1 Mul 17:3, 7-12. Kanaan duubatti bineenssi tokko garba ciisaa keessaa yoo bayu ni arge, gaaffan kudhanii fi mataawwan torbaa ni qaba ture, gaaffan isaa irra'llee gonfatawwan kudhanii ni jiran ture, mataawwan isaa irra'llee maqaan arrabaa ni jira ture.
2Bineenssi arge'llee qeerranssa ni fakkaata ture, miilli isaa miila goljja'aa, afaan isaa'llee afaan leeniccaa ni fakkaata ture. Xaraan huminna fi teessoo aangoo guddaa'llee, bineesichaaf ni kenne.
3Mataawwan bineenssa keessaa tokko madaa du'aan isa gayu akka qabuu ta'ee ni arggeen, garuu madaan du'aan isa gayu fayyee jira, arddiin biyyi marrinuu maalalu'uun bineensicha ni horddofe,
4Bineenssichaaf aangoon kennamuu isaatiin namoonni marrinuu xarichaaf ni sagadan, «Bineensicha ka fakkaatu eennu ree? Isa woliin'llee eennutu wol woraanu'uuf danda'aa? jedha'aa isaaf ni sagadan.»
5«Afaan jecha ufi tuulumma'aatii fi waan arabaa ittiin dubbatu'llee bineensichaa ni kennameef, ji'a afurtamii lamaa aangoo isaatiin akka hojjatu'llee, ni eeyyamameef.
6Waaqaa fi maqaa Waaqaa, mana jireenna isaatii fi sami'itti bakka inni jiraatu'llee arrabssuu, jala ni qabe.»
7Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef.
8Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan.
9Ka gurra qabu yoo jiraate, haa dhagayu!
10Booji'amu'uuf ka ramadame ni booji'ama, billayaan ajjeefamu'uuf ka ramadame billayaan ni ajjeefama eegaa obissi worra Qulqullootaatii fi amantiin isaanii ka barbaachisu yeroo kanatti.
11Bineenssi bira'aa ammoo arddii keessaa yoo bayu ni arge, inni'llee akka hoola'aa gaafota lamaa ni qaba ture, haasofnni isaa'llee akkuma xara'aa ni ture,
12bineenssa jalqabaa bakka bu'ee aangoo isaatiin'llee ni hojjata ture, arddi'ii fi ka isii irra jiraatan marrinuu, bineenssa jalqabaatiif akka sagadan ni taasise, bineenssi kun'llee madaan haga du'aatiin isa gayu ka fayyeef, bineensicha jalqabaati.
13Bineenssi lammaffaa kun garuu namoota duranatti, ibidda sami'ii haga buusu'uu titti, baasota ol aanota ni taasisa ture.
14Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja.
15Bineenssi lammaffaa bineenssa jalqabaatiif suuraa hafuura jireennaa isaa kennu'uuf aangoon ni kennameef, hafuura jireennaa kennu'uuf aangoon ka kennameef'llee, suuraan isaa dubbachu'uuf akka dandda'uu fi isaaf worri hin sagadinne marri'llee akka ajjeefaman akka taasisuuf.
16Bineenssi lammaffaa maandhota'llee ta'anii hangafoonni, dureeyyii ta'anii hiyyeesota, goofttota ta'anii tajaajilttoota, marrinuu harka isaanii ka mirgaa titti yookiin kallacha isaanii irratti, malikata akka taasisaniif, isaan ni dirqisiise.
17Bifa kanaan malkanni maqaa bineenssichaa muldhisu yookiin ka laakkofssa maqaa isaa hin qabnne naminni kum'llee, bitu'uuf ta'ee gurguru'uuf'llee hin danda'u.
18Ogummaan ka barbaadamu eegaa asi irratti, sammuu ka qabu laakkofssa bineensichaa haa yaadu, laakkofssichi ka muldhisu nama, laakkofssi'llee dhibba jahaaf jahaatamii jaha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.