1Kanaan duubatti Yesus magaala'aa fi gandootatti Mootummaa Waaqaa lallaba'aatii fi oduu gammachu'uu hima'aa ni dabrra ture, kudha lamaan'llee isaa woliin ni turan.
2 jechu'uun ni deebiseef.
31Bakkumatti hafuuronni'llee, «Yabo'oo gara qilee gad fago'oo titti nu hin ergin!» jechu'uun, ni kadhataniin.
32Bakka sanitti'llee hundda gaaraa titti gobbuun booyyee baayi'etu bobayanii jiran ture, hafuuronni hamaan'llee, «Gara booyyewwanii titti akka galluuf nuuf eeyyami!» jechu'uun, Yesusiin ni kadhataniin, inni'llee isaanii ni eeyyame.
33Kanaaf hafuuronni namicha keessaa baayanii, booyyeewwan keessatti ni aseenan, booyyewwan'llee qilee irraa gatantara'aa ni bu'an, garba ciisa'aa'llee aseenanii ni liqimfaman.
34Tissitoonni booyyewwanii waan ta'e yeroo arganitti, dheessanii ni deeman, magaalaa fi baadiyyati'llee odduu woliin ni gayan.
35Namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa bayanii gara Yesusii ni dhufan, namichi hafuuronni keessaa bayan'llee gara qalbbii isaa titti deebiteetii fi uffata isaa'llee uffatee, miila Yesusii jala taa'ee yeroo arganiinitti, ni sodaatan,
36Namoonni ragaa ijaa turan'llee namichi hafuurronni irra bulanii ture attamitti akka fayye, isaanitti ni odeessan.
37Kanaan duubatti namoonni naannoo Gergeesenonii marrinuu, Yesus biyya isaaniitii akka isaanii deemuuf ni kadhataniin. Kana'llee wonitti jedhaniif haalaan sodaataniinii waan turaniif. Kanaaf Yesus hoboloo yaabbateeti gara bakka irraa dhufee titti, deebi'ee ni deeme.
38Namichi hafuuronni jinniiwwan bayaniif'llee Yesusiin, «Yabo'oo si haa horddofuu» jedhee, ni kadhateen. Yesus garuu akkana jedhee ni geegesseen.
39«Gara mana keetii deemiitii waan Waaqinni siif raawwate maraa dubbadhu!» Namichi'llee waan guddaa Yesus isaa raawwate magaalaa maratti, dubbata'aa ni deeme.
Intala Yaayirosiitii Fi Dubarttii Uffata Yesusii Tuqixxe(Mat 9:18-26; Mar 5:21-43)40Ummanni ni eeggataan waan tureef Yesus deebi'ee yeroo dhufetti, marrinuu gammachu'uun ufitti ni fudhataniin.
41Yeroo sanitti namichi itti gaafatamaan bakka woligayii isaanii ta'e, Yaayiros ka jedhamu tokko ni dhufe, miila Yesusii jalatti kufee, «Yabo'oo gara mana kiyyaa naa koottu» jedhee, ni kadhateen.
42Kana'llee wonitti jedheef umriin isi'ii woggaa kudha lamaa ka ta'een intaltti isaa takka dhukkubisattee, qarree du'aa irra waan turtteef. Yesus'llee isa woliin uduma deema'aa jiru, isa horddofanii ka jiran namoonni baayi'een, wol hacuucu'uun wol ni dhidhiiban ture.
43Woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isii jiga'aa ka makkaraarttu dubarttii takkatu turtte, isiin'llee qabeenna qabddu maraa worra yaaltotaatiif kafalu'uun fixxee, eennu'llee isii fayyisu'uuf hin dandeenne.
44Isiin'llee gara Yesusii dhufittee gara dudda duuba isaatiin dhiyaatteeti qaccee uffata isaa ni tuqixxe, bakkumatti dhiigin isi'ii jiguu ni dhaabe.
45Yesus'llee, «Eennutu ana tuqe?» jechu'uun ni gaafate.
Marrinuu, «Nu si hin tuqinne» ni jedhan, Phexiros'llee, «Yaa barsiisaa, ummanni wol hacuuca'aa si yoo horddofu uduu argitu, eennutu ana tuqe jettaa?» jedheen.
46Yesus garuu, «Huminni ana keessaa bayuu isaa beekee jiraatii, dhugamaanuu naminni tokko ana tuqee jira» jedhe.
47Dubarttiin'llee akka hin dhokatin yeroo beekittetti hollata'aa gara Yesusii dhufttee, miila isaa jalatti ni kuftte, kanaan duubatti maali'iif akka isa tuxxee fi attamitti bakkumatti akka fayyite'llee, ummata mara duranatti ni ibisite.
48Yesus'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi!» jedheen.
49Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru, naminni tokko itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii mana Iyyaairosiitii ni dhufee, «Intaltti tee duutee jirttiitii, ammaa achitti barsiisaa tasatti, hin dadhabisiisiniin!» jedheen.
50Yesus garuu kana dhagayee Iyyaaryosiin, «Jabaadhu hin sodaatin aman qofa, intalitti kee ni fayyiti» jedheen.
51Yesus gara mana Iyyaarosii yeroo gayetti Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, abbaa intalatii fi haadha isi'ii malee, ka bira'aa eennu'llee isa woliin gara keessaa akka aseenu, hin eeyyaminne.
52Namoonni achi turan marrinuu waayee intalatti'iif ni booyan! Ani bade'llee ni jedhan ture. Yesus garuu, «Hin booyinaa, intaltti ni mugidde malee, hin duune» isaaniin jedhe.
53Isaan garuu intaltti akka duute waan beekaniif, marrinuu baldu'uun isatti ni kolffan.
54Yesus'llee harka intalatti'ii qabee, «Intala nana ka'i!» jedheen.
55Isiin'llee lubbuun isi'ii waan isi'ii deebiteef bakkumatti ol ni kaate, Yesus'llee, «Waan nyaattu kenna'aafii!» jechu'uun, ni ajaje.
56Maatiin intalatti'ii'llee ni maalalan, inni garuu waan ta'e kana eennutti'llee hin dubbatinaa jechu'uun, isaan ni ajaje.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.