2 Gara Worra Tasaloonqee Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaWaayee deebi'ee dhufiinssa Kristositiif gaafiin ka'e jeeqama uuma'aa deemuu isaatiin, rakkinni woldaya amantii Tasaloonqe'ee keessa ture itti ni cime, ergaan Phaawulos namoota Tasaloonqe'eetii barreesse ka lammaffaa, «Guyyaan dhufaatii Goofta'aa gayee jira» amantii jedhu irratti ka xiyyeeffate ni ture, Phaawulos'llee dhufaatii Kristositiin duranatti, «Nama jeeqamaa» ka jedhame qajeelfama mormmataa Kristositiin biyya lafaa irratti, hameennaa fi jeeqamnni baayi'ata'aa ni deema jechu'uun, amantii isaanii sirreessu'uuf ni yaala.Ergamittichi dubbiffattoonni rakkinnaa fi sarddaminni yoma isaan irratti baayi'ate'llee, amantii isaaniitiin akka jabaatan isaa fi kaanniin hirmmaattonni hujii isaa'llee akkuma taasisan, waan jireenna isaaniitiif isaan barbaachisu argachu'uuf hisatanii akka hojjataniif, akkuma kana hujii mishaa raawwachuu irraa ufi duuba akka hin deebineef, cimssee isaan ni gorssa.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-2Galataa fi yaboo 1:3-12Waayee deebi'ee dhufiinssa Kristositiif barnnoota kenname 2:1-17Waayee jireenna kristaanumma'aatiif gorssa kenname 3:1-15Woliigala 3:16-18
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help