1Waadaan jalqabaa seera tajaajilaatii fi mana waaqeffannaa arddiilessaa ni qaba ture,
2dukkaaniin kutaawwan lama qabddu qophoofttee jirtti ture. Baattuun ibisa'aatii fi minjaalli, hibsttiin ciincca'aa'llee keessa jira ka ture kutaan jalqabaa, «Qulqullittii» ni jedhamtti ture.
3Golgata lammaffa'aatiin gara duubaatiin ta argamttu kutattiin keessaa, «Qulqullittii Qulqulluuwwanii» ni jedhamtti ture.
4Kutattii kana keessa'llee girgiraan worqqi'iitii fi taabonni waada'aa ka worqqi'iin ka dibaman ni jiran turan, taabotattii waada'aa kana keessa'llee mannaan ka keessa jiru masoobiin worqqi'ii, lalifttuu ka turtte uleen Aarooniitii fi gabateen ajajoonni kudhanii irratti barreeffaman'llee ni jiran turan.
5Taabotattii irra'llee ka jiru kurreen cubbu'uun dhiisisu'uu koola isaaniitiin ka golgan kiruubeeliin ulfinnaa ni jiran turan, garuu waayee wonittoota kanniin maraatiif amma waan maraa tartiibaan dubbachu'uuf, hin dandeennu.
6Wonitti marrinuu haala kanaan eega qophaayeen duubatti qeesonni tajaajila isaanii raawwachu'uuf, gara kutaa dukkaanatti'ii ka jalqabaa yeroo mara ni aseena.
7Gara kutaa lammaffaa ta keessaa ka aseenu garuu itti gaafatamaa qeesotaa qofa, ka aseenu'llee wogga'atti guyyaa tokko qofa, inni'llee waayee cubbuu mataa isaatii fi waayee cubbuu ummanni uduu hin beekin raawwateetiif dhiiga dhiyeessu uduu hin qabatin hin aseenu.
8Dukkaanattiin jalqabaa haga jirttutti gara Qulqullittii Qulqulluuwwanii karaan fidu amma'llee ka hin muldhatin ta'uu isaa, Hafuurri Qulqulluun bifa kanaan ni muldhisa.
9Kun'llee yeroo ammaatiif fakkeenna, kennaan Mana Waaqaatii fi kitimaan bifa kanaan dhiyaatan, sammuu nama dhiyeessuu gonkumaa qulqulleessu'uunii hin danda'an,
10wonittoonni kunniin haga yeroo haarawoomissi dhufuu titti, hujii irra ka oolan seerota afaaniin dubbataman, inni'llee waayee nyaataatii fi dhugati'ii, waayee seerota adda addaa ka qulqullaayu'uutiif seerota raawwataman qofa.
11Garuu Kristos dhufaatii irra wonittoota mishaa jiraniif itti gaafatamaa qeesotaa ta'ee mulidhatee jira, dukkaaniin inni itti gale'llee guddo'oo fi muda maleetti'i, dukkaanattiin tun'llee ta harka namaa titti hin hojjataminii fi ta uumaa kana irraa hin ta'in.
12Inni gara Qulqullittii Qulqulluuwwanii yeroo tokko haala irra deebii hin qabnneen, dhiiga mataa isaa qabatee aseene malee, dhiiga re'iiniitii fi mirgoole'ee qabatee hin aseenne. Bifa kanaan'llee wobummaa bara baraa nuuf ni argamisiise.
13Dhiiginni re'iiniiniitii fi mirgoole'ee akkuma kana kitima'aaf ka ka gutte daaraan goromissa gubatee, namoota battaayan irratti yoo facaafamu, battummaa foonii irraa qulqulleessee, ka isaan qulqullaawomssu yoo ta'e,
14Karaa Hafuura bara baraatiin mataa isaa ciinccaa heeyibii hin qabnne taasisee, Waaqaaf ka dhiyeesse, dhiiginni Kristosii Waaqa jiraataa akka tajaajilluuf, sammuu keenna hujii du'aa irraa attam caala'atti qulqulleessa ta'inna?
15Sunniin ka waamaman qabiyyee bara baraa ka Waaqinni abddi'iin kenne akka fudhataniif, Kristos waadaa haarawaaf wolii galchaa jiddu'uu ta'ee jira, kun'llee ka ta'e namoonni waadaa jalqaba jala ta'anii cubbuu hojjatan irraa fayyisu'uuf, inni du'uu isaatiin.
16Dhaamanni yoo jiraate dhaamanni ka du'ee mirkanaayuu ni barbaachisa,
17jechi dhaamataa ka mirkanaayu eega dhaamataan du'een duubatti, dhaamataan lubbu'uun yoo jiraate garuu jechi dhaamata'aa gatii hin qabu.
18Waayee kanaan waadaan jalqabaa dhiiga malee ka jabaatee dhaabatee miti.
19Jalqaba Museen ajaja seerota ummata marattuu ni hime, kanaan duubatti dhiiga mirgoole'eetii fi dhiiga re'iinii bishaan woliin taasisee, kitaabcha seeraatii fi ummatoota maraa irratti hisoophi'ii fi rifeenissa hoola'aa diima'aan ni facaase,
20ka facaase'llee, «Dhiiginni waadaa haarawaa ka Waaqinni isin ajaje kana» jedheeti.
21Akkuma kana dukkaanatti'ii fi meeshaa itti fayyadamaa mara irrattuu, dhiiga ni facaase.
22Dhugamaanuu akkaataa seera Muse'eetiin waan muraasaan alatti wonitti marrinuu dhiigaan ni qulqullaaya, dhiiginni yoo jiguu dhabaate'llee, dhiifaminni cubbu'uu hin argamu.
Kitimamummaan Kristosii Cubbuu Ka Dhabamissiisu Ta'uu Isaa23Eegaa kunniin wonittoota fakkeenna waan sami'ii ta'an marrinuu seera bifa kanaatiin qulqullaayuu isaa barbaachisa ture, sami'ii wonittoonni ta'an garuu kitimummaa kana caaluun, qulqullaayu'uu titti isaan barbaachisa.
24Kristos fakkeenna «Mana Waaqeffannaa dhuga'aa» gara ta taateetii fi gara fakkeenna ta harka namaa titti hin hojjataminii gara Qulqullittii Qulqullu'uu hin aseenne, inni amma waayee keennaaf Waaqa duranatti muldhachu'uuf gara sami'ii ni aseene.
25Itti gaafatamaan qeesota worra Yihudotaa dhiiga isaa ka hin ta'in qabatee, woggamaan gara bakka Qulqullittii Qulqulluuwwanii ni aseena ture, Kristos garuu mataa isaa yeroo baayi'ee kitimaa taasisee, dhiyeessu'uuf hin aseenne.
26Akkana ta'ee uduu jiraatee garuu, biyyi lafaa yeroo uumamee irraa jalaqabee yeroo baayi'ee rakkinna fudhachuu isa ni barbaachisa ture, amma garuu muummee barootaa titti cubbuu dhabamissiisu'uuf mataa isaa kitimaa taasisu'uun, yeroo tokko haala irra deebi'iinsa hin qabnneen muldhatee jira.
27Namaaf yeroo tokko du'uun ramadameefii jira, du'aan duubatti'llee murti'itu itti jira.
28Akkuma kana Kristos cubbuu namoota baayi'ee dhabamissiisu'uuf yeroo tokko du'ee jira, dabalee'llee cubbuu baadhachu'uuf uduu hin ta'in worra isaa eeggatan fayyisu'uuf, yeroo lammaffaa'llee ni muldhata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.