Ergaa Yaaqoob 5 - Waadaa Haarawa

Ufi Eegganna Dureesotaaf Kenname

1Amma ammoo isin dureeyyiin! Koota'aatii dhagayaa, rakkinna makkaraarssaan waan isinitti dhufuuf, iyya'aa booyaa.

2Mat 6:19.Qabeenni keessan marrinuu shamee jira. Uffata keessan'llee biliin nyaatee jira.

3Woriqqiin keessan fi qarshiin keessan'llee danddaayee jira, dandayuun isaa'llee ragaa isinitti ni ta'a, foon keessan'llee akka ibiddaa titti ni nyaataan, guyyoota muumme'ee kanniintti'llee qabeenna baayi'ee kuufttanii jirttan.

4Haa ta'u malee qonna keessan keessa haama'aa hojjattoota oolaniif gatii isaanii waan hin kafaliniif kunoo, qooniqqi mormi'ii ka iyyaanssa isaanii ni dhagayama, iyyaanssa worra callaa sasaabddotaa'llee, Gooftaan hooma'aa dhagayee jira.

5Qanani'ii fi gammachu'uun jiraachu'uun onnee teessan akka horii qalmmaaf qophaayee titti, furdifittanii jirttan.

6Qulqullicha dharaan itti ni muritteessitan, ni ajjeefttaniin'llee, inni'llee isiniin hin mormmu.

Deebi'ee Dhufaatii Goofta'aa Obissaan Eeggachuu

7Yaa obboleeyyan! eegaa Gooftaan haga dhufutti obissaan eegaa, qotee bulaan laftti isaa rooba jalqabaatii fi maa'ii haga argatutti akkuma obissa'aa, gatii guddaa ka qabu firii lafa isaa ni eeggata.

8Isin'llee akkuma kana obissaa, yeroon dhufaatii Goofta'aa waan dhiyaatteef abddiin jabaadhaa dhaabadhaa.

9Yaa obboleeyyan! Isin irratti'llee akka hin murtteeffamnneef ufii keessan wolitti hin wocinaa, kunoo murtteessan yeroon itti dhufu gayee jira.

10Yaa obboleeyyan, maqaa Goofta'aatiin nabiyyoonni dubbatan rakkinna obissaan fudhachu'uun, fakkeenna ta'uu isaanii beekaa.

11Akkuma kana isaan worri obissaan jabaatanii dhaabatan, «Ka eebbifaman» isaaniin ni jenna, Iyyoob attamitti akka obisse dhageettanii jirttan. Gooftaan'llee muummee irratti waan mishaa isaaf raawwate argitanii jirttan, kanaan'llee Gooftaan dhiifama taasisa'aa fi gara laafessa ta'uu isaa beekittannii jirttan.

12 Mat 5:34-37. Yaa obboleeyyan! waan maraa olitti sami'iin yookiin arddi'iin yookiin waan bira'aa womaanuu hin kakanna, haasofnni keessan eetii yoo ta'e dhugamaanuu eetii haa ta'u, mitii yoo ta'e'llee dhugamaan mitii haa ta'u, akkana ta'uu yoo dhabaate garuu isinitti ni muritteeffama.

13Isin jiddu'uu naminni rakkinni isa irra gaye yoo jiraate haa kadhatu, naminni gammade'llee yoo jiraate Waaqa galateeffachu'uun, haa faarffatu.

14Mar 6:13.Isin jiddu'uu naminni dhukkubissate yoo jiraate qeesonni woldaya amanti'ii yookiin jaarsotii gara isaa haa waamu, isaan'llee dhibamaa maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin zayiitii dibanii, haa kadhataniif.

15Ka bifa kanaa kadhannaan amantii irratti hundaaye dhukubbisataa ni fayyisaan, Gooftaan'llee dhibee isaa irraa isa ni fayyisaan, cubbuun hojjate'llee yoo jiraatte dhiifaminni ni taasfamaaf.

16Kanaaf akka fayyitaniif cubbuu keessan ufii keessan wolitti himadhaa, tokkoon tokkoon'llee ka bira'aatiif haa kadhatu, kadhannaan nama Qulqullu'uu bu'aa baayi'ee ka argamissiisu, huminna ol aanaa ni qaba,

17Eliyaas'llee akkuma keenna nama ni ture, garuu roobinni akka hin roobinneef cimssee yeroo kadhatetti, woggaa sadihii fi wolakka'aaf arddii irratti roobinni woyiituu hin roobinne.

18Deebi'ee'llee yeroo kadhatetti samiin rooba ni kenne, arddiin'llee deebitee firii ni kennite.

19Yaa obboleeyyan! Isin keessaa tokkochi karaa dhuga'aatii yoo bayee fi ka bira'aa karaa dhuga'aa titti yoo isa deebiseen,

201Phex 4:8.cubbamaa karaa ittiin dogoggore irraa ka deebi'u, lubbuu cubbama'aa'llee du'aa irraa ka fayyisuu fi baayi'ee cubbuu isaatiif'llee dhiifama argamisiisuuf.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help