1 Ergaa Phexiros 5 - Waadaa Haarawa

Ummata Waaqaa Bulichu'uuf Qajeelfama Kenname

1Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa.

2 uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u.

3Akkuma kana worra itti gaafatamummaa keessan jala jiran hiyyeeyyii bitu'uun uduu hin ta'in, gobu'uuf fakkeennummaa mishaa mulidhisu'uun haa ta'u.

4Kana yoo raawwattan Tissichi ijoon yeroo muldhatutti, gonfanni hin banne ka ulfinnaa ni fudhattan.

5Akkuma kana isin gayeessonni! Jarsoti'iif ajajamaa, marri keessanuu mataa gad qabata akka uffataa titti uffattanii, tokko ka bira'aa haa tajaajilu,

«Waaqinni ufi tuulttota ni morma,

gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» jedhamee, barreeffamee jiraatii.

6 Mat 23:12; Luq 14:11; 18:14. Eegaa yeroo Waaqinni muriteessetti ol akka isin qabuuf, harka jabaa Waaqa jalatti mataa keessan gad qabaa.

7Inni waayee keessaniif waan yaaduuf, yaada isin sarddamisiisu maraa isa irratti gataa.

8Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya.

9Biyya lafaa mara irra ka jiran obboleeyyan teessan rakkinna bifa kanaa akka fudhatan beeku'uun, amanti'iin jabaadha'aatii mormma'aanii.

10Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e.

11Baraa haga baraa titti'llee, ulfinnaa fi humnniti isaaf haa ta'u! Ameen.

Nagaya Muumme'ee

12 HuE 15:22, 40. Obboleessa amanama'a jedhee ka yaadu karaa Siilaasiitiin, ergaa kana gabaaba'atti isiniif barreessee jira, isinii ka barreesseef'llee isin gorissu'uu fi kun kennaa Waaqaa ka bilisaa dhugaalessaa ta'uu isaa isinii ibisu'uuf jedheeti, kanaaf kennaa Waaqaa ka bilisaa kanaan jabaadha'aatii dhaabadhaa.

13 HuE 12:12, 25; 13:13; 15:37-39; Qol 4:10; Flm 1:24. Akkuma keessan ta filatamitte woldeenni obboleettiin amaniti'ii ta Baabiloniin jirttu, nagaya isiniif ni dhiyeessiti, ilmi kiyya Maarqoos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa.

14Jaalala kristaanumma'aatiin ufii keessanii wol dhungachu'uun, nagaya wol gaafadhaa.

Ka Kristosii ka taatan mara keessaniifuu nageenni haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help