Wongeela Yohaannis 11 - Waadaa Haarawa

Du'uu Alaazaarii

1 ka jedhame Toomaas barattoota kaaniiniin, «Isaan woliin akka duunuuf, nu'llee haa deeminuu» isaaniin jedhe.

Yesus Du'aa Ka'iinssaa Fi Jireenna Ta'uu Isaa

17Yesus yeroo achi gayetti Alaazaar eega awwaalamee guyyaa afurii ta'ee argate.

18Bitaaniyaan Yerusaalemiin irraa ka fagaattu, haga kiilomeetira sadihiiti,

19Worra Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Maarita'aa fi Maariyaamiin waayee du'a obboleessa isaaniitii, isaan jajabeessu'uuf gara isaanii dhufanii ture.

20Maaritaan dhufaatii Yesus yeroo dhageettetti isa simachu'uuf ni baate, Maariyaam garuu manatti hafittee turtte.

21Maaritaan'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Uduu ati asi jiraatteetii obboleessi kiyya hin du'u ture,

22Garuu amma'llee waan kadhattu maraa Waaqinni akka siif kennu, ni beeka» jetteen.

23Yesus'llee, «Obboleessi kee deebi'ee du'aa in ka'a» jedheen.

24Maaritaan'llee, «Guyyaa muumme'ee, yeroo du'aa ka'iinssaa titti du'aa akka ka'u, ni beeka» jetteen.

25Yesus'llee, «Du'aa ka'iinssii fi jireenni'llee ana, ka anatti amanu yoma du'e'llee lubbu'uun ni jiraata,

26lubbu'uun ka jiraatuu fi anatti'llee ka amanu marrinuu gonkumaa hin du'u, kana ni amanttaa moo?» isi'iin ni jedhe.

27Isiin'llee, «Ee yaa Gooftaa! Ati gara biyya lafaa ka dhufttu Masihii Ilma Waaqaa ta'uu kee ni amana» jetteen.

28Maaritaan kana eega dubbatteen duubatti deemtee obboleettii isi'ii maariyaamiin, «Barsiisaan dhufee jira, si'llee ni waama» jettee, dhosa'aan ni waamitteen.

29Maariyaam'llee kana yeroo dhageettetti dadafaan kaatee, gara isaa ni dhaxxe.

30Yeroo san Yesus bakkuma Maaritaan isa itti argatte ture malee, gara gandichaa hin aseenne ture.

31Isii jajabeessu'uuf dhufanii mana keessa isii woliin Yihudonni turan, Maariyaami dadafaan kaatee yoo baatu arganii, gara awwaala Alaazaarii dhaxxee waan bootu isaanitti fakkaatee, ni horddofaniin.

32Maariyaam'llee gara bakka Yesus ni jira turee dhufttee yeroo isa argitetti, miila isaa jalatti kuftteeti, «Yaa Gooftaa! Uduu ati as jiraateetii obboleessi kiyya hin du'uuyyu ture!» jetteen.

33Yesus yoo isiin boottuu fi Yihudonni isii woliin dhufan'llee yoo booyan yeroo arigetti, hafuura isaatiin haalaan gaddee sarddamu'uun,

34«Eessatti ka awwaalttaniin?» jedhe. Isaan'llee, «Yaa Gooftaa! Koottuutii laali!» jedhaniin.

35Yesus'llee imimmaan isaa ni jisse.

36Kanaaf Yihudonni, «Attamitti ni jaalataan akka ture laalaa» jedhan.

37Isaan keessaa tokko tokko garuu, «Ija jaama'aa ka fayyise, naminni kun akka hin duune taasisu'uuf hin danda'u turee ree?» ni jedhan.

Yesus Alaazaariin Du'aa Ni Kaaseen

38Yesus haalaan gadda'aa gara awwaalaa ni dhaqe, awwaali'llee goda dhaga'aan cufame ni ture.

