2 Gara Worra Qorontoosii 8 - Waadaa Haarawa

Arjjooma Kristaanotaa

1 Rom 15:26. Yaa obboleeyyan! Kennaa bilisaa ka Waaqinni woldayoota kristaanota Maqedooniyaa jiraniif kenne, akka beekitaniif ni barbaanna.

2Isaan rakkinnaa baayi'e'een qormaatamanii jiran, haa ta'u malee gammachuun isaanii ol aanaa ni ture, haalaan hiyyeeyyii yoma ta'ani'llee, arjooma ol aanaa raawwatanii jiran.

3Haga danda'anii fi haga isaaniif danda'amuu fi haga danda'amuu oltti'llee fedha isaaniitiin akka kennan, ani isaaniif ragaa ni baya.

4Kristaanonni Yihudaa jiran carraan gargaaru'uu akka isaan hin dhoogamnneef'llee, cimisanii nu ni kadhatan,

5wonitti isaan raawwatan ka nu eeginnee olitti, jalqaba mataa isaanii Goofta'aaf ni kennan, itti aanssanii'llee Waaqa duranatti fedhii mataa isaaniitiin mataa isaanii nu'uuf kennanii jiran.

6Hujii kana durssee ka jalaqabe Tiitoosiin waan tureef amma'llee hujima arjoomaa keessan kana gara muumme'eetiin akka gayuuf, isuma kadhadhaanii jira.

7Isin amanti'iin, haasayaan, beekkomisaan, hisataan, jaalala nu'uuf'llee qabddanii fi waan maraanuu ni caalttan, hujii arjoomaa kanaan'llee akka caalttan haa ta'u.

8Eegaa kana ka isiniin jedhu isin ajaju'uunii miti, garuu hisata kenna'aa ka kaanniinii isiniin woliin wol biratti laalu'uun jaalalli keessan dhugaalessa ta'uu mirkaneessu'uuf jedheeti.

9Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.

10Dhimma kanaan isiniif mishaa ta'ee ka natti mulidhate gorssa isiniif ni kenna, woggaa dabrre kennuu qofaaf uduu hin ta'in kana raawwachu'uuf jalqaba, ka barbaaddan isin turttan.

11Kanaaf kennu'uuf eeyamummaa keessan hujii irra oolee gara muumme'ee akka gayuuf, huminna haga qabdaniitiin waan yaaddan ammuma raawwadhaa.

12Kennu'uuf fedhiin misha'aan yoo jiraate arjoominni namaa fudhatama ka argatu, haga qabuun yoo kenne malee haga hin qabnneen yoo kenneenii miti.

13Kana'llee yoo jedhu marri keessanuu wol qixa akka taataniif malee, isin kennu'uun yoo rakkattan kuunniin akka boqataniifii jedheetii miti.

14Isin yeroo rakkattaniiti qabeenni isaanii rakkinna keessaniif akkuma oole amma qabeenni keessan rakkinna isaaniitiif haa oolu, bifa kanaan jidduu keessan wol qixxummaan ni jiraata.

15Kun'llee, «Baayi'ee ka wolitti qabe hin hafinneef, shiikkoo wolitti ka qabee'llee jalaa hin dhidhanne» jedhamee akkuma barreeffame.

Tiitoosii FI Waahellan Isaa

16Haga ani isiniif yaadu Tiitoos'llee isiniif onne'een akka yaadu, Waaqinni taasise haa galatoomu.

17Tiitoos gara keessan ka dhufe fedhuma mataa isaatiin kaka'ee gammachu'uun malee, nu'u waan isa kadhanne qofaafii miti.

18Lallaba isaa ka wongeelaatiin woldayoota amanti'ii maratti obboleessa galateeffatame, isaan woliin ni ergina.

19Kanaa oltti'llee obboleessi kun nu'u hujii bayeessa kana ulfinna Goofta'aatiif yoo raawwannuu fi tajaajilu'uuf hawwii mishaa qabnnu yoo ibisinu nu woliin deemu'uun, qoodamaa hujii keenna akka ta'uuf, woldayoota krirstaanaatiin ka filatame.

20Qarshii arjoomaan kenname kana'llee yoo bulchinu, ashaan woyiituu akka nurra hin geenneef, ufi eegganna ni taasfnna.

21Kaayyoon keenna Gooftaa durana qofatti uduu hin ta'in, namoota duranatti'llee waan mishaa ta'e raawwachu'u.

22Yeroo baayi'ee karaa baayi'een qoratamee hisataa ta'ee ka argame obboleessa keenna Tiitoosiin woliin ka ergineef'llee waayee kanaan, inni amantiin isin irratti qabu guddaa waan ta'eef, amma hujii kanaan gargaaru'uuf hisanni inni qabu, ka yeroo kamiinuu caalu.

23Waayee Tiitoosii beekuu yoo barbaachise isin garggaaru'uun ka ana woliin hojjatu waahelli hujii kiyyaati, isaan woliin waayee worra dhufan obboleeyyan bira'aa yoo ta'e, isaan ulfinna bakka bu'oota woldaya amanti'iitiif ka dhaabatan.

24Kanaaf jaalala keessan isaaniif ibisaa, bifa kanaan jaalala keessan fi dhaadannoon isin irratti qabnnu, tasa ta'uu dhabuu isaa woldayoota kristaanotaa marattuu ni muldhifttan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help