2 Gara Worra Tasaloonqee 1 - Waadaa Haarawa

1 HuE 17:1. Ta Waaqa Abbaa keennaatii fi ta Gooftaa keenna Yesus Kristosii ka taate woldaya amanttoota Tasoloonqe'eetiif Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ka ergame,

2Waaqa Abba'aa fi Gooftaa Yesus Kristosiin biraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.

Deebi'ee Dhufaatii Kristositiin Murtii Kennamu

3Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.

4Kanaaf yoma rakkinnii fi sarddaminni baayi'een isin irra gaye'llee, isin attam obissitootaa fi amantii keessaniin jabaattanii ka dhaabattan ta'uu keessan dubbachu'uun, nu'u woldayoota amanti'ii kaanniin jidduu taanee, isiniin ni dhaadanna.

5Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati.

6Waaqinni murtteessaa dhuga'aa ta'uu isaatiin rakkinna isin irratti worra fidan irratti rakkinna fidu'uun, gatii isaanii ni kafalaaf.

7Amma rakkinna worra rakkinna itti fudhattaniif'llee nu'uun woliin boqannaa isiniif ni kenna. Kun'llee ka ta'u Gooftaan Yesus maleyikkoota isaa ol aanttotaan woliin, sami'ii yeroo itti bu'utti,

8sami'ii ka muldhatuun'llee ibdda bobayuun, yeroo sanitti Waaqa worri hin beekinnee fi wongeela Gooftaa keenna Yesusiitiif worri hin ajajaminne'llee ni adaba.

9Isaan'llee Gooftaa duranaa fi ulfinna isaa ol aanaa irraa fooyamanii, balleessaa bara baraatiin ni adabaman.

10Ka adabaman'llee guyyaa san qulqullaawotaan kabajamu'uu fi worra amanan mara biratti'llee maalalffatamu'uuf yeroo itti dhufutti. Isin'llee ragummaa keenna fudhattanii amanuu keessaniin, isaan woliin ni laakkayamttan.

11Kana yaadu'uun waayee keessaniif uduu addaan hin kutin ka kadhannu, Waaqinni keenna waamicha isaatiif gayeessota akka isin taasisuu fi waan mishaa raawwachu'uuf fedhiin isin qabddanii fi hujiin keessan ka amanti'ii marrinuu, huminna isaatiin akka isinii raawwatamuuf.

12Akkuma kana maqaan Gooftaa keenna Yesusii Kristosii isiniin akka kabajamuu fi isin'llee Waaqa keennaa fi akkaataa bu'ura kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristositiin, isaan akka kabajamittaniif ni kadhanna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help