Wongeela Maarqoos 10 - Waadaa Haarawa

Yesus Waayee Fuudhaa Barsiisuu Isaa(Mat 19:1-12; Luq 16:18)

1Yesus achii ka'ee, laga Yoordaanosii gara dhiyaatiin dabrree, gara arddii Yihuda'aa ni deeme. Namoonni haalaan baayi'ee'llee deebi'anii gara isaa wol ni gayan, inni'llee akkuma aadaa isaa titti isaan ni barsiisa ture.

2Fariisoota keessa'llee muraasonni gara isaa ni dhiyaatan, isa qormaatu'uuf'llee barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa akka hiiku seeraan eeyyamameefii jira?» jechu'uun, ni gaafataniin.

3Yesus'llee, «Museen waayee waan kanaa maal isin ajaje?» isaaniin jedhe.

4 rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree? Akkuma kana cuuphama ani cuuphamu hoo cuuphamu'uuf ni dandeettanii?» isaaniin jedhe.

39Isaan'llee, «Ee, ni dandeenna» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Dhugamaanuu duloo ani dhugu ni dhugiddan, cuuphama ani cuuphamu'llee ni cuuphamttan,

40garuu, mirgaa kiyyaa fi bitaa kiyyaan taa'uu ka kennu anaa miti, kun ka kennamu namoota Waaqinni isaaniif, qopheesse qofaaf» jedhe.

41Ka hafan kurnnan kana dhagayanii Yaaqoobii fi Yohaannisiin irratti, ni dallanan.

42Luq 22:25, 26.Yesus mara isaaniituu gara isaa waamee akkana isaaniin jedhe, «Itti gaafatamoota ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee jedhamanii ka waamamanii fi durssitoonni isaanii'llee isaan irratti aangoo akka qaban ni beekittan,

43Mat 23:11; Mar 9:35; Luq 22:26.isin biratti garuu akkana ta'uu hin malu, isin jiddu'uu guddaa ta'uu ka barbaadu, tajaajilaa keessan ta'uu ni qaba.

44Akkuma kana isin jiddu'uu ka ol aanaa ta'uu barbaadu, garbcha maraa haa ta'u.

45Ilmi Namaatuu tajaajilu'uu fi lubbuu isaa gatii namoota baayi'e'ee taasisee kennu'uuf dhufe malee, akka isaa tajaajilaniif hin dhufinne.»

Yesus Barxiimewosii Ijaan Jaama'aa Fayyisuu Isaa(Mat 20:29-34; Luq 18:35-43)

46Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara magaalaa Iyyaarikoo ni dhufan. Dabrree'llee magaala'aa bayee yeroo deemutti, ummanni haalaan baayi'e'ee isa ni horddofaniin ture. Karaa bira ammoo ilma Xeemeewosii ka ta'e Barxiimewos ka jedhamu namichi jaamaan tokko taa'ee ni kadhata ture.

47Achiin'llee ka dabrru Yesusii Naazireetii ta'uu isaa yeroo beeketti, «Ilma Daawiitii yaa Yesus, yabo'oo garaa naa laaf!» jedha'aa, iyyuu jala ni qabe.

48Baayi'eewwan, «Caldhisi!» jedhanii, itti ni baanatan, inni garuu, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo naaf nayi!» jedha'aa, caala'atti ni iyye.

49Yesus'llee dhaabateeti, «Waamaanii!» jedhe, isaan'llee jaamichaan, «Jedhi amma jabaadhuu ka'i! Yesus si waamaatii!» ni jedhaniin.

50Inni'llee uffata isaa gateeti utaalee ka'ee, gara Yesusii ni dhaqe.

51Yesus'llee, «Maal akka siif raawwadhu barbaadda?» jechu'uun, ni gaafateen.

Namichi jaamaan'llee, «Yaa barsiisaa, yabo'oo ijji kiyya akka naaf argitu naaf taasisi» jedheen.

52Yesus'llee, «Jedhi deemi, amantiin kee si fayyisee jira» jedheen.

Namichi'llee bakkumatti argu'uuf ni danda'e, kara'atti'llee Yesusiin horddofee ni deeme.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help