Wongeela Maarqoos 14 - Waadaa Haarawa

Marri Yesusiin Irratti Taasfame(Mat 26:1-5; Luq 22:1-2; Yoh 11:45-53)

1Ayyaanni Yihudotaa ka Faasiika'aatii fi ka qixxa'aa kabajamu'uuf guyyaan lamaa hafee jira ture, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa Yesusiin qabanii, karaa dabaan ittiin ajjeesan ni barbaadan turan.

2Garuu ummanni jeeqama ni kaasa jechu'uun, «Guyyaa ayyaanaatiin kana hin raawwannu» jedhan.

Dubarttii Yesusiin Shittoo Dibidde(Mat 26:6-13; Yoh 12:1-8)

3 jedhee isaaniif kenne.

23Duloo'llee ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti isaanii ni kenne, marrinuu duloo keessaa ni dhugan.

24Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Kun waayee baayi'eewwaniif ka jigu dhiiga kiyya ka waada'aa haarawaat,

25dhugamaan isiniin jedha, Mootummaa Waaqaa titti woyinnii haarawa irraa haga dhugutti, cuunffaa firii woyinnii kanaa irraa deebi'ee hin dhugu.»

26Kanaan duubatti'llee faaruu faarffatanii, gara Gaara Ejerssaa ni bayan.

Phexiros Akka Waakkatuun Yesus Durssee Akka Dubbate(Mat 26:31-35; Luq 22:31-34; Yoh 13:36-38)

27Yesus'llee barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Tissicha dhayee ni ajjeesa, ‹hoolonni'llee ni bittinnaayan› jedhamee barreeffamee jiraatii, marri keessan ana ni waakkattan, anaan'llee ni gufattan, ana dhiifittanii'llee ni dheessitan,

28 qofa ka uffate dargaggeessi tokko garuu Yesusiin ni horddofaan ture, namoonni yeroo isa qabantti'llee,

52inni'llee woyaa gatee qullaa isaa dheessee, jalaa ni baye.

Yesus Gara Mana Murtii Yaa'ii Fudhatamuu Isaa(Mat 26:57-68; Luq 22:54-55, 63-71; Yoh 18:13-14, 19-24)

53Yesusiin garuu gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni fudhataniin, achitti itti gaafatamoonni qeesotaa, jarsoti'ii fi barsiisonni seeraa marri, wol ni gayan.

54Phexiros'llee haga moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti Yesusiin fago'oo ni horddofaan ture. Achi'llee worddiyyoota woliin taa'ee, ibidda ni oo'ifata ture.

55Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi miseensonni yaa'ii marrinuu, Yesusiin ajjeesisu'uuf ragaa ni barbaadan ture, garuu hin arganne.

56Baayi'eewwan'llee dharaan ragaa itti bayanii ture, ta'u'llee jechi ragumma'aa, wolitti uduu hin galin ni hafe.

57Tokko tokkoon isaa'llee ka'anii akkana jechu'uun dhara ragaa itti ni bayan,

58Yoh 2:19.«Ani Mana Waaqeffanna'aa ka harka namaatiin hojjatame kana diigee guyyaa sadihi keessatti, ka bira'aa ka harka namaatiin hin hojjatamin ni ijaara jedhee, yoo dubbatu dhageenneenii jirra.»

59Kana'llee ta'ee garuu, ragummaan isaanii wolitti hin galle.

60Itti gaafatamaan qeesotaa'llee jidduu isaanii dhaabatee, «Womaayyuu hin deebifittuumii? Namoonni kunniin himannaan si irratti dhiyeessan kun maal'i?» jedhu'uun, Yesusiin ni gaafateen.

61Yesus garuu ni caldhise malee deebii woyiituu hin kennine. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee, «Ilmi Waaqa eebbifama'aa Masihichi si'i moo?» jechu'uun, irra deebi'ee ni gaafateen.

62Yesus'llee, «Ee ana, Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitan! Akkuma kana duumessa sami'iitiin deebi'ee yoo dhufu ni argitan» jedhe.

63Itti gaafatamaan qeesotaa'llee dallanssu'uun uffata isaa tarsaaseeti, «Ragaa bira'aa maal nu barbaachisa ree?

64Kunoo! dubbii arrabaa kana Waaqa irratti yoo aggaamu dhageettanii jirttan, eegaa maal isinitti fakkaata ree?» jedhe.

Marrinuu jecha tokkoon, «Du'atu malaan!» jedhanii, itti ni murteessan.

65Tokko tokko'llee hancufa isaanii itti tufuu jala ni qaban, ija isaa'llee subbe'een haguugganii, «Ati nabiyyii yoo taate mee eennu akka si dhaye beeki!?» jedha'aa, tontoommu'uun ni dhayaniin ture. Kuunniin'llee dhabanaassa'aan dhaya'aa, ni fudhataniin.

Phexiros Yesusiin Waakkachuu Isaa(Mat 26:69-75; Luq 22:56-62; Yoh 18:15-18, 25-27)

66Phexiros mana itti gaafatamaa qeesotaatii gaditti moonaa keessa uduu jiru, hojjattoota mana itti gaafatamaa qeesota keessaa takkatiin ni dhufitte,

67Isiin'llee Phexiros ibidda yoo oo'ifatu argitee, guuttattee laalitteeniiti, «Ati'llee Yesusii Naazireetii woliin turte?» ni jetteen.

68Inni garuu, «Ani hin beeku, wonitti ati jettuu'llee naaf hin gallu» jechu'uun ni waakkate. Kana'llee jedhee gara alaa titti akkuma bayeen, lukkuun ni iyye.

69Hojjatittiin'llee Phexirosiin argitee, worra achi dhaabataniif, «Kun'llee gara worra isaati!» jechu'uun, deebitee dubbachuu jala ni qabdde.

70Inni garuu deebi'ee ni waakkate. Yeroo muraasa turee'llee namoonni achi dhaabatanii turan Phexirosiin, «Nama Galiila'aa ta'uu kee haasofnni keetuu qajeelaan ni ibisa, kanaaf dhugamaanuu ati'llee nama gara isaaniitii,» jedhaniin.

71Inni garuu, «Nama jettan kana ani isa hin baakuun!» jedha'aa, mataa isaa abaaruu fi kakachuu, jala ni qabe.

72Bakkumatti lukkuun yeroo lammaffaa ni iyye, Phexiros'llee, «Uduu lukkuun yeroo lammaffaa hin iyyin, harka sadihii ana ni waakkatta» jechu'uun, dubbii Yesus dubbate waan yaadanneef, fiqqifatee, ni booye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help