaaqoob, Yooseef, Simoonii fi Yihuda'aa mitii?

56Obboleettiiwwan isaa marrinuu, ka nu woliin jiranii mitii ree? Eegaa naminni kun ogummaa kana mara eessaa argate?»

57Yoh 4:44.Waayee kanaan'llee isaan gufatanii uduu ufitti hin fudhatin ni hafan. Yesus garuu, «Nabiyyiin ka hin kabajaminne biyya isaatii fi mana isaa qofatti» isaaniin jedhe.

58Amanuu dhabuu isaaniitiin'llee Yesus bakka sanitti, waan baasaa baayi'ee hin taasfnne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help