1 Yoh 1:1. Jalqabumaayyuu ka ture waayee dubbii jireennaa isiniif ni barreessina, kun dubbii jireenna ka dhageennee fi ija teennaan ka argineen, ka laalee fi harka keennaan'llee ka qaqabnneen.
2Yoh 1:14.Jireenni kun mulidhatee jira, nu'llee argineenii jirra, ragaa ni baana'lle'e. Waaqa Abbaa bira ka turee fi nu'utti'llee ka mulidhate, jireenna bara baraa ni dubbanna.
3Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin.
4Gammachuun keenna guutuu akka ta'u, kana isiniif ni barreessina.
Waaqinni Ifa Ta'uu Isaa5Ka isa irraa dhageennee fi ergaan isinitti himnnu'llee, «Waaqinni ifa, dukkanitti'llee isa bira gonkumaa hin jiru» ka jedhu.
6Kanaaf, «Waaqaan woliin tokkummaa ni qabnna» jedha'aa dukkana keessa ka jiraannu yoo taane ni kijibnna, jecha keennaan ta'ee hujii keenna keessa'llee dhugaan hin jiru jechu'u.
7Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa.
8Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru.
9Cubbuu keenna Waaqatti yoo himanne inni amanama'aa fi qulqullaawomaa waan ta'eef, cubbuu keenna maraa nuuf ni dhiisa, balleessaa keenna mara irraa'llee, nu ni qulqulleessa.
10Cubbuu hin hojjanne yoo jenne Waaqa sobaa ni taasfnnaan, dubbiin isaa'llee nu keessa hin jiru.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.