1Yeroo maraa ufii keessan jaalala obboleeyyumma'aa qabaadhaa,
2keessummaa simachu'uu fi keessummeessuu hin dagatinaa, akkuma kana keessummoota simata'aa keesummeesu'uun namoonni tokko tokko uduu hin beekin, maleyikkoota simatanii keessummeessanii jiran.
3Haga waan isaaniin woliin wolitti hidhamttanii ta'aatii hidhamttoota yaadadhaa, isin'llee akkuma isaanii haga waan worra rakkinna fudhattanii ta'aatii, worra rakkinna fudhatan yaadadhaa.
4Fuuti nama mara birattuu ka kabajame haa ta'u, worri qaanii hin qabnnee fi sagaagalttoota Waaqinni waan isaan irratti murtteessuuf, abbaan worraatii fi haati worraa amanamummaa dhidhisu'uun, wol fuudha akka hin batteessine.
5Jaalala qarshi'ii irraa fagaadhaa, ka qabddanuu isin haa gayu, Waaqinni «Gonkumaa si hin gatu, akkuma kana si hin dhiisulle'e» jedhee jira.
6Kanaaf abddii taasfachuun,
«Gooftaan gargaaraa kiyya hin sodaadhu,
naminni maal narratti raawwachu'uuf danda'aa?» ni jenna.
7Dubbii Waaqaa jalqaba durssitoota keessan ka isinitti hima hin dagatinaa, haala jireenna isaaniitii fi bu'aa hujii isaanii yaadachu'uun, amantii isaanii horddofaa.
8Yesus Kristos kaleessaa fi adha bara baraaf'llee sanuma, hin jijjiiramu.
9Ka hin baratamin barsiisa gara garaatiin hin booji'aminaa, onneen keenna seerota nyaataa ka gara garaa eegu'uun uduu hin ta'in, kennaa isaa ka bilisaatiin uduu jabaatee dhaabateetii misha'a, seera nyaataa kana namoonni horddofan, womaayyuu isaan hin fayyadinne.
10Nu'u furdda ni qabnna, ta'u'llee dukkaanattii ka tajaajilan qeesonni, furdda kana irra ka jiru nyaata fudhatanii nyaachuun, isaaniif hin eeyyamamu.
11Itti gaafatamaan qeesota Yihudotaa dhiifama cubbu'uu ka argamisiisu dhiiga beeyiladootaa qabatee gara bakka Qulqullittii Qulqullu'uu ni aseena, reeffi beeyiladootaa garuu qe'een alatti ni gubata,
12akkuma kana Yesus ummata dhiiga mataa isaatiin isaan qulqullaawomssuuf, balbala magaalaati'iitiin alatti rakkinna ni fudhate.
13Nu'llee qe'ee baanee gara isaa haa deeminnuu, qoodamtoota salphinna isaa'llee haa taanuu.
14Nu'u magaalaa ufi durana dhufttu ni eegganna malee, magaalaa jabaattee dhaabattee jiraattu arddii tana irratti hin qabnnu.
15Eegaa karaa Yesus Kristositiin kitimaan galataa yeroo mara Waaqaaf haa dhiyeessinuu, kun'llee waayee maqaa isaatiif afaanota ragaa bayan irraa ka dhiyaatu, kitimaa galataati.
16Waan mishaa raawwachu'uu fi waan qabddan kaanniiniif qooduu hin irraafatinaa, Waaqinni ka gammadu ciinccaa akkanaatiin.
17Durissitootaa teessaniif ajajamaa, aangoo isaanii jala'llee ta'aa, isaan'llee itti gaafatama gaafatamaniin waan qabaniif waayee lubbuu teessaniitiif ni jabaatan, isin yoo ajajamittaniif isaan'llee hujii isaanii gammachu'uun ni raawwatan, kana ta'uu yoo dhabaate garuu hujii isaanii gaddaan ni hojjatan, kun'llee ka isin fayyadu hin ta'u.
18Nuuf kadhadhaa, sammuu qulqulluu akka qabnnu nu sirri'itti ni beekinna, karaa maraanuu amala misha'aan jiraachu'uuf ni hawwinaa,
19kana irra jabaattanii akka kadhattaniif cimssee ka isin kadhadhu, dadafaan gara keessan akka deebi'uuf.
Kadhannaa Xumuraa20Tissichi Hoolotaa ol aanaan Gooftaa keenna Yesusiin, dubbii waadaa bara baraa ka dhiigaatiin du'aa ka isa kaase Waaqinni nagayaa,
21fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen.
Woliigalaa22Obboleeyyan! Ergaan isiniif barreesse kun gabaabaa waan ta'eef dubbii gorssa kiyyaa kana obissaan akka fudhattaniif, cimssee isin ni kadhadha.
23Obboleessi keenna Ximotewos mana hidha'aatii akka baye akka beekittan ni jaaladha, dadafaan garana yoo dhufe isa woliin gara keessan dhufee isin ni laala.
24Durissitoota teessanii fi qulqullaawota maraaf nagaya naa dhiyeessaa, Ixaaliya'aa dhufanii kristaannonni asi jiran, nagaya isiniif ni dhiyeessan.
25Kennaan isaa ka bilisaa mara keessan woliin haa ta'u. Ameen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.