Ergaa Yaaqoob 3 - Waadaa Haarawa

Waayee Arraba Toowachu'uu

1Yaa obboleeyyan! Nu'u barsiisota worri taane murtii caalaa ta'e akka fudhannu ni beekittaniitii, isin keessaa baayi'eewwan barsiisota hin ta'in.

2Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa.

3Farddi akka nuuf ajajamuuf afaan isaa titti lugaama ni galichina, farddi'llee gara bakka barbaanuu titti ni eemarraan.

4Dooniin yoma guddaa ta'ee fi bubbee cima'aan ka dhiibamu yoma ta'e'llee, konkolaachisaan dooni'ii dhayata diqqittii ittiin dhayatuun, gara bakka barbaaduu titti ni oofaan.

5Akkuma kana arrabinni kutaa shiikkoo qaamaa yoo taatu, wonittoota ol aanttotaan ni dhaadatti, bosonni guddaan ka gubatu ibidda shiikko'oon.

6Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi.

7Bineensonni arddi'iitii fi sinbirroonni, lafa irra ka harkifatanii fi garba ciisaa keessa ka sosocho'an uumaan marrinuu, namaan leenjifamu'uuf ni danda'an, akkuma kana leenjifamaanii jiran.

8Garuu arraba leenjisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, summiin ajjeesu ka itti guutee fi boqannaa ka hin qabnne waan hamttu'u.

9Isi'iin'llee Abbaa keenna Waaqa ni galateeffanna, akkuma kana isi'iin namoota fakkeenna Waaqaatiin uumaman'llee ni abaarra.

10Afaanuma tokkoo eebbaa fi abaarssi ni bayan, yaa obboleeyan! Kun ta'uun hin malu.

11Buriqqaa tokkoo dhugaati'iif ka ta'u bishaan mi'aayaa fi bishaan hadhaayaan, burqqu'uuf ni danda'aa ree?

12Yaa obboleeyyan! Mukinni harbbu'uu firii ejerssaa daraaru'uuf ni danda'a ree? Yookiin biqilttuun woyinni'ii firii harbbu'uu daraaru'uuf ni danda'aa ree? Akkuma kana bishaan hadhaayaa irraa bishaan mi'aayaan argamu'uuf ni danda'a ree?

Ogummaa Samii fi Arddi'ii

13Isin jiddu'uu ogeessaa fi naminni hubattanii eennu? Ogumma'aa fi mataa gad qabataan hujii raawwate, jireenna misha'aan haa mulidhisu.

14Garuu hinaaffaan hadhaaya'aa fi mataa ufii jaalatiinssi onnee isaanii keessa yoo jiraate hin dhaaninaa, dhugaa irratti'llee hin sobinaa.

15Ogummaan akkanaa kun ka argamu arddii, foonii fi sheexana irraayyi malee, Waaqa biraayyii miti.

16Hinaaffa'aa fi mataa ufii jaalallitti bakka jirantti, jeeqamaa fi hujiin hamaan marrinuu ni jiraatan.

17Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.

18Namoonni nagaya jaalattoonni nagaya facaasanii, firii qulqullaawomaa wolitti ni qaban.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help