1Kanaaf Yesus Kristosiin ka jiraatan, amma cubbuun hin qabaatan.
2Jireenna Yesus Kristosiin ariggamu ka kennu seerri Hafuura Qulqullu'u, seera cubbu'uu fi du'aa jalaa bilisa ana baasee jira.
3Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise.
4Kana'llee ka raawwateef fedhii fooniitiin uduu hin ta'in, hafuuraan ka dedeebinu nu'uun ajajinni seeraa ka sirrii ta'e akka raawwatamuuf.
5Fedhii fooniitiin ka jiraatan waan foonii, fedha hafuuraatiin ka jiraatan garuu waan hafuurawaa ni yaadan.
6Waayee waan foonii yaaduun du'a ni fida, waan hafuuraa yaaduun garuu jireennaa fi nagaya'llee ni fida.
7Waan foonii naminni yaadu Seera Waaqaatiif waan hin ajajaminnee fi ajajamu'uuf'llee waan hin dandeenneef, inni diina Waaqaati.
8Waan fooniitiif worri bitaman, Waaqa gammachiisu'uuf hin danda'an.
9Isin garuu Hafuurri Waaqaa isin keessa ka jiraatu yoo ta'e fedha Hafuuraatiin malee fedha fooniitiin hin jiraattan, Hafuura Kristosii naminni hin qabaanne'llee, inni ka gara Kristositii miti.
10Kristos isin keessa yoo ta'e yoma foon keessan'llee sababa cubbu'uutiin ka du'u ta'e'llee Waaqinni waan isin qulqullaawomsseef, hafuurri keessan jiraata'a.
111Qor 3:16.Yesusiin du'aa ka kaaseen Hafuurri Waaqaa keessa keessan yoo jiraate, Yesus Kristosiin du'aa kaaseen Waaqinni keessa keessan ka jiraatu karaa hafuura isaatiin, foon keessan du'aaf jireenna ni kenna.
12Kanaaf yaa obboleeyyan! jireenna keennatti dirqama ni qabnna, garuu dirqamnni kun fedha fooniitiin jiraachu'uufii miti.
13Fedhii fooniitiin yoo jiraattan ni duutan, garuu huminna Hafuura Qulqullu'uutiin, hujii keessan ka foonii yoo ajjeefttan, lubbu'uun ni jiraattan.
14Hafuura Waaqaatiin worri eemaraman marrinuu, ijoollee Waaqaati.
15Mar 14:36; Gal 4:6.Kanaaf, «Abbaa, yaa Abbaa keenna!» jettanii ka ittiin waamittan, hafuura finnumma'aa ni fudhattan malee, soda'aan jiraachu'uuf deebitanii hafuura garbumma'aa hin fudhanne.
16Hafuurri Waaqaa hafuura keennaan woliin ta'ee, ijoollee Waaqaa ta'uu keenna nu'uuf ragaa ni baya.
17Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.
Ulfinna Dhufu18Rakkinni ammaa kun ufi durana ulfinna nutti muldhachu'uuf jiruun wol biratti yoo madaalamu, womaanuu wol qixxaayuu akka hin danda'aminnetti, ni laakkayaan.
19Uumaminni marrinuu muldhachuu ijoollee Waaqaa, hawwii ol aana'aan ni eeggatan.
20Uumaminni marrinuu tasa akka ta'uuf itti murtteeffamee jira, kun'llee fedha mataa isaatiin uduu hin ta'in, abddi'iin akka eeggatu ka taasise, fedhii Waaqa tiin.
21Abddiin'llee uumaminni mataan isaatuu garbummaa badi'ii jalaa bilisa bayee, ijoollee Waaqaa woliin qoodamaa bilisumma'aatii fi ulfinnaa akka ta'uuf.
22Uumaminni marrinuu bakka tokkotti haga adhaa titti sarddamaa ciniinisu'uutiin qabamee woyata irra jiraachuu ni beekinna.
232Qor 5:2-4.Garuu woyachuu irra ka jiru uumama qofaa miti, kennaa Hafuura Qulqullu'uu ka jalqabaa ka fudhanne, nu'llee wobii qaama keennaa ka ta'e ijoollee Waaqaa ta'iinsa abddi'iin eeggata'aa keessa qaama keennaa titti woyata irratti ni arggaminna.
24Nu'u ka fayyine abddima kanaan. Garuu abddii ka taasffannu ka muldhatu yoo ta'e abddii ta'uun ni hafa, waan muldhatuu eennutu abddii isa taasfata?
25Waan hin argine abddii yoo taasfanne garuu, obissaan ni eeganna.
26Akkuma kana attamitti kadhachuu akka nurraa malu waan hin beekinneef, Hafuurri Qulqulluun dadhabbii keennaan nu ni gargaara, woyata dubbi'iin ibisamu'uuf hin dandanda'aminneen'llee, nuuf ni kadhata.
27Onnee namaa Waaqinni qoratu, yaadinni Hafuura Qulqullu'uu maal akka ta'e ni beeka, Hafuurri Qulqulluun waayee amanttootaatiif ka kadhatu, akka fedhii Waaqaa titti.
28Worra Waaqa jaalatanii fi akka fedhii isaa'llee namoota waamamaniif, Waaqinni waan maraa mishumma'aaf, akka isaanii taasisu ni beekinna.
29Kun'llee sababaan ta'eef durssee worra isaan beeke ijoollee isaa akka fakkaatanii fi obboleeyyan isaa baayi'ee jiddu'utti'llee hangafa akka ta'uuf, Waaqinni durssee waan murtteesseef.
30Durssee worra murtteesse ni waame, worra waamee'llee ni qulqulleesse, worra qulqullaayomsse'llee isaan ni kabaje.
Jaalala Waaqaa31Eegaa waayee waan kanaa maal jenna ree? Waaqinni nu'u woliin yoo ta'e eennutu nu mormmu'uuf dandda'a?
32Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?
33Worra Waaqinni isaan filate eennutu isaan himataa? Ka isaan qulqullaayomssu'llee isa.
34Eennu ka muritteessu? Yesus Kristos isaanitti ni murtteessa ree? Inni waayee kennaaf ka du'e, du'aa'llee ka'ee mirga Waaqa Abba'aatiin ka taa'e, waayee keennaaf'llee ni kadhatu.
35Jaalala Kristosii irraa ka nu fooyuu dandda'u eennu? Rakkinna moo yookiin sarddama, ari'atama moo yookiin beela? Yookiin daara, yookiin galttee yookiin billaya?
36Kun'llee,
«Waayee keetiif guyyama maratti ni ajjeeffaminna,
akka hoolota qalamanii titti'llee ni laakkayamnne»
jedhamee, akkuma barreeffame.
37Eegaa ka nu jaalate Kristosiin wonittoota kanniin maraa injifachu'uun, worra injifattootaa maraa ni caala.
38Kanaaf du'a'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, maleyikkoota'llee yoo ta'an, worra aangoo qaban'llee yoo ta'an, ka amma jiru'llee yoo ta'e, ka maa'ii dhufu'llee yoo ta'e, humnnoonni'llee yoo ta'an,
39Ol fageenna ta'ee gad bu'iinssa umaminni kum'llee yoo ta'e Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ka arganne, jaalala Waaqaa irra nu fooyu'uuf ka danda'u wonitti tokko'llee akka hin jirre mirkaneeffadhee jira.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.