1Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge.
2Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan.
3Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture,
«Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa!
hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a,
yaa nugusa ummatootaa!
karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.
4Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi
maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu?
ati qoftti Qulqullu'u,
murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef,
ummatoonni marrinuu dhufanii,
si duranatti ni sagadan.»
5Kanaan duubatti ni laale, kunoo, ragummaa ka ta'e dukkaanni Manni Waaqeffanna'aa, sami'itti ni baname,
6balaawwan torbanuu ka qabatanii ka jiran maleyikkoonni torbaa Mana Waaqeffanna'aatii ni bayan, uffata qulqulluu calaqisu adii leelashe'ee uffatanii jiran turan, laphee isaanii'llee woraanittillee worqqi'iitiin hidhatanii jiran ture.
7Bineensota arfan keessaa tokkochi maleyikkoota torbaniif, baraa haga baraa titti ka jiraatu dheekkamissi Waaqaa ka itti guuttamee jiru duloowwan worqqi'ii torbaan, isaanii ni kenne.
8Manni Waaqeffanna'aa'llee ulfinnaa fi huminna Waaqaa irraa ka ka'een aaran ni guuttame, maleyikkoonni torbaan ka qabatanii jiran balaawwan torbaa haga yeroo raawwatamanii titti, eennu'llee gara Mana Waaqeffanna'aa titti aseenu'uuf hin danddeenne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.