Mul'dhata Yohaannisii Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaMul'dhanni Yohaannisii ka barreeffame kristanonni Yesus Kristosiin Gooftaa isaanii ta'uu isaa sababa amanuu isaaniitii, ari'atamaa fi rakkinni isaan irraa ni gaya yeroo turetti. Xiyyeeffannoon ijoon barreessa'aa dubbiffattoonni abddiin isaanii guutuu akka ta'u jajabeessu'uu fi ari'atamaa fi rakkinna isaan irra gaye keessatti'llee, amantii isaaniitiin akka jabaatan isaan jajabeessu'uuf.Kutaan baayi'een kitaabichaa baayi'nna ka qabanii fi wol duubaa duranaan ka ta'an muldhatoota ka ufii keessatti qabatee ta'uu isaati, muldhatoonni'llee amanttoonni bara sanitti turan hubachu'uuf ka danda'an, kaanniniif garuu dhossaa ta'anii ka turan, akkaataa haasaya suura'aatiin ka dhiyaatan. Akkuma bifa kutaan farfaanna'aa irra dedeebi'utti mata dureen kitaaba kanaa'llee irra dedeebi'amee, dhiyaatee jira. Waayee hiikkaa kitaabichaa yaada adda addaa ka qabu ta'u'llee, ijoon yaadaa garuu ifa, kun'llee Waaqinni karaa Gooftaa Kristositiin haala irra deebii hin qabnneen, yeroo tokkoo fi yeroo muumme'eetiif sheexana dabalee, diinota isaa maraa ni injifata, marrinuu yeroo xumurametti worra amanamoota ta'aniif, eebba samii haarawaatii fi arddii haarawaa isaan ni dhaalchisa, ka jedhu.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-8Furttuu mul'dhatichaatii fi woldayoota amanti'ii torbaniif ergaman ergame 1:9—3:22Kitaabchaa fi chaaphaawwan torbban 4:1—7:17Xurunbbaawwan laali'ii torbban 8:1—11:19Xara'aa fi bineensota lamaan 12:1—13:18Mul'dhatoota adda addaa 14:1—15:8Duloowwan torbban Waaqaa ka dallanissu'uu 16:1-21Balleessaa Baabiloonii, nabiyyicha dharaatii fi injifatamuu sheexanaa 17:1—20:10Murtii muumme'ee 20:11-15Samii haarawa, arddii haarawaa fi Yerusaalemii haarawa, 21:1—22:5Woliigala 22:6-21
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help