Hujii Ergamittootaa 17 - Waadaa Haarawa

Jeeqama Tasaloonqe'etti Ka'e

1Phaawulosii fi Siilaas Amfiipholiisii fi Apholonyaan dabrranii, gara Tasaloonqee ni deeman, achi'llee bakka wolgayii Yihudotaatitu jira.

2Phaawulos'llee akkuma barate gara bakka wolgayii isaanii ni aseene, Sanbbattan sadihiif'llee wolitti aanssee, kitaabban Qulqulluu keessaa tuqa'aa, ummata ni hubachiisa ture.

3Masihichi rakkinna fudhachu'uu fi du'aa ka'uun akka isaan malu ibisee hubachiisa'aa, «Kun ka ani isiif lallabu Yesusii Masihicha» ni jedha ture.

4Kanaaf isaan keessa tokko tokko dubbii hubatanii, Phaawulosii fi Siilaasiin woliin ni hirmmaatan, akkuma kana Ummanni Waaqa dhugaa titti amanan haalaan baay'een, dubarttoonni baay'een magaalatti beekkaman, dubbii hubatanii ni hirmmaatan.

5Yihudonni garuu hinaafanii huji dhabeeyyii karaa irraa wolitti qabanii ni gurmmeessan. Phaawulosii fi Siilaasiin baasanii ummatatti kennuuf'llee, mana Yaasonii ni marssan.

6Garuu yeroo isaan dhabanitti, Yaasonii fi amanttoota tokko tokko namoota aangoo qaban ka magaala'aa titti dhiyeessuuf, isaan harkisanii ni fidan, akkana'llee jedhaa ni iyyan ture, «Kunniin namoota biyya lafaa mara jeeqan amma ammoo garana dhufanii jiran!

7Yaason'llee isaan ufitti fudhatee jira, ‹Yesus ka jedhamu nugufnni biraa ni jira› jedhaa'llee ajaja nugusa Roomaa, ni mormman.»

8Ummataa fi namoonni magaala'aa ka aangoo qaban, kana yeroo dhagayanitti ni jeeqaman.

9Yaasonii fi kaanniinii'llee wobii waamsisanii, gad ni dhiisan.

Phaawulosii Fi Siilaas Beeriyatti

10Obboleeyyan dadafaan Phaawulosii fi Siilaasiin halkaniin, gara biyya Beeriyaa akka deeman ni taasise, achi'llee yeroo gayanitti, gara bakka wolgayii Yihudotaa ni aseenan.

11Yihudonni Beeriyaa jiran worra Tasaloonqee jiran irra, ilalcha qajeelaa ka qaban waan turaniif, dubbii gammachuu ol aanaan ni fudhatan, dhugummaa dubbii'llee mirkaneessuuf, guyyama guyyaan kitaabban Qulqulluu'llee ni qoratan ture.

12Kanaaf isaan keessaa baay'eewwan ni amanan, dubarttoonni dureeyyiin baay'eewwanii fi Giriikonni dhiiraa baay'eewwan'llee, ni amanan.

13Garuu Yihudonni Tasaloonqee jiran, Phaawulos Beeriyatti, dubbii Waaqaa akka lallabe yeroo beekanitti, dhagayanitti garasi dhufanii, ummata gurmmeessanii, jeeqama ni kaasan.

14Yeroo kana obboleeyyan gara maddii garba ciisaa akka deemu ni taasisan, Siilaasii fi Ximotewos garuu achuma, Beeriyatti ni hafan.

15Namoonni Phaawulosiin geegessan haga Ateenaa ni geessaniin, «Siilaasii fi Ximotewos dadafaan gara kiyya haa naa dhufan» ajaja jedhu ka Phaawulos, qabatanii gara Beeriyaa ni deebi'an.

Phaawulos Ateena'atti

16Phaawulos Ateenaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewosiin uduu eegaa jiru, magaalattii keessa waaqoleen harkaan hojjatamaniin guutuu yeroo argetti, hafuura isaatiin haalaan ni aare.

17Kanaaf bakka wolgayii titti Yihudotaa fi ummata Waaqa'llee Waaqeffataniin woliin, yaa'itti guyyamaan namoota argatuun woliin, wol ni morma ture.

18Ehequriyos fi Istoyikos falaasamoonni jedhaman'llee, gara isaa dhufa'aa, isaan wol ni mormmaniin turan. Tokko tokko, «Kun odeessan maal jechuu barbaada?» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Waayee waaqolee haarawwanii waan dubbatu fakkaata» jedhan ture, Kana'llee ka jedhaniif, waan Phaawulos odduu mishaa du'aa ka'a Yesusii lallabeef.

19Kanaaf Phaawulosiin qabanii bakka Aariyophaagos jedhamutti, gara yaa'ii wol gayuu fidhaniiti, akkana jedhaniin, «Barsiifnni ati barsiifttu haarofnni kun, maal akka ta'e beeku'uuf ni dandeenna ree?

20Waan haarawa tokko tokko nu dhageesifttee jirta, kanaaf wonittoonni kunniin maal akka ta'an, beekuuf ni barbaanna.»

21Kana ka jedhaniif, namoonni Ateenaatii fi namoonni Ateenaa jiraatan ka biyya alaa, namoonni marri waan haarawa dubbachuu fi dhagayuu qofaan, yeroo isaanii dabarssuu ni jaalatan waan tureef.

22Yeroo kanatti Phaawulos yaa'ii Aariyophaagostti wol gaye durana dhabateeti, akkana ni jedhe, «Yaa namoota Ateenaa! Gara maraanuu haalaan amantii ka qabddan ta'oo keessan hubadhee jira,

23magaalaa teessan keessa asii fi achi naanaya'a bakkeewwan waaqeffannaa keessan yoo laalu, ‹Waaqaa hin beekkamnneef› jedhamee ka itti barreeffame, bakka furddaa ni argadhe, eegaa ani amma ka isinitti himu kana uduu hin beekin waayee Waaqa isa waaqeffattaniit.

24 keessan,

‹Nu marri keennaa ijoollee isaati› akkuma jedhan.

29Eegaa nu'u ijoollee isaa eega taane, ‹Waaqinni ogumma'aa fi yaada namaatiin worqqii irraa yookiin meeta, yookiin bocaa dhagaa irraa ka hojjatame ni fakkaata› jennee yaaduun, nurraa hin malu.

30Eegaa namoonni bara duraanii beekuu dhabaan waan raawwate, Waaqinni caldhisee irra dabrre jira, amma garuu namoonni biyya maraa jiran marrinuu, dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'an ajajee jira,

31karaa nama inni filateetiin biyya lafaa mara irratti dhuga'aan guyyaa itti murtteessu muree jira, kana'llee maraafuu ka mirkkaneesse nama filate san du'aa kaasuu isaatiin.»

32«Du'aa ka'uun» jecha jedhu yeroo dhagayanitti, tokko tokko itti ni baldan, kuunniin garuu, «Waayee kana yoo dubbatu yeroo ni dhageenna» jedhaniin.

33Kanaan duubatti Phaawulos yaa'ii bayee ni deeme,

34namoonni tokko tokko garuu isa woliin hirmmaataniiti ni amanan, Phaawulosiin woliin hirmaatanii ni amanan, namoota amanan jidduu'llee misseenssa yaa'ii ka ta'an, naminni Diiyonaasyoos jedhamee fi dubarttiin Damaaris jedhamtte takkaa fi kuunniin'llee isaan keessatti ni arggaman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help