1Harka mirgaa ka teessoo irra taa'eetiin, keessaa fi duubaan ka irratti barreeffame, chaapphaa torbaan ka cufame, kitaaba kaldho'oo maramaa ni arge,
2maleyikkichi cimaan tokko qoonqqa ol aana'aan, «Chaaphaawwan hiiku'uu fi kitaaba maramaa koldho'oo banuun ka isaan malu eennu?» jedhee, yoo dubbatu ni arge.
3Garuu sami'itti ta'ee ardi'itti yookiin ardi'ii gaditti'llee, kitaaba maramaa kaldho'oo banu'uu fi keessa isaa laaluu ka danda'ameef, eennu'llee hin turre.
4Kitaaba kaldho'oo maramaa banu'uu fi keessa isaa'llee laaluun ka isaan male waan hin argaminiif, haalaan ni booye,
5yeroo sanitti'llee jaarsotii keessaa tokko, «Hin booyin, kunoo gara gosa Yihuda'aatii ka ta'e, gaalee dhaloota Daawiitii irraa leenicci ka'e, injifatee moo'ee jira, inni kitaabcha kaldho'oo maramaa fi chaaphawwan torbban banu'uuf ni danda'a» naan jedhe.
6Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.
7Hoolchi'llee dhufeeti ka harka mirgaa ka teessoo irra taa'e irraa, kitaaba maramaa kaldho'oo ni fudhate,
8kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.
9Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan,
«Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa,
gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa,
namoota Waaqaaf bitu'uuf,
ati waan qalamitteef,
kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi
chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.
10 Mul 1:6. Waaqa keennaaf'llee mootummaa qeesotaa,
akka ta'aniif isaa taasfittee jirta,
arddii irratti'llee ni mootoman.»
11Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,
12Qoonqqa ol aana'aan'llee,
Hoolaan qalame, huminna, qabeenna,
ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa,
ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan.
13Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee,
«Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee,
galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee,
baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye.
14Bineensonni arfan'llee, «Ameen!» ni jedhan, jaarsotiin'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, ni sagadan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.