1Isaan biraa eega fooyamineen duubatti doonii yaabannee, qajeeluma gara iddoolaa Qoos jedhamttuu ni deeminne, guyyaa itti aanutti'llee gara eddoolaa Roodoosii ni geenne, achii'llee gara magaalaa Phaaxiraa ni deemnne.
2Achitti'llee doonii gara biyyaa Finiiqee deemttu arganeeti, isii yaabannee deemssa keenna itti ni fufinne.
3Eddoolaa Qophrosii gara bitaa keennaa titti dhiifnnee, gara biyya Sooriyaa deeminneeti, gara iddoolaa Xiiroosii ni geenne, doonchi'llee achitti fe'aa isaa buufachuu ni qaba ture.
4Achitti amantootaa barbaannee arganneeti, isaan woliin guyyaa torbaa ni ture. Isaan'llee Hafuura Qulqulluun qajeelffamanii Phaawulosiin, «Gara Yerusaalemii hin deeminni!» jedhanii itti ni himan.
5Yeroon achitti turru yeroon yoo raawwatu isaan biraa fooyaminnee adeemissa keenna itti ni fufnne, marrinuu haadha worraa isaaniitiif ijoollee isaanii woliin ta'anii, haga baya magaalaa titti nu geegessan, garba ciisaa biratti jilbbiiffannee eega kadhanneen duubatti, nagaya wolitti dhaamnnee addaan ni deeminne.
6Kanaan duubatti nu yoo doonii yaabbanu, isaan gara mana isaanii ni deebi'an.
7Xiiroos kaanee gara Phexelemaayis ni geenne, achitti'llee amantootaan woligeenee eega nagaya wol gaafanneen duubatti, isaan woliin guyyaa tokko ni dabarssine.
8
20Kana yeroo dhagayanitti marrinuu, Gooftaa ni galateeffatan, Phaawulosiin'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa obboleessa! Amantoonni kuma baay'etti laakkayaman, Yihudota jidduu akka jiranii fi marri isaaniituu, Seeraaf hinaafttota akka ta'an ni beekitta,
21Ati Yihudota ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne jidduu jiraatan maraanuu, ‹Ijoollee teessan hin gadoomisinaa yookiin seerota hin raawwatinaa› jedha'aa barsiisu'uun, seera Muse'ee akka diigan ni taasftta jedhama'aa ka odeeffamu, dhagayanii jiran.
22Eegaa maal raawwachuu woyya? Dhufuu kee qajeelatti ni dhagayan,
23kanaaf waan nu'u siin jennu raawwadhu, nu jidduu guduunffaa worri qaban, namoota afurittu jira.
24Isaan fudhadhuutii, isaan woliin ta'ii, mataa kee qulqulleessi, riffeenissa isaanii'llee akka haadatan, qarshii Mana Waaqeffanna'aatiif kennamu qarshii kenna'aa isaaniif kafali, kana yoo raawwatte wonitti sirratti odeeffame marrinuu, tasa ta'uu isaatii fi ati'llee ajajamaa seeraa ta'uu kee, marrinuu siif ni beeka.
25HuE 15:29.Gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneetii ka amanan garuu, ‹waayee Waaqa harkaan hojjatameetii qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa! dhiiga'llee hin nyaatnaa! foon horii hudhamee du'e'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa!› murttee jedhu xalayaan qabate, barreessinee isiniif erginee jirra.»
26Kanaan duubatti Phaawulos namoota fudhateeti, guyyaa itti aanutti isaan woliin mataa isaa ni qulqulleesse, isaan woliin qaama isaa'llee ni qulqulleesse, guyyoonni itti qulqulleesse yoom akka ta'aniif, waayee tokkoo tokkoo isaanii'llee qarshiin kennaa ka kafalamu, yeroon itti kafalamu yoom akka ta'u, beekisisuuf gara Mana Sagadaa ni aseene.
