1 Gara Worra Qorontoosii Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaPhaawulos namoota Qorontoosiitiif ergaa barreesse ka jalqaba ka barreesse, woldaya amanti'ii Qorontoositti dhaabe keessatti, waayee jireenna kristaanumma'aatii fi amanti'ii ka ka'ee tureef furmmaata rakko'oo argachu'uuf yaadu'uun. Yeroo sanitti Qorontoos sadarkkaa biyya lafaatiin magaalaa guddoo Giriikii ta'uu isi'iitiin alatti'llee, Akaayiyaa ka jedhame kutaa biyya Rooma'aatiif, magaalaa guddittii turtte. Magaalaan tun'llee sochii daldala ol aana'aan, aadaa sadarkka'aatiin, gocha badaa haalaan babaldhataa deemaa ni jira turee fi baayi'inna amanti'iitiin ka beekkamitte turtte.Ergamtti keessummaanuu ka xiyyeeffate addaan qoodama woldaya amanti'ii keessa ka ture, waayee badumaa amala gocha jireennaa, waayee sagaagalaatii fi waayee fuudhaa heerumaa, waayee naamusa woldaya amanti'ii, waayee kennaawwan Hafuura Qulqullu'uutii fi waayee du'aa ka'iinssaa ture, akkuma kanaan'llee ergamittichi dubbii gammachu'uu gaafiiwwan kanniin irratti xiyyeeffachu'uun, ufi eeganna'aan ni dhiyeessa.«Jaalala» Kennaawwan Waaqinni ummata isaatiif kenne maraa ka caalu ta'uu isaa ka ibisu, boqqonnaan kudha sadaffaa kitaaba kana keessatti kutaa haalaan beekkamaa, akka ta'e ni tilmaamama.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-9Kristaanota Jiddu'utti Adda Qoodama ka'ee 1:10—4:21Gocha Badumma'aa fi jireenna maati'ii 5:1—7:40Kristaanotaa fi amantii kristaanumma'aa worra hin fudhatin 8:1—11:1Jireenna woldaya amanti'iitii fi Naamusa Waaqeffanna'aa 11:2—14:40Du'aa ka'iinssa Kristositii fi amanttootaa 15:1-58Yihudaa Ka Jiran Kristaanota Rakkataniif Gargaarssa taasfame 16:1-4Woliigalaa 16:5-24
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help