Wongeela Maatewos 5 - Waadaa Haarawa

Barnnoota Yesus Gaara Irra Uduu Jiru Barsiise(Mat 5—7)

1Yesus ummata isa horddofu baayi'ee yeroo argetti, gara gaaraa bayee ni taa'e, barattoonni isaa'llee gara isaa ni dhiyaatan.

2Akkana'llee jedha'aa isaan barsiisuu jala ni qabe,

Eebba Dhuga'aa Namoota Argachu'uuf Jiran(Luq 6:20-23)

3«Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin

hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman.

4Waaqinni jajjabinna waan isaanii kennuuf,

worri gaddan ka eebbifaman.

5Gara laafeyyiin arddii waan dhaalaniif, isaa ka eebbifaman.

6Qulqullaayoma worri beelayanii fi worri dheebotan

waan quufaniif, ka eebbifaman.

7Dhiifama waan argataniif, dhiifama worri taasisan ka eebbifaman.

8Waaqa waan arganiif worri onnee qulqulluu qaban, ka eebbifaman.

9Namoota jiddu'utti araaraa fi nageenna worri buusan,

ijoollee Waaqaa waan jedhamaniif, ka eebbifaman.

10 gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima.

21«Yeroo duraanii namoota ni jiran turaniif waan jedhamee dhageettanii jirttan, kun'llee, ‹hin ajjeesin, nama ka ajjeese itti ni murtteeffama› ka jedhu.

22Ani garuu isiniin ni jedha, obboleessa isaa irratti ka dallanu mara irrattuu ni murteeffama, akkuma kana obboleessa isaatiin, ‹ati ka faayiddaa hin qabnne!› jedhee, ka arrabssuun yaa'itti itti ni murteeffama, ‹gowwaa!› jedhee ka arrabsu mara irrattuu, ibidda asaabaatiin itti ni murteeffama.»

23Kanaaf ati kennaa kee furdda irratti Waaqaaf yeroo dhiyeesitutti, obboleessi kee ka sitti gadde jiraachuu isaa yoo yaadatte,

24kennaa kee furduma san durana kaayiitii deemiitii jalqaba obboleessa kee san woliin araarami, achiin duubatti deebi'iitii kennaa kee dhiyeessi.

25«Mormmataan kee si himatee isa woliin gara mana murti'ii yeroo deemittutti, uduma karaa irra jirttu dafiitii, mormmataa keetiin wolii gali. Kana ta'uu yoo dhabaate garuu mormmataan kee abbaa seeraatiif, abbaan seeraa'llee ka hidhuuf dabarssee si kenneeti, gara mana hidha'aa ni aseentta.

26Dhugaa siin jedha, ka sitti murttaaye saantibii muumme'ee kafalttee haga xumurttutti, gonkumaa achii hin baatu.»

Waayee Sagaagalu'uutiif Barnnoota Kenname

27Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Hin Sagaagalin! Akka jedhame dhageettanii jirttan.

28Ani garuu, ‹dubarttii laalee ka isii hawween marrinuu, yeroo san onnee isaa titti, isii woliin sagaagale› isiniin jedha.

29 ta'aa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help