Gara Worra Qolasaayisii Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaErgaan kun ka barreeffame Isiyaa maandhitti'iin gara baya adu'uutiin ta argamittu magaalaa Qolaasiyaas woldaya amanti'ii ta jirttuuf, woldeenni tun'llee ka dhaabate Phaawulosiin yoo ta'uu dhaabate'llee, bulchiinsa biyya Rooma'aa ka taate magaalaa guddittii Isiya'aa kan taate, Efeesoniin ergamoota wongeelaa ni bobbaasa waan tureef, Qolaasiyaasiif'llee itti gaafatama ni qaba ture, woldaya amanti'ii ka Qolaasiyaasiitiif'llee titti gaafatama ni qaba, woldaya amantii Qolaasiyaasiitiif'llee «Waaqa beeku'uu fi fayyinna guutuu ta'e argachu'uuf, tokkoon tokkoon namaa durssitoota hafuuraatii fi aangoo qabeeyyi hafuurotaatiif sagaduu qaba» ka jedhan, barsiisonni dharttoonni jiraachuu isaanii Phaawulos dhagayee ture, barsiisonni kunniin ka jedhan wonitti bira'aa, «Tokkoon tokkoon namaa seerota akka gadoomaa jiraniif bitamu'uu fi danbbiilee nyaataa fi ka bira'aa'llee eeguu qaba» ka jedhu ture.Phaawulos ergaa kana ka barreesse ergaa kristaanaa ka dhuga'aa dhiyeessu'uun, barsiisa isaanii ka dharaa mormmu'uuf ture, deebiiwwan deebise keessaa'lee ijoon, «Yesus Kristos fayyinna guutuu ta'e ni kenna, amantiin bira'aa kunniinii fi gochoonni garuu isa irraa fageessan» ka jedhu, Waaqinni Kristosiin biyya lafaa ni uume, karaa isaatiin'llee gara ufii isaa deebisee ni fidaan, biyyi lafaa'llee abddii fayyu'uu ka qabaattu Kristosiin onne'een amanuu qofaan, bu'ura kanaatiin'llee Phaawulos barsiifnni ol aanaa kana, jireenna amanttootaa keessatti attamitti hiikkamuu akka danda'u, ni hubachiisa.Ergaa kana Phaawulosiin irraa fuudhee gara Qolaasiyaas akka geessuuf ka ergame, Ketikiisiin woliin ni jira ka ture Anasimoosiin akka ture laaluun faayida qabeessa, Phaawulos waayee tajaajilaa Anaasimos jedhamee kana kaasee, Filiimona'aaf ergaa bira'aa barreessee jira.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-8Amala Kristositii Fi Hujii Isaa 1:9—2:19Kristosiin Jireenna Haarawa 2:20—4:6Woliigalaa 4:7-18