1Isin namoonni Galaatiya'aa gowwoota nana! Eennutu waan isin raffisuu fi dhamaasuu isin irratti taasise? Yesus Kristos fannoo isaa irratti fannifamee fuundura keessantti, ifaan ni muldhata ture.
2Beeku'uuf ka barbaadu kana qofa, haa ta'u malee isin Hafuura Qulqulluu ka fudhattan seera raawwachu'uun moo? Yookiin dubbii gammachu'uu dhageettanii amanu'uun?
3Isin Hafuura Waaqaatiin jala qabddanii amma tataafii fooniitiin raawwachu'uuf ni barbaaddan, isin haganuma mara gowwootaa ree!
4Waayee wongeelaatiin rakkinni fudhattan marrinuu tasa ta'ee hafe jechu'u ree? Kana raawwattanii yoo jiraattan dhugamaanuu tasa ta'ee hafee jira.
5Waaqinni Hafuura isaa ka isinii kennuu fi isin biratti'llee baasa ka taasisu seera raawwachuu keessaniin moo? Yookiin dubbii gammachu'uu dhageettanii amanuu keessaniin?
6 Rom 4:3. Kun'llee, «Abrahaam Waaqatti ni amane, amantiin isaa'llee qulqullaawome ta'ee ni laakkayameef» jedhamee, akkuma barreeffame.
7Rom 4:16.Eegaa worri amanan ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa.
8Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne amanti'iin akka isaan qulqullaayomssu kitaabnni Qulqulluun durssee argee, «Ummatoonni marrinuu si'iin ni eebbifaman» jechu'uun durissee, Abrahaamiti odduu gammachu'uu himee jira.
9Kanaaf worri amanan marrinuu Abrahaamii amaneen woliin ni eebbifaman.
10«Kitaaba seeraa titti ajajoota barreeffaman mara keessattuu jabaatee ka ittiin hin jiraannee fi ka isaan hin raawwanne marrinuu, ka abaarame» jedhamee waan barreeffameef, «Seera raawwachu'uun ni qulqullaayoma» worri jedhan marrinuu, ka abaaraman.
11«Naminni qulqullaayomaan garuu amanti'iin jireenna ni ariggata» jedhamee waan barreeffameef, seera raawwachu'uun naminni kumuu Waaqa duranatti akka hin qulqullaayomnneef ifa.
12Seerri amantii irratti ka hunddaayee miti, gonkumaa, «Naminni seeraan jiraachu'uuf ka dandda'u ajajoota seeraa mara yoo raawwate» jedhamee, barreeffamee jira.
13«Ka muka irratti fannifamee du'u marrinuu, ka abaarame» jedhamee waan barreeffameef, Kristos waayee kennaaf akka nama abaarame ta'ee, abaarssa seerri itti aanssu jalaa, nu baasee jira.
14Kun'llee ka ta'eef Waaqinni Abrahaamii eebba kenne karaa Yesus Kristositiin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef akka gayuu fi nu'llee Hafuura Qulqulluu Waaqinni isiniif ni kenna jedhe, amanti'iin akka fudhannuuf.
Seerri Dubbii Abddi'ii Ka Hin Diiginne Ta'uu15Yaa obboleeyyan! Mee waan kana ka nama biratti baratameen wol biratti laalaa, waadammaan naminni tokko aseeneeyyuu eega mirkanaayeen duubatti, naminni kumi'llee isa diigu'uuf yookiin itti dabalu'uuf hin danda'u.
16Waaqinni'llee Abrahaamii fi fiixaa isaatii dubbii abddi'ii ka kenne bifa kanaan, kitaabchi dubbiin abddi'ii Abrahaamiin duubatti ka kenname baayi'eewwaniif akka ta'e taasisee, «Fiixaawwan keetiifii» miti, garuu tokkoof akka ta'e taasisee, «Fiixaa keetiif» jedha, kun'llee, «Fiixaa kee» ka jedhame Kristos.
17Eegaa ani ka jedhu kana, woggaa dhibba afurii fi soddomaan duubatti seerri kenname, durssee Waaqaan mirkanaayee dubbii kenname ka waada'aa diigu'uun, dubbii abddi'ii diigu'uuf hin dandda'u.
18Rom 4:14.Wonitti tokko ka dhaalamu karaa seeraatiin uduu ta'ee jiraatee karaa dubbii abddi'ii ka Waaqinni kenneetiin ta'uun isaa ni hafaayyu ture, garuu Waaqinni dhaala Abrahaamiif ka kenne, karaa dubbii abddi'iitiin.
19Eeegaa, seerri ka kenname maali'iif? Seerri ka dabalame fiixaan Abrahaamiif abddi'iin kenname haga dhufutti hujiin hamaan maal akka ta'e muldhisu'uuf, seerri hujii irra ka oole maleyikkootaan kennamee, karaa nama tokkootiin.
20Haa ta'u malee jidduu lamaan ta'ee naminni araarssu gama lamaaniif malee, gama tokko qofaafii hin hojjatu, Waaqinni garuu tokko.
Seerri Waayee Maali'iif Akka Kenname21Eegaa seerri dubbii abddii Waaqaa ni mormmaa ree? Gonkumaa hin mormmu! Seerri jireenni ittiin argamu kennamee uduu jiraateetii, qulqullaayomnni karaa seeraatiin ni argama ture.
22Garuu Yesus Kristostti amanu'uun ka argamu dubbii abddi'ii worra amananiif akka kennamu kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, biyyi lafaa guutuun cubbu'uuf bitamu'uun, hidhamaa cubbu'uu ta'ee jira.
23Amantiin dhufu'uun duranatti hidhamtoota seeraa ni turre, amanitiin kun'llee haga yeroo itti muldhatuu titti, eegamissa seeraa jala ni turre.
24Bifa kanaan amanti'iin akka qulullaayomnnuuf Kristos haga dhufutti, seerri guddisaa keenna ta'ee ture.
25Amma garuu amantiin waan dhufeef guddifttummaa seeraa jala ta'uun keenna, hafee jira.
26Yesus Kristostti amanu'uun marri keessanuu ijoollee Waaqaati.
27Cuuphamu'uun Kristosiin woliin tokko ka taatan marrinuu, Kristosiin akka uffataa titti uffattaniinii jirttan.
28Marri keessanuu Yesus Kristosiin tokko waan taataniif, Yihudichaa fi Giriikicha, tajaajila'aa fi Gooftaa, dhiiraa fi dubarttii jidduu, garaa garummaan woyiituu hin jiru.
29Rom 4:13.Eegaa ka Kristosii yoo taatan fiixaa Abrahaamiiti, akka dubbii abddi'ii titti'llee isin dhaalttota.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.