1 Ergaa Yohaannis Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaJalqaba ergaan ergatamaa Yohaannisii kaayyoo ijoowwan lamaan qaba. Isaan'llee dubbifattoonni Waaqaa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaatan jajabeessu'uu fi tokkummaa kana'llee balleessu'uuf ka danda'u barsiisa dharaa irraa akka fagaataniif ufi eeggachiisu'uuf. Yeroo kanatti ka mulidhate burqqaan barisiisa dharaa ka burqqu, wolitti dhufeenna biyya lafaa guddoo woliin taasfamuun waan ta'eef, Ilmi Waaqaa Yesus gonkumaa nama ta'uuf yookiin amala ilma namumma'aa qabaachu'uuf hin danda'u ka jedhu ture. Barsiisonni sunniin, «Fayyinna jechuun jireenna biyya lafaatiif sarddamuu irraa bilisa bayu'u» ni jedhan turan, kanaan woliin, «Ijjannoon amala nama hafuuruumma'aa ta'ee nama bira'aatiif'llee jaalala muldhisuun, fayyinnaan wolitti dhufeenna woyiituu» hin qabu ni jedhan turan.Barreessan barsiisa kana mormmu'uun Yesus Kristos nama, Yesusitti ka amananii fi Waaqa ka jaalatan marrinuu ufii isaaniitii'llee wol jaalachuun isaan irraa ni mala, jechu'uun hubachiisee jira.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-4Ifaa fi dukkana 1:5—2:29Ijoollee Waaqaatii fi ijoollee sheexanaa 3:1-24Dhuga'aa fi dogoggora 4:1-6Dirqama jaalalaa 4:7-21Amanitii Injifataa 5:1-21