Hujii Ergamittootaa 25 - Waadaa Haarawa

Phaawulos Gara Nugusa Rooma'aa Naa Haagaluu Gaafachuu Isaa

1Fesxoos'llee gara biyya isaa Qiisaariyaa galee guyyaa sadihi eega tureen duubatti, achii gara Yerusaalemii ni deeme.

2Achitti'llee itti gaafatamoonni qeesotaatii fi namoonni ol aanttonni Yihudotaa ta'an tokko tokko Phaawulosiin irratti himannaa isaanii ni dhiyeessan, «Phaawulosiin gara Yerusaalemii fichisiisu'uun, waan mishaa nuuf raawwadhu» jechuun'llee ni kadhataniin,

3kana'llee wonitti jedhaniif, Phaawulosiin karaa irratti eeganii, ajjeesuunii waan barbaadaniif.

4Fesxoos garuu, «Phaawulos Qiisaariyaa mana hidhaa titti eegamaati jira, ani'llee amma dadafee deebi'ee, garasi ni deema,

5namoonni keessan ka aangoo qaban ana woliin, gara Qiisaariyaa haa deeman, balleessaan Phaawulos raawwate'llee yoo jiraate, achitti haa himataniin» isaaniin jedhe.

6Fesxoos'llee yeroo guyyaa saddeeti yookiin kudhan hin caalle, isaaniin woliin eega dabarsseen duubatti, gara Qiisaariyaa ni deeme, achi'llee eega gayeen duubatti, guyyaa itti aanutti barccumaa murttii irra ta'eeti, Phaawulosiin akka dhiyeessaniif ni ajaje.

7Phaawulos yeroo dhiyaatetti Yihudonni Yerusaalemii dhufan isa marssanii dhaabataniiti, himannaa cimaa baay'ee, ragaa itti argachuu hin danddeenne isa irratti ni dhiyeessan.

8Phaawulos'llee, «Ani seera Yihudotaa irratti'llee ta'ee yookiin Mana Waaqeffanna'aa yookiin nugusa Rooma'aa irratti, balleessaan raawwadhe hin jiru» jechu'uun, deebii isaa ka ittisa ni kenne.

9Fesxoos garuu Yihudota gammachisiisu'uuf barbaadee Phaawulosiin, «Gara Yerusaalemii deemittee, waayee dhimma kanaa achitti ana duranatti mormmachu'uuf ni barbaadaa ree?» ni jedheen.

10Phaawulos garuu akkana jechu'uun deebii ni kenne, «Kunoo ani falmmachuu bakka itti malu barccumaa nugusa Roomaa Qiisaariyaa durana dhaabadhee jira, ati'llee akkuma midhaassitee beekitutti, Yihudota irratti ka raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru,

11balleessaa yoo ta'e yookiin balleessaa du'aan ana adabsiisu yoo raawwadhee jiraadhe du'a irraa haa hafu hin jedhu, garuu himannaan isaanii tasa yoo ta'e, eennu'llee isaaniif dabarssee ana kennu'uuf hin danda'u, ani garuu gara nugusa Rooma'aa naa haagalu jedhee jira» jedhe.

12Yeroo kana Fesxoos gorssitoota isaa woliin mari'ateeti, «Gara nugusa Roomaa naa haagalu eega jette, gara nugusichaa ni deemtta» jedheen.

Phaawulos Agriipha'aa fi Berniiqee Duranatti Dhiyaachuu Isaa

13Guyyaa muraasaan duubatti nugusichi Agriiphaa fi Berniiqee Fesxoosiin, «Baga nagayaan dhuftte jechu'uuf», gara Qiisaariyaa ni dhufan.

14Achi'llee guyyaa baay'ee taa'uu isaaniitiin, Fesxoos waayee dhimma Phaawulosii akkana jechuun, nugusa Agriiphaaf ni ibise, «Ka Feelikiis hidhee dhiise naminni tokko asi ni jira,

15ani Yerusaalemiin yeroo turetti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin worra Yihudotaa waayee namicha kanaa gara kiyya eega iyyataniin duubatti, akka itti murtteessuuf ana ni gaafatan.

16Ani garuu, ‹himatamaan himatoota durana dhaabatee, dhimma ittiin himatameef deebii ittisa isaa uduu hin kenniin, himatamaa dabarssanii kennuun, seera worra Roomaatii miti› jedhee isaaniif ni deebiseef.

17Kanaaf himattoonni wolitti qabamanii garana yeroo dhufanitti, uduu hin turn barcumaa murtii irra ta'eeti, Phaawulosiin ana duranatti akka dhiyeessaniin ni ajaje.

18Himattoonni isaa'llee yeroo dubbachu'uuf isa bira dhaabatanitti, haga ani waan hamaa hojjate jedhee tilmaameetiin, waan himatamuun isa gayu woma tokkoo isa irratti hin dhiyeesine.

19Garuu isaa woliin irratti wol mormman ka ture, waayee amantii isaanii Kristosiitiif waayee ka du'ee turee, Phaawulos garuu ‹jiraataa› waayee Yesusii jedhuuti.

20Ani'llee waayee akkanaa kana qoradhee waan ana rakkiseef Phaawulosiin, ‹gara Yerusaalemii deemittee achitti waayee kana falmmachu'uuf ni jaalatta ree?› ni jedheen.

21Inni garuu dhimmichi nugusa Roomaatiin akka naaf laalamuuf barbaadee, gara nugusaa naa haa galu jechuu isaatiin haga garana isa ergutti, mana hidhaa akka turu ni ajaje» jedhe.

22Agriiphaan'llee Fesxoosiin, «Ani'llee naminni kun yoo dubbatu dhagayuu ni barbaada» ni jedheen.

Fesxoos'llee, «Boru ni dhageettan,» jedheen.

23Kanaaf guyya itti aanutti Agriiphaa fi Berniiqeen uffata isaanii ka nugusaa uffataniiti, gaachena ol aanaan ta'anii, itti gaafatamoota woraanaa Kristosiitiif namoota ol aanota magaalaatiin'llee marffamanii dhufaniiti, gara galmma murtii'llee ni galan, achiin duubatti'llee Fesxoos Phaawulosiin ni waamsise.

24Akkana'llee ni jedhe, «Yaa nugusa Agriiphaa! Isin'llee namoonni nu woliin jirttan marrinuu! Yihudonni ‹naminni kun ammaa achitti lubbuun jiraachuu hin qabu› jechuun iyyaa Yerusaalemtti'llee, asiin'llee akka itti murtteeffamuuf ka ana gaafatan nama argittan kana.

25Ani garuu waan du'aan isa gayu balleessaa woyiituu itti hin arigganne, inni gara nugusa Roomaa naa haa galuu jechuu isaatiin, garana isa erguuf ni murtteesse.

26Haa ta'u malee waayee isaa Gooftaa kiyyaaf ka barreessu waan mirkanaayee hin qabu, kanaaf eega qoratameen duubatti waan barreessu akka arggadhuuf jedhee isin duranatti, kana irra yaa nugusa Agriiphaa! Si duranatti dhiyeesseenii jira.

27Hidhamaan gara qaama ol aanaa yoo ergamu, waayee ittiin himatamee ibisuu dhabuun isaa, gowwummaa fakkaatee natti muldhatee jira.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help