2 Gara Worra Qorontoosii 2 - Waadaa Haarawa

1Eegaa akka isin hin gaddisiifneef yaadu'uun laalchaaf gara keessan deebi'ee akka hin dhufinneef, murtii dhugaa ta'e ni taasise.

2Yoma isin'llee gaddisiise'llee ka isin gaddisiise, isin malee ana ka gammachiisu eennu?

3Akkasitti ka isiniif barreesse gara keessan yoo dhufutti, namoota gammachiisuu qaban, akka ana hin gaddisiifnneef jedheeti, gammachuun kiyya gammachuu keessan maraa ta'uu isaa ni amana.

4Gadda gudda'aa fi sarddama onne'eetiin, imimmaan baayi'een'llee ta'ee ka isiniif barreesse, haalaan ka isin jaaladhu ta'uu kiyya akka beekittaniif jedheeti malee, isin gaddisiisu'uuf jedheetii miti.

Nama Balleesseef Dhiifama Taasisuu

5Nama ka gaddisiise eennu'llee yoo jiraate ka gaddisiise ana uduu hin ta'in, balleessaa isaa ol guddisu'uun natti hin ta'in malee, gara bira'aatiin isin keessaa baayi'eewwan gaddisiisee jira.

6Nama akkanaa kanaaf isin keessaa adabbiin baayi'eewwan itti murteessan ni gayaan.

7Kanaaf naminni kun haalaan gadduu irraa ka ka'een abddii akka hin kutanneef, kana irra dhiifama akka isaa taasfttanii fi akka jajabeessitaniin ni mala.

8Akkuma kana isa ka jaalattan ta'uu keessan deebitanii akka mirkaneestaniif, isin ni kadhadha.

9Ergaa san'llee isiniif ka barreesse qormaatamittanii waan maraanuu ajajamittoota ta'uu keessan, hubachu'uuf jedheeti.

10Nama isin dhiifama taasfttaniif ani'llee dhiifama ni taasisaaf, dhiifaminni ani taasisuuf yoo jiraate, ani Kristosiin duranatti dhiifama ka isaa taasisuuf waayee keessaniif jedheeti.

11Kana'llee ka raawwadhu hujii sheexanaa ka dabaa waan beekinuuf, akka Sheexanni nu hin sobinneef jedheeti.

Xro'aasitti Sarddama Phaawulosii

12 qabuu titti, Kristosiin Waaqaaf ka dhiyaanne.

16Nu'u tokkoof foolii du'aa ka ajjeesu, ka bira'aatiif jireenna ka kennu foolii jireennaat, eegaa tajaajila kanaaf gayaa ka ta'u eennu?

17Nu'u dubbii Waaqaa akka worra meeshaa daldalaa gurguranii titti akka baayi'eewwaniitii miti, garuu akka worra Waaqa biraa ergaman akka ergamoota qajeelttotaa, Kristosiin taanee Waaqa duranatti ni dubbanna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help