1Yeroo sanitti Yohaannisiin cuuphaan gammoojjii Yihuda'aa keessa lallaba'aa ni dhufe.
2 ni jedha ture.
3« ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa,
xurree'llee qajeelchaa!› Jedha'aa qooniqqa nama gammoojji'itti iyyuuti»
jedhee nabiyyichi Isaayaas ka dubbate, waayee Yohaannisiiti ture.
4Uffanni Yohaannisii'llee rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi daamma daamu'uu ni ture.
5Yeroo sanitti'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa mara irraa, naannoo Yordaanosii mara irraa'llee, namoonni gara Yohaannisii ni dhufan ture.
6Cubbuu isaanii himata'aa, laga Yoordaanosii, harka Yohaannisii titti ni cuuphaman turan.
7 haala misha'aan ni qulqulleessa. Qamadii'llee Gootaraa isaa titti ni galcha, ibbiqiin garuu ibidda hin badinneen ni guba.»
Cuuphamuu Yesusii(Mar 1:9-11; Luq 3:21-22)13Yeroo sanitti Yesus harka Yohaannisii titti cuuphamu'uuf, Galiilaa gara laga Yoordaanosii ni dhufe.
14Yohaannis'llee, «Kun ammoo hin ta'u, ani harka keetitti cuuphamuu yoo narraa malu, attamitti ati gara kiyya dhuftta!» jedhee, dhooguunii jala ni qabe.
15Yesus garuu, «Hujii qulqullaayomaa mara karaa kanaan raawwachuun waan nurraa maluuf, amma dhiis, akkuma kana haa taa'u» jechu'uun ni deebiseef. Yohaannis'llee dhimmichatti wolii galee Yesusiin ni cuupheen.
16Yesus cuuphamee bakkumatti akkuma bishaan keessaa bayeen samiin ni baname, Hafuurri Waaqaa'llee fakkeenna handari'iitiin bu'ee Yesusiin irra yoo taa'u ni arge.
17Mat 12:18; 17:5; Mar 1:11; Luq 9:35.Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.