1Fayyisaa keenna Waaqa, abddii keenna ajaja Yesus Kristositiin, barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa,
2 HuE 16:1. Amanti'iin ilma kiyya ka dhuga'aa ka ta'e Ximotewosiif,
Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamnni, nageenni'llee siif haa ta'u.
Barsiisa Sobaa Irraa Ufi Eeggachiisuu Isaa3Gara Maqedooniyaa yeroo deemutti akkuma yaboo siin jedheen namoonni achi jiran tokko tokko barsiisa sobaa akka hin barsiifinne akka taasfttu, Efesooniin taa'i.
4Gara mammaakaa fi gara laakkofssa dhaloototaa ka muummee hin qabnne akka hin deebineef isaan ajaji, wonittoonni kunniin mormmii fidan malee amaniti'iin hujii raawwatamu ka Waaqaatiif, hin fayyadan.
5Kaayyoon ajaja kanaa garuu onnee Qulqullu'uun, sammuu misha'aa amantii dhuga'aa irraa jaalala argamu.
6Namoonni tokko tokko wonittoota kanniin irraa fooyamanii, gara mormmii tasaa deebi'anii jiran.
7Kana'llee ka taasisan barsiisota Seeraa ta'uuf barbaadaniiti, haa ta'u malee waan dubbatan hin beekan yookiin nu'u sirri'i waan ittiin jedhan'llee hin hubattan.
8Naminni akka ta'utti yoo ittiin hojjate Seerri mishaa ta'uu ni beekinna,
9akkuma kanaan'llee seerri ka hojjatame namoota mishaawwanii akka hin ta'in ni beekinna, seerri ka hojjatame hamaaleyyi'ii fi yakkamttootaaf, worra Waaqa hin waaqeffanne cubbamootaaf, qulqullaawoma worra hin qabnnee fi worra waan hafuuraa jibbaniif, abba'aa fi haadha worra ajjeesanii fi lubbuu ajjeefttotaaf,
10sagaagalttootaa fi worra wol qunnamittii saalaa dhiira woliin raawwatan, nama ukkaamisanii fudhachu'uun daldalttoota gurguran fi sobddootaaf, sobaan worra kakatanii fi barnnoota dhuga'aa waan ta'e maraafuu waan masaanuu ka raawwataniif.
11Barsiifnni dhuga'aa garuu ka argamu waayee ka galateeffamee waayee Waaqaa ka dubbatu wongeela kabajamaa irraayyi, wongeelli kun'llee anaaf yabo'oon ka kenname.
Phaawulos Waayee Dhiisaa Ta'uu Waaqaatiif Galata Dhiyeesse12Ana tajaajilaaf muudu'uun amanamaa taasisee ka ana laakkayee fi ka naa kenne, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ni galateeffadha.
13HuE 8:3; 9:4, 5.Yoma asiin durana'llee Kristosiin ka arrabssee fi ka isa ari'e, ka isa salphiseen'llee yoo ta'e, inni dhiifama naaf ni taasise, inni'llee dhiifama kana ka naaf taasise, ani kana mara ka raawwadhe beekkomissa dhabuu kiyyaa fi amanuu dhabuu kiyyaan ture.
14Kennaan bilisaa ka Waaqa keennaa, Yesus Kristosiin keenna ka ta'e amanti'ii fi jaalala woliin irraa hafaa ta'ee, naaf ni kenname.
15«Yesus Kristos cubbamoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa ni dhufe» dubbiin jedhu, dhugaalessaa fi naminni marrinuu fudhachuu ka qabu, cubbamoota mara irraa ka caalu cubbamaan ana.
16Garuu dhiifamnni naaf ni taasfame, dhiifamnni ka naaf taasfame'llee Yesus Kristos obissiinsa isaa ka daangaa hin qabnne, ana cubbamaa ta'e ka maraa caaluu irratti muldhisuu isaatiin, worra isatti amananii jireenna bara baraa argatanii fi fakkeenna akka ta'uuf.
17Kana nugusa bara baraa ka hin duune, ka hin mulidhanne, Waaqa tokkochaaf ulfinnaa fi galanni baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.
18Yaa ilma kiyya Ximotewos! Akkuma asiin durana waayee keetiif waan Waaqinni dubbateen himametti, ajaja itti aanee jiru yaboo'oon sitti ni kenna, waan Waaqinni akka himamuuf si kenne horddofu'uun, lola mishaa ta'e loli,
19amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni tokko tokko sammuu isaanii gatuu isaaniitiin akkuma dooniin danbalii bishaaniitiin badu, amantii isaanii balleessanii jiran.
20Isaan keessa'llee Hemeneewosii fi Iskindir ni argaman, inni'llee Waaqa irratti jecha arrabaa dubbachuu irraa ufi qusachuu akka baratan, sheexanaaf dabarssee isaan kennee jira.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.