1Waaqaa fi akkuma kanaan'llee Mootummaa isaa yeroo dhaabanitti, jiraattotaa fi worra du'oota irratti ka murtteessu, Yesus Kristosiin duranatti yaboo siin ni jedha,
2dubbii Waaqaa lallabi, yoo tolee fi toluu yoo dhabaate'llee yeroo kamittuu hisadhuutii hojjadhu, hubachiisa'aa, itti baanata'aatii fi gorssa'aa, obissaa fi barsiisu'uun hisadhu.
3Namoonni barsiisa jireenni ittiin argamu dhagayu'uuf yeroon itti hin barbaadnnetti ni dhufa, barsiisota waan isaan jaalatan isaanitti himan wolitti ni qaban.
4Kanaaf dhugaa dhagayuu dhiisanii mammaaka dhagayuu ni jaalatan.
5Ati garuu waan maraanuu ufi eeggataa ta'i, rakkinna fudhachu'uun jabaadhu, hujii lallabduummaa wongeela raawwadhu, tajaajila kee'llee maraa raawwadhu.
6Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira.
7Lola kiyya haala misha'aan lolee jira, woldurssoo fiigicha kiyyaa'llee haga muummee titti fiigee jira, amantii kiyya'llee eegee jira.
8Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf.
Waayee Dhimmoota Dhuunffa'aa9Dadafaan gara kiyya akka dhufittu haa ta'u,
10Qol 4:14; Flm 1:24; 2Qor 8:23; Gal 2:3; Tit 1:4.Deemaas biyya lafaa kana jaalatee ana irraa fooyamee jira, gara Tasaloonqee'llee deemee jira, Qeersqiis gara Galaatiya'aa, Tiitoos'llee gara Dilmaaxiyaa deemanii jiran.
11Qol 4:14; Flm 1:24; HuE 12:12, 25; 13:13; 15:37-39; Qol 4:10; Flm 1:24.Ana woliin ka jiru Luqaasiin qofa, Maarqoos tajaajilaaf waan ana fayyaduuf, barbaadii qabiinii koottu.
12HuE 20:4; Efs 6:21, 22; Qol 4:7, 8.Xikiqoosin gara Efesoonii ergeenii jira.
13HuE 20:6.Yoo dhufttutti Xro'aas kaarpustti kaabbaa dhiise naaf qabiitii koottu, kitaabban'llee, keessanuu kitaabban maramaa kaldho'oo'llee naa fidi.
14 1Xim 1:20; Rom 2:6. Tumitichi sibiila diima'aa Iskindir miidhaa guddaa ana irraan ni gaye, Gooftaan akka hujii isaa isaaf ni kafala.
15Inni'llee waan nu dubbannu ciminnaan waan mormmuuf, ati mataan keetuu isa irraa ufi eeggadhu.
16Waayee waan ittiin himatameetiif ragaa ittisaa kiyya ka jalqabaa yeroo dhiyeeffadhetti, marrinuu ana fooyaman malee, ana woliin ta'ee ka ana gargaare eennu'llee hin turre, Waan kana'llee Waaqinni akka balleessa'aa taasisee isaanitti hin lakkaayin.
17Garuu ergaan karaa kiyyaan marrinuu akka himamuu fi ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka dhagayaniif, Gooftaan ana woliin ta'ee ana ni jajabeesse, afaan leenccaatii'llee fayyee jira.
18Gooftaan waan hamaa kamiin mara irraayyuu ana ni fayyisa, Mootummaa isaa ka samii jirttuun'llee ana ni gaya, isaaf baraa haga baaraa titti ulfinni haa ta'u! Ameen.
Nagaya Muumme'ee19 HuE 18:2; 2Xim 1:16, 17. Phrisqiila'aa fi Aqiila'aa, maatii Oneesiforsiitiif'llee, nagaya naaf dhiyeessi.
20HuE 19:22; 20:4; 21:29; Rom 16:23.Erasxos Qorontoositti hafee jira, Xrofimoos waan dhukkubsateef Miilexoostti dhiiseenii jira.
21Jiin gannaa uduu hin aseeniin gara kiyya akka dhufttu haa ta'u.
Ewuubuloos, Phudenis, Liinosii, Qlaawudiiya'aa fi amanttoonni marri'llee nagaya siif ni dhiyeessan.
22Gooftaan si'iin woliin haa ta'u.
Kennaan Waaqaa ka bilisaa si woliin haa ta'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.