39Yesus'llee, «Dhagicha kaasan!» jedhe.

Obboleettiin du'aa Maaritaan, «Yaa Gooftaa! Eega du'ee guyyaa afurii ta'eenii jira, amma ni ajaaya» jetteen.

40Yesus'llee, «Yoo amante ulfinna Waaqaa ni argita siin jedhee hin turree ree?» jedheen.

41Namoonni'llee dhagicha ni kaasan, kanaan duubatti Yesus gara olii laalee, «Yaa Abbaa! Waan ana dhageetteef si galateeffadha,

42yeroo maraa'llee akka naaf dhageettu ni beeka, garuu kana ka jedheef, namoonni asi dhaabatan ati akka ana ergite, akka amananiif jedheeti» jedhe.

43Yesus kana eega dubbateen duubatti, «Alaazaar! Koottuu bayi!» jedhee, qooniqqa ol aana'aan ni dubbate.

44Alaazaariin du'e harkaa fi miilli isaa'llee wonittoota ittiin kafanamaniin akkuma kafanamanii jirantti awwaala keessaa ni baye, fuulli isaa'llee akkuma subbeen itti marameen jira ture, Yesus'llee, «Hiika'aatii dhiisa'aanii haa deemuu!» isaaniin jedhe.

Marri Yesusiin Irratti Taasfame(Mat 26:1-5; Mar 14:1-2; Luq 22:1-2)

45Maariyaamiin jajabeessu'uuf Yihudota dhufanii turan keessaa baayi'eewwan, waan inni raawwate arganii, Yesusitti ni amanan.

46Tokko tokkoon isaanii garuu gara Fariisotaa dhaqanii, waan Yesus raawwate isaanitti ni himan.

47Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa?

48Akkanumaan yoo dhiifinneen naminni marrinuu isatti ni amana, worri Rooma'aa'llee dhufanii mana keenna ka waaqeffanna'aatii fi ummata keenna mara'llee, ni dhabamisiisan.»

49Garuu isaan keessaa tokko woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ka ture Qayyaafaan akkana ni jedhe, «Isin womaayyuu hin beekittan,

50ummanni marri baduu irra naminni tokko waayee ummataatiif yoo du'e isiniif ka woyyu ta'uu, gonkumaa hin hubanne moo?»

51Inni'llee kana ka dubbateef ufi irraa burqisiisee hin turre, garuu woggaa sanitti inni itti gaafatamaa qeesotaa waan tureef, Yesus waayee ummataatiif du'uun isaan waan malu ta'uu yoo muldhisu, raaga kana dubbate.

52Ka du'u'llee waayee ummataa qofaaf uduu hin ta'in, ijoollee Waaqaa ka bittinnaayan'llee bakka tokkotti wolitti qabu'uuf.

53Kanaaf guyyaa sanii jala qabanii Yesusiin ajjeesu'uuf, ni mari'atan.

54Achii asitti Yesus Yihudota jidduu ifaan hin dedeebine, garuu achii bayee gara bakka gammoojjii bira jirttu, gara magaalaa Efreem jedhamttuu ni deeme, achitti barattoota isaa woliin ni ture.

55Ayyaanni Yihudotaa ka Faasiika'aa dhiyaatee jira ture, namoonni baayi'een'llee Ayyaanni Faasika'aa uduu hin gayiniin duranatti, mataa isaanii qulqulleessu'uuf bakka maraa, gara Yerusaalemii ni bayan,

56Isaan'llee Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabatanii dhufaatii Yesusii ni eeggatan waan tureef, «Maal yaadan? Gara ayyaanaa waan dhufu isinitti hin fakkaatu moo?» jedha'aa ufii isaaniitii wol ni gaafatan ture.

57Akkuma kana itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf akka danda'an, bakka inni jiru naminni beeku yoo jiraate akka isaanii akkeekuuf, nama maraa ajajanii jira ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help