1 1Qor 4:16; Flp 3:17. Ani Kristosiin akkuma fakkaadhu, isin'llee ana fakkaadhaa.
Seera Waaqeffanna'aa2Yeroo maraa waan ana yaadachiifttanii fi barsiisa isiniif kenne'llee jabeesitanii waan qabdaniif, isin galateeffadha.
3Garuu mataan maraa Kristos, mataan dubartti'ii dhiira, mataan Kristosii'llee Waaqa Abbaa ta'uu isaa akka beekittan jaaladha.
4Mataa isaa haguugatee ka kadhatu yookiin dubbii raagaa dhiirri dubbatu marrinuu, mataa isaa ni salphisa.
5Akkuma kana mataa isi'ii uduu hin haguuggatin ka kadhattu yookiin dubarttiin dubbii raagaa dubbattu, dhiira dubarttii irratti aangoo qabu ni salphiftti, dubarttiin mataa isi'ii hin haguugganne, akka waan rifeenissa mataa isi'ii haadattee titti ni laakkayamtti.
6Dubarttiin mataa isi'ii ka hin haguugganne yoo ta'e rifeenissa isi'ii haa murattu, garuu rifeenissa isi'ii muruun yookiin haadachuun waan isii salphisu yoo taate, mataa isi'ii haa haguuggattu.
7Dhiirri bifitti Waaqaatii fi ulfinni Waaqaa'llee ka isa irratti muldhatu waan ta'eef, mataa isaa titti haguuggachuun isaan hin malu, dubarttiin garuu ulfinna dhiiraati.
8Dubarttitu dhiira irraa argame malee dhiiritti dubarttii irraa hin argaminne.
9Akkuma kana dubarttitu dhiiraaf uumame malee, dhiirtti dubartti'iif hin uumaminne,
10sababaa kanaa fi waayee malyikkootaatiin'llee, dubarttiin mallattoo aangoo ka ta'e, haguuggata mataa isi'ii irratti haa marattu.
11Jireenna Goofta'aan qabnnuun dubarttiin dhiira malee hin jiraattu, dhiirri'llee dubarttii malee hin jiraatu.
12Dubarttiin dhiira irraa akkuma argamitte akkuma kana dhiirri ka dhalatu dubarttii irraayyi, garuu dhiira ta'ee dubarttii ka bira'aa marrinuu ka argamu, Waaqa biraayyi.
13Mee isin mataan keessanuu murteessaa, dubarttiin mataa isi'ii uduu hin haguugatin, gara Waaqaa kadhannaa dhiyeessuun isi'ii, barbaachisa'aa ree?
14Dhiirri rifeenissa mataa isaa yoo dheeresse akka qaanii itti ta'u, uumamittoonni mataan isaatuu isin barsiisaa mitii?
15Dubarttiin garuu rifeenissi mataa isi'ii ka isi'iif kenname ufi ittiin haguuggu'uuf waan ta'eef, rifeenissa mataa isi'ii yoo dheerssite ulfinna isi'iiti.
16Waayee kana mormmu'uuf naminni barbaadu yoo jiraate, nu taanee yookiin kunniin woldayoonni Waaqaa, aadaa kanaan alaa hin qabnnu.
Naamusa Irbaata Qulqullu'uu(Mat 26:26-29; Mar 14:22-25; Luq 22:14-20)17Yeroo wolitti qabamttanitti wonitti raawwattan waan hamaa malee waan mishaa hin ta'iniif, barumisa amma isinii kennuun kanaa isin hin galateeffadhu.
18Waan maraan duranatti yeroo tokkumma'aan yoo wolitti qabamttanitti, jidduu keessan gargar bayiinssi akka jiru dhagayee jira, wonitti dhagaye'llee cina'aan dhugaa ta'uu isaa ni amana.
19Sirrii ka ta'an eennuun fa'a akka ta'an addaan bayanii akka beekkamaniif, jidduu isaan gargar bayiinssi jiraachuun isaa dirqama.
20Tokkumma'aan yoo wolitti qabamittanitti, ka nyaattan Irbaata Goofta'aatii mitii.
21Yoo nyaattan tokko tokko uduu hin eegin adda ufii titti ni nyaata, haala kanaan tokko yoo beelayu kuun ni machaaya.
22Haa ta'u malee mana itti nyaatanii fi itti dhugiddan hin qabddan moo? Yookiin Mana woldaya Waaqaa ni tuffattan moo? Yookiin rakkatoota womaayyuu hin qabnne ni saalfachiifttan moo? Eegaa maal haa isiniin jedhu? Waayee kanaaf isin haa galateeffadhu moo? Gonkumaa isin hin galateeffadhu!
23Ka Gooftaa irraa fudhadhee fi isiniif'llee barnnoonni dabarsse kana, halkan Gooftaan dabarffamee kennametti, hibsttii qulqulluu ol ni fuudhe,
24kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti'llee kukkutee, «[Hoo'aa nyaadhaa,] Kun foon kiyya ka isiniif ta'u, kana'llee yaadannoo kiyyaaf taasfadhaa» jedhe.
25Akkuma kana irbaataan duubatti'llee Duloo ol fuudhee, «Duloon kun dhiiga kiyyaan ka hundaayu waadaa haarawa, yeroo dhugiddan marattuu kana yaadannoo kiyyaaf taasfadha'aanii» jedhe.
26Hibsittii qulqullaawome kana yeroo nyaattanii fi duloo tana'llee yeroo dhugiddan marattuu, haga yeroo Gooftaan dhufuu titti, du'a isaa ni dubbattan.
27Naminni kumuu ka isaan hin malin ta'ee uduu jiru hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, foon Goofta'aatii fi dhiiga Goofta'aa diqqeessuu isaatiin, itti ni gaafatama.
28Kanaaf naminni kumi'llee hibsttii qulqulluu kana nyaachu'uu fi duloo tana'llee dhugu'uun duranatti, mataa ufii qorachuu qaba.
29Naminni kumi'llee foon Goofta'aa maal ta'uu isaa addaan baasee uduu hin beekin hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, mataa isaa irratti murtii ni fida.
30Isin jiddu'uu baayi'eewwan ka dadhabanii fi ka dhukkubsatan, tokko tokkoo'llee ka du'an, sababuma kanaan.
31Mataa keenna irratti murtteesine uduu jiraannee, nutti hin murtteeffamu ture.
32Garuu maa'ii biyya lafaa woliin akka hin murtteeffamnneef, amma murtteessee Gooftaan nutti baanata.
33Kanaaf yaa obboleeyyan! Irbaata Goofta'aatiif yeroo wolitti qabamttanitti, ufii keessan wol eeggadhaa.
34Wolitti qabamuun keessan murti'iif akka hin taane jidduu keessan naminni beelaye yoo jiraate, mana isaa titti haa nyaatu. Waayee waan hafeetiif yeroo ani achi dhufutti, qajeelcha dabalataa isiniif ni kenna.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.