1Yesusii fi horddofttoonni isaa gara Yerusaalemii yeroo dhiyaatanitti, gara ganda Beetfaagee Gaara ejjerssaa titti argamuu yoo gayan, Yesus barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun erge,
2«Gara ganda isiniin duranatti jiruu deemaa, achitti'llee harree hidhamtte takka ilmmayyoo isi'ii woliin bakkumatti ni argattan, hiika'aatii naa fidaa.
3Naminni kumi'llee waan tokko yoo isiniin jedhe ‹Gooftaan waan isaan barbaaduuf› jedhaanii, Inni'llee harriin bakkumatti isaan ni erga.»
4Kun'llee ka ta'e nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf,
5«Magaalaa Xiyoonii ta jedhamttu Yerusaalemiif,
‹kunoo, nugufnni kee gara laafessa ta'ee, harre'ee fi
ilimmayyoo yaabbatee gara kee ni dhufa!› jedha'aatii itti himaa.»
6Barattoonni isaa'llee dhaqanii akkuma Yesus isaan ajaje ni raawwatan.
7Harree ilmmayyoo isi'ii woliin ni fidaniif, uffata isaan'llee harre'ee irratti ni raran, Yesus'llee san irraan ni taa'e.
8Ummata keessaa baayi'eewwan uffata isaanii karaa irratti ni afan, kuunniin ammoo baala mukaa mura'aa karaa irratti ni afan turan.
9Ummata dura dura ni deeman ka turan'llee, «Hosaa'inaa Ilma Daawiitiitiif Galanni haa ta'u! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaa'inaa! Galanni ol sami'itti Waaqaaf haa ta'u!» jedha'aa ni iyyan ture.
10Yesus gara Yerusaalemii yeroo aseenetti namoonni magaala'aa marrinuu, «Kun eennu?» jechu'uun, ni jeeqaman.
11Ummanni'llee, «Kun ardii Galiila'aa titti ka argamittu, Magaalaa Nazireetiitii ka dhufe Yesusii» jedhan.
Yesus Mana Waaqeffanna'aa Titti Worra Wol Gabayatan Akka Baase(Mar 11:15-19; Luq 19:45-48; Yoh 2:13-22)12Kanaan duubatti Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, achitti'llee namoota gurguranii fi bitan maraa ni baase. Minjaalota worra qarshii jijjiirttotaatii fi barcumoota worra handarii gurgurttootaa'llee ni garagalche.
13« ‹Manni kiyya mana kadhanna'aa ni jedhama› isin garuu goda saamittotaa, ni taasfttan!» isaaniin jedhe.
14Yesus Mana Waaqeffanna'aa keessa uduu jiru, jaamotaa fi hokkolttoonni gara isaa dhufaniiti, isaan ni fayyise.
15Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, waan baasaa ka Yesus raawwate arguu isaaniitii fi daai'mman'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, «Ilma Daawiitiitiif Hosaa'inaa! Galanni haa ta'u!» jedha'aa yoo iyyan, dhagayuu isaaniitiin ni dallanan.
16Kanaaf Yesusiin, «Daai'mman tunniin waan jedhan ni dhageettaa mitii ree?» ni jedhaniin, inni'llee, «Ee, ni dhagaya, ‹ijoolle'ee fi daai'mman harmma hodhan afaanii galata ni qopheessite› ka jedhu, gonkumaa hin dubbifinnee moo?» isaaniin jedhe.
17Isaan dhiisee'llee magaala'aa bayee, gara ganda Bitaaniyaa jedhamttuu ni deeme, achi'llee ni bule.
Muka Harbbu'uu Ka Yesus Abaare(Mar 11:12-14, 20-24)18Yesus ganama obboro'oon gara magaala'aa deebi'ee yeroo deemutti ni beelaye.
19Mukattii harbbu'uu takka karaa biratti argeeti gara isi'ii'llee ni dhaqe, garuu baala isi'ii malee womaayyuu irratti hin arganne. Kanaaf, «Ammaa achitti gonkumaa firiin sirratti hin argamin!» ni jedheen. Mukattiin'llee bakkumatti ni godde.
20Barattoonni isaa'llee kana yeroo arganitti, «Mukattiin harbbu'uu tun yeroo tokkoon attamitti godde!» jechu'uun, ni baaseffatan.
21
36Abbaan bakka biqilttuu woyinni'llee deebi'ee tajaajilttoota, laakkofssi isaanii worra duraanii caalu erge. Qotee bulttoonni isaan irratti'llee gochuma wol fakkaataa ni raawwatan.
37Muummee irratti abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii, ‹ilma kiyya ni kabajaniin!› jechu'uun, ilma isaa gara qotee bulttootaa ni erge.
38Qotee bulttoonni garuu ilma isaa yeroo arganitti, ‹kun ammoo dhaalaa isaati, kootaa isa ajjeefinneeti, qabiyyee isaa nu'u haa dhaalluunii!› woliin ni jedhan.
39Ilma isaa'llee qabanii bakka biqilttuu woyinni'iitiin alaa, fidaniiniiti ni ajjeesaniin.»
40«Eegaa, abbaan biqilttuu woyinni'ii yeroo dhufetti, qotee bulttoota kanniin irratti maal ka raawwatu isinitti fakkaata?»
41Inni'llee, «Raawwiin namoota hamaaleyyii kanniinii ka hammaate ni taasisa. Bakka biqilttuu woyinni'llee worra callaa yeroon isaaf kennan, qotee bulttoota bira'aatiif ni kireessa» jedhaniin.
42Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe,
«Kitaabban qulqullaawota keessatti,
‹dhagaa worri kaabaa dhaga'aa ijaaran tuffataniin,
inni dhagaa ijoo cabissata mata'aa ni ta'e,
kun'llee hujii Goofta'aati,
ija teennaaf'llee baasa›
jedhamee ka barreeffame, gonkumaa isin hin dubbifinnee moo?»
43Kanaaf, «Akkana isiniin ni jedha, Mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamittee, ummata firii daraararuuf ni kennamtti.
45Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni fakkeennota kanniin yeroo dhagayanitti, Yesusii ka dubbatte waayee isaaniitiif ta'uu, ni hubatan.
46Kanaaf isa qabu'uuf barbaadanii turan, ummanni garuu akka nabiyyi'ii titti ni laalan waan turaniif, ni sodaatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.