Gara Worra Rooma'aa Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaErgaan ergamitticha Phaawulosii gara namoota Rooma'aa titti barreeffame, Phaawulos woldaya amantii Rooma'atti argamittu laalu'uuf sagantaa qaba waan tureef, qophaayanii akka isa eegan isaan taasisu'uuf. Sagantaan Phaawulosii amanttoota Rooma'aatti argamaniin woliin yeroo muraasaaf eega hojjateen duubatti, gargaartummaa isaaniitiin gara biyya Isipheenii deemu'uuf ture, waayee amantii kristaanummaa waan hubatee fi waayee kristaanonni jireenna isaanii keessatti hujii irra oolichuu isaan barbaachisu'llee, haala barsiisa kristaanumma'aa tarreessu'uun barreessee jira, ergaan Phaawulosii haala guutuu ta'een ka argamu, bifa kanaan.Phaawulos amanttoota Rooma'atti argamaniif nagaya isaa eega isaanii dabarssee fi akka isaanii kadhatu'llee abddii eega isaanii kenneen duubatti, jiddugaleessi ergaa isaa (1:17) «Qulqullummaan Waaqa irraa argamu amanti'iin, amanti'iif akka ta'e wongeela keessatti ibisamee jira» dubbii jedhu ta'uu isaa, ni muldhisa.Kanaan duubatti Phaawulos yaaduma kana babaldhisu'uun ni barreessa, Yihudota ta'anii ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu bitamttoota cubbu'uu waan ta'aniif, Waaqaan woliin araaramutu isaan irra jiraata, namoonni Waaqaan woliin araaramu'uuf ka danda'an'llee, Yesus Kristostti amanu'uun, bu'aan tokkummaa Waaqaan woliin hunddeessanii kun'llee, jireenna haarawa ta'uu isaatiif, Phaawulos baldhinnaan ni hubachiisa. Amanaan Waaqaan woliin nagaya ni qabaata, karaa Hafuura Waaqaatiin'llee cubbu'uu fi huminna du'a jalaa bilisa ni baasa, boqonnaa. 5 haga 8 titti Phaawulos seera Waaqaatii fi jireenna amanttootaa titti ka hojjatu kaayyoon huminni Hafuura Waaqaa maal akka ta'e ni ibisa, kanatti'llee aanssu'uun Phaawulos, «Waaqinni kaayyoo fiixaa namaatiif qabu keessatti, Yihudotaa fi Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, attamitti wolitti maraaramu'uuf danda'an?» gaafii jedhuu, deebii kennu'uuf tataafii ni taasisa.Deebi'ee'llee akkuma Phaawulos ibisetti, Yihudonni Yesusiin uduu ufitti hin fudhatiniin hafuun isaanii kaayyoo Waaqaati, kun'llee ka ta'e karaa Yesus Kristositiin, kennaa bilisaa ka Waaqinni muldhiseen guutuu fiixaa ilma namaa mara hirmmaataa taasisu'uuf. Haa ta'u malee Yihudonni Yesusiin ufitti yeroo fudhatanitti, akka dhufu Phaawulos ni amana, muummee irratti Phaawulos jireenna Kristaanumma'aatiin attamitti jiraachuun akka malu, keessummaanuu amanttoonni ufii isaaniitii wolitti dhufeenna qabaniin, karaa jaalalaa horddofuu akka qaban ni hubachiisa, waayee Waaqa tajaajilu'uu, Kristaannonni biyya isaaniitii fi ufii isaaniitii'llee waayee itti gaafatama qabaniit fi waayee gaafiiwwan sababa sammu'uutiin ka'anii, tarreessu'uun ni hubachiisa.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa Yaada Ijoo kitaabchaa 1:1-17Fayyinni Ilma Namaatiif Barbaachisaa Ta'uu Isaa 1:18—3:20Karaa Fayyisiinssa Waaqaa 3:21—4:25Jireenna Haarawa Kristosiin Argamu 5:1—8:39Israa'eel Kaayyoo Waaqaa Keessatti 9:1—11:36Gocha Kristaannuma'aa 12:1—15:13Woliigalaa Fi Nagaya 15:14—16:27
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help