Mul'dhata Yohaannisii 3 - Waadaa Haarawa

(5) Woldaya Amantii Saardeesii

1Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi,

Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta.

2Dammaqi, du'u'uuf ka dhiyaatee fi huminna tee shiikkoo si hafitte jirttu jabeessi, Waaqa kiyya duranatti hujiin kee muda maleessa ta'ee hin arganneen.

3 waan taateef, afaan kiyyaa baasee si tufu'uuf,

17ani dureessa, qabeenna baayi'ee ni qaba, wonitti natti dhidhatu womaayyuu hin jiran ni jetta, garuu miidhamaa, gad aanaa hiyyeessa, jaama'aa fi ka qullaa jirttu ta'uu kee hin beekittu,

18Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa.

19Ibr 12:6.Ani worra isaan jaaladhu marattuu ni baanadha, isaan'llee ni adaba, kanaaf dammaqi, dhiifamaan gara Waaqaa'llee deebi'i,

20kunoo! Ani balbala dhaabadhee ni dhadhaya, eennu'llee qoonqqa kiyya dhagayee balbala yoo naaf bane, gara isaa aseenee isa woliin ni nyaadha, inni'llee ana woliin ni nyaata,

21Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan.

22«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu, haa dhagayu.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help