Hujii Ergamittootaa 15 - Waadaa Haarawa

Yaa'ii Yerusaalemii

1Namoonni tokko tokko Yihuda'aa gara Anxokiyaa deemanii, «Akkaataa Seera Muse'ee kennameetiin yoo hin gadoomin fayyu'uuf hin dandeettan» jedha'aa amanttoota barsiisuu jala ni qaban.

2Phaawulosii fi Barnaabaas waayee kanaa namootaan woliin didaa fi wol mormmii ni raawwatan, kanaan duubatti Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa worra jiran obboleeyyan bira'aa muraasa woliin ta'anii, gara Yerusaalemii akka deemanii fi dhimmicha ergamittootaa fi jarsoti'itti akka dhiyeessaniif ni murttaaye.

3Kanaaf isaan woldaya amanti'iitiin ergamanii ni deeman, Finiiqe'ee fi Samaariya'aan yoo dabrrantti'llee, waayee gara Waaqaa deebi'uu ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni dubbatan, odduun kun'llee kirstaanota maraa ni gamaachiise.

4Gara Yerusaalemii yeroo gayanitti woldeenni amanti'iitii fi ergamittoonni, jaarsotiin'llee isaan ni simatan, ergamittoonni'llee waan Waaqinni isaan woliin ta'ee isaaniif raawwate mara isaanitti ni odeessan.

5Garuu gara worra Fariisotaatii ka ta'an tokko tokko ka'aniiti, «Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne akka gadoomanii fi Seera Muse'ee'llee akka eegan taasisuun ni mala» jedhan.

6Ergamittoonnii fi jaarsotiin'llee dhimma kana qorachu'uuf wol ni gayan,

7 maqaa mishaa ni qaban worra turan, Barnaabaas ka jedhame Yihuda'aa fi Siilaasiin ni filatan.

23Xalayaa barreeffame'llee harka isaanii titti ni ergan, xalayaan'llee akkana ka jedhu ture, «Nu'u ergamittoonninii fi jaarsotiin obboleeyyan keessan taane, Anxokiya'aa fi Sooriya'atti, Kiliiqiyaa'llee worra jiraatan gosa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee obboleeyyan keenna worra taataniif, nagaya ni dhiyeessina,

24Nu'u keessaa namoonni tokko tokko uduu nu'u isaan hin ajajin gara keessan dhufanii, dubbii isinitti himaniin akka isin hin rakkisanii fi dubbii isinitti bitaa akka taasisan dhageennee jirra,

25kanaaf bakka tokkotti yoo woligeenneen duubatti ergamoota filannee, obboleeyyan keenna jaalatamoota Barnaabaasii fi Phaawulosiin woliin, gara keessan isaan ergu'uuf wolii ni galle.

26Barnaabaasii fi Phaawulos waayee Gooftaa keenna Yesus Kristositiif, lubbuu isaanii dabarssanii ka kennan.

27Ka isiniif barreesine afaaniin'llee dabalataan isi'itti akka himaniif, Yihudaa fi Siilaasiin erginee jirra.

28Kanniin ka itti aanaan wonittoota barbaachisaa ta'an malee, ka biraa ba'aa ulffaataa isinitti akka hin fe'in, Hafuurri Qulqullu'uu fi nu'llee waan mishaa ta'ee argannee jirra,

29sababaa waaqota harkaan hojjatameetiif qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, foon horii hudhamee du'ee'llee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, wonittoota kanniin mara irraayyuu yoo eeggamittan mishaa ni raawwattan, nagayaan ta'aa.»

30Ergamittoonni'llee nagaya dhaamanii gara Anxokiya'aa ni deeman, amantoota'llee wolitti qabanii xalayaa itti ni kennan.

31Amantoonni'llee xalayaa yeroo dubbisanitti, ergaa jajabeessuun haalaan ni gammadan.

32Yihuda'aa fi Siilaas nabiyyoota waan turaniif obboleeyyan jecha baayi'een gorissanii isaan ni jajabeessan, isaan akka obissan ni taasisan.

33Yihudaa fi Siilaas guyyaa muraasa achitti eega turaniin duubatti, obboleeyyan amanttootatti nagaya dhaamanii, gara worra isaan erganii deebi'anii ni deeman.

34[Siilaas garuu achumatti hafu'uuf ni barbaade.]

35Phaawulosii fi Barnaabaas'llee kaanniin amanttootaa baayi'ee woliin ta'anii, dubbii Goofta'aa barsiisaatii fi lallaba'aa, guyyoota muraasaaf Axokiyaatti ni turan.

Gargar Fooyamuu Phaawulosii Fi Barnaabaasii

36Guyyoota muraasaan duubatti Phaawulos Barnaabaasiin, «Koottu deebineeti magaalota asiin durana dubbii Gooftaa itti lallabnne mara obboleeyyan jiran haa toowannuu, attam akka ta'e'llee haa beekinnuu» jedheen.

37Barnaabaas'llee Maarqoos ka jedhame Yohaannis, isaaniin woliin akka deemu ni barbaade.

38HuE 13:13.Phaawulos garuu naminni kun isaaniin woliin akka deemu hin eeyyamnne, waayeen eeyyamuu dhabeef'llee inni Phamfiliyaatti isaan biraa fooyamee waan hafee fi gara huji'ii'llee isaan woliin waan hin deeminiif.

39Waayee kanaan Phaawulosii fi Barnaabaasiin jiddu'utti wol mormmiin ol aanaan ka'eeti gargar ni fooyaman, kanaaf Barnaabaas Maarqoosiin fudhatee dooni'iin gara Qophrosii ni deeme.

40Phaawulos garuu Siilaasiin ni filate, obboleeyyan'llee Phaawulosiin kennaa Gooftaa ka bilisaa titti yaboo eega kennaniiniin duubatti ni deeme.

41Inni'llee woldayoota amantootaa jajabeessa'aa, karaa Sooriyaatii fi Kiliiqiya'aatiin ni dabrre.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help