1 Gara Ximotewoosii 2 - Waadaa Haarawa

Kadhanaa Woldayaa Amanti'ii

1Waaqaa waaqeffachu'uu fi jireenna ulfinnaan guuttameen kadhata'aa, kadhannaa, worwwaataa fi galanni namoota maraaf, akka taasfamu ni gorssa.

2Waaqa sodaachu'uu fi amala misha'aan eemarama'aa nagayaa fi tasgabbi'iin akka jiraannu, keesumaanuu nugusotaa fi worra aangoo ol aanaa irra jiran maraaf kadhadhaa.

3Kun'llee Fayyisaa keenna Waaqa duranatti misha'aa fi waan nama gammachiisu.

4Fedhiin Waaqaa naminni marrinuu akka fayyanii fi dhugaa akka beekaniif.

5Waaqinni tokko, jidduu ta'ee namaa fi Waaqa ka wolitti araarssu'llee tokko, inni'llee nama ka ta'e Yesus Kristos.

6Namoota maraa cubbuu irraa fayyisu'uuf mataa isaa qoricha taasisee ka kenne isa, kun'llee yeroon sirrii ta'e yoo gayutti, ragummaa hujii fayyisummaa Waaqaa hubachiisu.

72Xim 1:11.Ani'llee amanti'ii fi dhugaa dubbachu'uuf ergama'aa fi barsiisaa ta'ee, gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ka ergame sababa kanaan. Kana'llee yoo jedhu dhugaa dubbadha malee hin sobu.

8Eegaa bakka maraa dhiironni jiran dallanssu'uu fi wol dhaba dhabamisiisanii, harka isaanii ka Qulqullaawome qaban gara olii qabu'uun, akka kadhataniif ni barbaada.

91Phex 3:3.Akkuma kana dubarttoonni riffeenissa mataa isaani'ii midhaassu'uun yookiin worqqi'iin yookiin dooqaan, yookiin uffata gatiin isaa baayi'ee ta'een ufi bareechisu'uun uduu hin ta'in, saalfachu'uu fi mataa gad qabataan, uffata malu ka nama kabajama'aa haa uffatan.

10Waaqa ni waaqeffanna dubarttoonni jedhan bifa raawwachuun isaan irra jiru, hujii misha'aan ufi haa bareechisan.

11Dubarttiin tasgabbi'ii fi ajajamu'uun haa barattu,

12Dubarttiin dhiira akka barsiifittuu fi yookiin dhiira irratti aangoo akka qabaattuuf hin eeyyamu, isiin caldhisuu ni qabddi.

13Jalqaba ka uumame Addaamiin ture, maa'ii'llee Hewwaan ni uumamitte.

14Akkuma kana ta sobamttee fi Seera Waaqaa'llee ka diigidde dubarti'ii malee, ka sobame Addaamii miti.

15Garuu dubarttiin amanti'ii fi jaalalaan, Qulqullumma'aan'llee yoo jajabaattee, mataa isii'llee toowachu'uun uduu jiraattee, finna dayu'uun ni fayyiti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help