Phaawulos Mana Waaqeffanna'aa Titti Qabamuu Isaa27Guyyaan torbaa xumuramuuf yoo dhiyaatutti Yihudonni Asiyaa dhufan, Phaawulosiin Mana Waaqeffanna'aa titti isaan arguu isaaniitiin, ummata maraa kakaasanii ni qabaniin,
28«Yaa namoota Israa'eelii! Nu gargaaraa! Ummanni keennaa fi seerri keenna, bakka kana'llee arrabsa'aa ummata biyya mara jiru mara ka barsiisu nama kana, kun'llee hin gayu jedhee Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne gara Mana Waaqeffanna'aa aseensisu'uun, bakka Qulqulluu kana batteessee jira!» jedha'aa ni iyyan.
29HuE 20:4.Kana'llee waayeen jedhaniif, asiin durana dhalataan biyya Efesoonii Xirofimoosiin, isaan woliin magaalatti arganiinii waan jiraniif, Phaawulos isa qabatee gara Mana Sagadaa waan aseene, isaantti fakkaatee ture.
30Magaalaan guutuun ni jeeqamtte, ummanni marri'llee bakka tokko fiigaa dhufaniiti, Phaawulosiin qabanii harkisaa, Mana Sagadaatii ni baasaniin, Balballan Mana Sagadaa'llee bakkumatti ni cufaman.
31Namoonni Phaawulosiin ajjeesuu yeroo barbaadanitti, «Magaalaan Yerusaalemii guutuun jeeqamttee jirtti» ergaan jedhu, ajajaa woraana Roomaatii ni gaye.
32Kanaaf inni lolttoota fi ajajoota dhibbaa isaa ufi biratti qabatee, dadafaan fiigaa gara namootaa ni dhaqe. Namoonni'llee ajaja'aa fi loltoota yeroo arganitti, Phaawulosiin dhaanuu ni dhiisan.
33Ajajaan'llee dhiyaatee Phaawulosii qabeeti, birbiraata lamaan akka hidhamu ni ajaje, kanaan duubatti eennuun akka ta'ee fi maal akka raawwate'llee beekuuf barbaadee, ni gaafateen.
34Ummanni'llee tokko tokko waan tokko yoo jedhan, kuunniin ammoo waan biraa ni jedhan ture, Ajajaan'llee iyyiinssa ummataa irraa ka ka'een, waan dhugaa ta'e beekuu waan dadhabeef, Phaawulosiin gara mooraa lolttoota, akka fudhataniin ni ajaje.
35Phaawulos gara sadarkkaa yeroo gayetti, ummanni marrinuu dallansuu cimaan ka ka'ee, rakkinna geessuu waan barbaadeef, loltoonni isa baadhatanii ni deeman.
36Ummanni'llee, «Haa ajjeefamu!» jedhanii iyyuun ni horddofaniin ture.
Phaawulos Haasaya Ittisaa Taasisuu Isaa37Lolttoonni gara mooraa isaanii ka woraanaa titti isa aseensisu'uuf yeroo dhiyaatanitti Phaawulos ajajaa woraanaatiin, «Waan tokko akka isi'itti himuuf naa ni eeyyamttaa?» jedheen. Ajajaan'llee «Afaan worra Giriikii beekitta ree?
38Eegaa, amma yeroo dhiyoo jeeqama kaaseetii fi lubbuu ajjeefttota kuma afurii fudhatee gara gammoojji'ii ka dheesse namichi biyya Gibxii isi'ii mitii ree?» jedheen.
39Phaawulos'llee, «Ani Kiliiqiya'atti ta argamttu beekkamittuu ka taate magaalaa Xerseesii titti ka dhaladhe Yihudicha, yabo'oo ummatatti akka dubadhuuf naa eeyyam» jedheen.
40Akka dubbatuuf'llee yeroo eeyyameefitti, sadarkkaa irra dhaabatee ummanni akka caldhisuuf, harkaan itti ni akeekee, yeroo ummanni caldhisetti'llee afaan worra Ibirootaatiin, akkana jechuun dubbachuu jala ni qabe,
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.