2 Ergaa Phexiros Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaErgaan ergamitticha Phexirosii ka lammaffaa bakka adda addaa titti ka arigaman kristaanota duriitiif ka barreeffame. Ijoon guguddoon erga'aa'llee hujii hamaa barsiisota dharaatii fi barsiisa isaanii'llee laalchisee wonitti uumame jiru jireenni badumma'aa mormmu'u. Rakkinnoota uumamaniif fala ka ta'u Yesusiin ija isa arganii fi namoonni yoo inni barsiisu gurra isaaniitiin dhagayan'llee, karaa barsiisa isaan dabarssaniitiin, waayee Waaqaatii fi waayee Gooftaa Yesus Kristosii, beekkomissa qabatama'aan arigachu'u. Barreessan keessumaattuu ufi eeggannaa ka taasise, «Kristos deebi'ee hin dhufu» ka jedhu waayee barsiisa dharaa sobaati, kan laalichisu'uun yoo dubatu, «Kristos deebi'ee dhufaatii irraa ka tureef, Waaqinni naminni marrinuu cubbuu isaa irraa akka deebi'uuf malee, naminni kumi'llee akka badu waan hin barbaanneef» jedha.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-2Waamama Kristaanaa 1:3-21Barsiisota dharaa 2:1-22Deebi'ee dhufuu Kristosii 3:1-18