1Garuu bara duraanii titti ummaticha jidduu nabiyyoonni dharaa akkuma turan, isin jidduu'llee nabiyyoonni dharaa ni jiraatan, isaan balleessaa ka itti aanssu barsiifnni dharaa dhossa'aan akka tamisa'u ni taasisan, Gooftaa isaa fayyise'llee waakkatanii badii ariiffachiisaa mataa isaanii irratti ni fidan.
2Bifa kanaan baayi'eewwan karaa isaanii saalifachiisaa ni horddofan, gocha isaanii irraa'llee ka ka'een karaa dhuga'aa ni arrabisama.
3Barsiisonni dharaa tunniin qarshi'iif haafayuu irraa ka ka'een seennaa ufii isaaniitii qopheessan oddeessa'aa, isaan ni saaman. Bara baayi'e'een duranaa'llee jalqabee murttiin isaaniif qophaayee jira, badiin'llee dhugamaanuu isaan ni eeggata!
4Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate.
5Akkuma kana lallabaa qulqullaawomaa ka ture Nohiin namoota kaanniin torbaan woliin fayyisee, biyya lafaa ka namoonni Waaqa hin waaqeffanne keessa turan irratti bishaan badi'ii yoo fidu, garaa laafee biyya lafaa ka duranii hin baafinneef,
6dabalee'llee worri Waaqa hin waaqeffanne marrinuu fakkeenna adabamaa akka ta'aniif, magaalaawwan Sodoomii fi Gamoora'aa haga daaraa ta'anitti, gubanii akka balleessaniif isaanitti ni murtteesse,
7gocha saalifachiisaa worra seeraan alattiin guduunfata'aa ni jiraata ka ture Looxii qulqullaawomaa garuu, ni fayyiseen,
8namichi qulqullaayomaan sun isaan jidduu yeroo jiraatutti waan guyyama guyya'aan ni argaa fi ni dhagaya ture gocha isaanii ka seeraan alaatiin, lubbuun isaa qulqullaayomaan ni sarddamitti ture.
9Eegaa kun marrinuu akkana yoo ta'e Gooftaa isa waaqeffachu'uun namoota jiraatan qormaata irraa akka isaan fayyisu, cubbamoota'llee attamitti akka isaan adabuu fi guyyaa murtti'iitiif'llee attamitti eegee akka isaan turssiisu, ni beeka jechu'u.
10Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa.
11Maleyikkoonni isaan irraa huminnaa fi aangoo isaan ka caalan yoma ta'an'llee, Gooftaa duranatti isaan irratti himannaa affan dabriinssaan guutame isaan irratti hin dhiyeessu.
12Barsiisonni dharaa tunniin garuu waan hubachu'uuf isaan dhibeef nama ni arrabssan, isaan xamadamu'uu fi ajjeefamu'uuf akka waan dhalatanii, akka beeyiladootaa miira isaanii ka uumamaatiin jiraataniitii fi akka beeyiladoota sammuu hin qabnneetii, akkuma beeyiladoonni badanitti isaan'llee raawwatan ni badan.
13Balleessaa waan raawwataniif gatii isaanii ni fudhatan, gammachuun isaanii'llee aduu saafayaatiin machaayu'uu fi haga malee fandalalu'u, fandalaluu isaanii ka haga dhabe kanaan isin woliin yeroo afeeramanitti, sobaa ka ta'e gocha isaanii ka fooniitiin, isaan heeybayoota fi qaanesstoota.
14Ija cubbuu raawwachuu irraa ufi hin qusanne ni qaban, fedhiin isaanii ka cubbuu raawwachu'uu yoomuu hin furmmu, namoota amanti'iin jabaatanii hin dhaabatin ni soban, qarshi'iif ni haafayan. Isaan namoota abaaraman.
15Isaan karaa qajeelaa ta'e dhiisanii badanii jiran, hamaa hojjachu'uun qarshii argamu ka jaalate, ilma Bioorii karaa ilma Bala'aamii horddofanii, dogoggoranii jiran.
16Bala'aam garuu waayee cubbuu isaatiif balaaleffatamee jira. Harreen dubbachu'uuf hin danddeenne afaan namaatiin dubbattee, hujii nabiyyichaa ka maraatu'uu mormmitee jirtti.
17Namoonni kunniin akka burqaalee bishaan hin qabnneeti, bubbee honbololatti'iitiin akka duumessota fudhatamaniiti, dukkanitti jimiin isaan ni eeggata.
18Namoota dogoggoraan jiraatan jiddu'uu milqanii ka bayan keessaa namoota baayi'ee hin turin, tasa ka ta'e jecha ufi tuulumma'aa dubbachu'uun, kajeellaa gocha sagaagalaatiin woliin jechisiisu'uun, isaan ni soban.
19«Bilisa ni baatan» jedha'aa abddii isaaniif ni kennan. Naminni yoo injifatamu injifata'aaf gabra ta'ee waan bitamuuf, isaan mataan isaaniituu gabroota cubbu'uuti.
20Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun battummaa biyya lafaa jalaa eega bayaniin duubatti, deebi'anii battummaa saniin qabamanii yoo injifataman, ka duranii irraa haalli mai'ii caala'atti hamaa isaanitti ni ta'a.
21Karaa qulqullaawomaa eega beekaniin duubatti ajaja isaaniif kenname qulqulluu irraa ufi duuba ka deebi'an irra, karaa qulqullumma'aa beekuu dhabanii uduu jiraataniitii, isaaniif woyya ture.
22«Waan tufe liqimssu'uuf sareen gara waan isaa ka tufee titti ni deebi'a.» Akkuma kana, «Booyeen eega miicateen duubatti deebi'ee dhoqqee irratti ni gangalata» ka jedhu, fakkeenni dhugaalessi isaan irra gayee jira.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.