Wongeela Maarqoos 6 - Waadaa Haarawa

Yesusiin Naaziree Titti Mormmiin Akka Irra Gaye(Mat 13:53-58; Luq 4:16-30)

1Yesus achii bayee gara biyya isaa ni dhufe, barattoonni isaa'llee ni horddofaniin.

2Guyyaa sanbbataatiin bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe, namoonni baay'een'llee achitti argamanii ni dhageeffataniin turan, isaan'llee, «Naminni kun waan kana mara eessaa argate? ogummaa attamiititu isaaf kennamee jira? Wonittoota baasotaa kanniin hoo ka raawwatu attamitti?» jedha'aa, ni maalaliffatan ture.

3Itti aanssanii'llee, «Haa ta'u malee kun ilma Maariyaamii muka bocaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoobii, Yoosaa, Yihuda'aa fi obboleessa Simooniitii mitii? Obboleetiiwwan isa ka dubaraa'llee worruma asi nu woliin jiranii mitii?» jedha'aa, tuffachu'uun, uduu ufitti hin fudhatiniin, ni hafan.

4 yoo sarddaman isaan ni arge, halkan keessaa'llee saa'aatii sagalii haga kudha lamaa yeroo jirutti, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara isaanii ni dhufe, isaan bira dabrree'llee deemu'uuf ture.

49Garuu isaan garba ciisaa irra tarkaanfata'aa yeroo deemu arganiinii, sawaala isaanitti fakkaatee ni iyyan.

50Marrinuu yeroo isa arganitti, ni nayan.

Inni garuu bakkumatti, «Jabaadhaa!, Anaa bee hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.

51Gara hoboloo irra'llee bayee isaan woliin yeroo ta'etti bubbeen ni dhaabatte, barattoonni isaa'llee haalaan ni baaseffatan.

52Eegaa, onneen isaanii hadooddee, baasa buddeenaa uduu hin hubatin hafaniiti malee, wonitti kun isaan hin baaseffachiisu ture.

Yesus Genesaarexitti Dukkubbisatoota Akka Fayyise(Mat 14:34-36)

53Garba ciisaa ce'anii gara Genesaarexii ni gayan, hoboloo'llee gara arddi'ii dhiyeessanii ni hidhan.

54Hoboloo irraa'llee akkuma bu'aniin bakkumatti, namoonni Yesusiin ni beekaniin.

55Isaan'llee naannoo biyya sanii keessa asii fi achi jedha'aa, gara bakka Yesus jiruu mara dhukubbisattootaa sire'een baatanii fiduu jala ni qaban.

56Bakka dhaqan marattuu gandoota, magaala'atti, baadiyya'atti'llee dhukubisattoota gara bakka yaa'ii titti baasa'aa isa duranatti isaan ni dhiyeessan ture, qaccee uffata isaatuu tuqumaaf'llee ni kadhataniin ture, worri tuqaniin marri'llee ni fayyan ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help